10/04/2026
💥💥Maalif ofiin of balleessinaa?✅
Hunda dura, uummanni keenya "hortee kuush" ta'ee guddummaan keenya damee hundaan yoo ibsamu, wanti maqaa badaa nutti baase " tokkummaa dhabuu fi ofiin of balleessudha."
Ka'umsi tokkummaa dhabuufi of balleessuu maali laata jennee yoo of gaafanne deebii dhabuu ta'a. Sababni immoo akka namaatti guutuu taanee uumamne, akka sabaatti eenyummaa fi sabboonummaa saba kamiinuu gadi hintaane.qabna. "Sirna Gadaa' sirna cimaa baraan hin daangofne, kan warri adii fi gurraachi nurraa dhaalanii kan ofii godhatan qabna. Dubbii fi jecha gurra waaqatti dhageechisu qabna. Safuu fi safeeffannaa gochaan ija waaqatti mul'atus nu 'Oromoo' bira danuutu jira. Dhaloonni darbe kana mara nudhaalchisee lufan. Maarree nuti dhaloonni ammaa kun eessa awwaalle?, Moo ni gurguranne laata?, moo nujalaa hatame?
Seen-duubeen akka jedhutti, Oromoon dhala ofii mitii kan ormaatuu fuudhee kan isaa godhata. Yoo harki isaa danaa'es gumaa kanfala. Nama miti lubbuu kamuu yoo baase seera itti tolchee gatii lubbuu sanaa olqaba. Aagii waaqa gaafata. Garuu, har'a maal gochaa jirraa?. Inumaayyuu Oromoon diinota sadii gurguddoo argeera. Inni duraa fi turaan sirnoota darbani. Uummanni keenya qabsoo gitaa gaggeessen harqoota diina kanaa burkuteessee ofirraa kuffisee jira. Inni itti aanu aadaa hojii badaa fi hiyyummaadha. Hojii tuffachuun hiddi hiyyummaa akka yabbatu goonee jirra. Kan sadaffaa ,diina hamaa uummata keenya araddaafi abdaarii isaa irratti salphise "riphee lolaa, kan kaayyoo full'aa hinqabne, Shaneedha."
Oromoon sirnoota gabbataa bocee baroota dheeraf ittiin ofbulchaa ture, kan addunyaaf fakkeenya ta'e cichoomee ofharkaa qaba. Malkaa fi tulluutti bahee dubbatee waaqa fi lafa ittiin dhageechifata. Uumama qabatee uumaa isaa waammatee hamtuu qe'ee isaatii ari'ata. Ajab! maal jennaree har'a kan ilmi sagalee abbaa dhagahuu didu kana!,kan boo'icha haadhaa arguu dhabu kana!, Kan dhiigni obbolaa walmararuu didu kana!, Kan namni namoomaa of baasee hinjirree nafeeffate kana!. Naatoo namummaa walirraa dhabne. Ammas ammas Ajab!,
Baatuu ofitti baafne!. Uummanni kun ormaanuu gidirfamee takkaayyuu hamma kana boroo isaarratti hinsalphanne. Malas dhabee oliifi gadi hin waallalle. Dorrobaan hinqalamne, safuudha!. Maatii fi waatin isaas hindararamne. Qotatee galfachuun , elmatee unachuun , tolfatee nyaachuun, qalatee murachuun, horee mooratti galfachuun, ijaarratee keessatti boqachuun, du'aa ofii awwaallachuun, sirna ofii gaggeeffachuun... takkaayyuu hindhibne. Dhageessanii beektuu?, Yoo beektan bara kami?. Eenyuni???
Qoosaa qabsoo fakkaatte! Jaarraa 21ffaatti, diinni uummata oromoo inni angafti shaneedha. Qabsoon sanyii hatanii miti, dhaloota beelessanii miti, abbaa qe'ee buqqisanii miti, sangoota qalanii harqoota fannisanii miti, maaddii gombisanii miti, dhaloota doomsanii miti, beekaa ajjeesanii miti, bosonatti galanii miti, namoomaa bahanii miti, shurrubbaa dhahanii miti, garee badii ijaaranii miti, haqa ganamaa dagatanii miti, hanna dalaganii miti, soba dubbatanii miti. sanyiifi lafa walhanqisanii miti. Qabsoon kanneen of keessaa hinqabdu, ni balaaleffatti. Qabsoon biyya ijaara malee biyya hindiigu. Namoomaf malee nama hinballeessu. Qabsoon qorsa!, Waa fayyifti. Haqa badde deebifti. Qoosaa qabsoo fakkaatte tanaan 'Waa meeqa dhabne'!,......Uffooyi!!.
Hundaafuu, uummanni keenya ( Aabboo fi harmeewwan, jaarsaafi jaartin, xiqqaafi guddaan, dhiira fi durbi), ulfoo qabatee, namaafi korma sa'aa camadee, farda luugamee nageenyi akka bu'uuf malkaafi tulluutti kadhata gaggeessaa ture. Ammas kadhataa jira. Kanaanis gara- laafeyyii hedduun daandii nagaatti deebi'anii jiru.
Dhaloonni gochaa badii kamiiyyuu yaa ta'u waan sabni keenya jibbuu fi hinqabne dalagdan irraa ofqusachuun faaran isin barbaachisa. Faddaaltonni lubbuu qaalii waaqni uume akka salphaatti qarshiitti jijjiirrachaa ooltanis irraa ofqusadhaa! Oromummaan namummaadha!, qajeelummaadha!,Uumamas!,....