26/08/2026
Shanee fi Faannoo
Shanee fi Faannoo waliin ta'uun uummata nagaa rakkoo fi miidhaa hamaaf saaxilaa jiru . Humnootni kun dantaa dhuumfaa fi siyaasaa isaaniif jecha nageenya naannichaa booressuun, lubbuu lammiilee fi qabeenya isaanii irratti miidhaa guddaa geessisaa jiru. Tarsiimoon isaanii kun uummati akka hiyyummaa, buqqaatii fi sodaa keessa jiraatu taasisuun haala jireenyaa isaanii qoramaa taasiseera.
Gamtaan humnoota badii kanaa hammeenya isaanii kan agarsiisu yoo ta'u, isaan gidduutti walta'iinsi uumame kun rakkoo uummataa caalaatti babal'isuuf kan kaayyeffatedha. Tokkummaan isaanii kun humnoota miidhaa geessisan caalaatti cimsuun, jireenya uummata bal'aa sodaa fi dhiphinaan guute keessatti akka gaggeeffamu taasiseera. Haala kana dura dhaabbachuuf ammoo tokkummaa fi cimina uummataa akkasumas qaamolee nageenyaa cimsanii itti fufuu gaafata