11/06/2026
Maatii harka qalleeyyiirraa kaampii godaantootaa keessatti dhalate, asuma hidda dhaloota isaan Sudaan Kibbaati, tapha waancaa addunyaa 2026 irratti mul’achuuf deema! Inni eenyu?
Hireen ilma namaa ganamuma gaariis hamtuus qabdi. Tokko maatii dureeyyiirraa, inni biroo ammoo harka qalleeyyii irraa dhalata.
Kana yoo jennu kanneen maatii qabeenyi isaanii giddu galeessa taheerraa dhalatan hin jiran jechuu miti.
Mee waa’ee taphataa hiddi dhaloota isaa Sudaan Kibbaa, maatii daran harka qalleeyyiirraa kaampii godaantootaa Keeniyaatti argamu keessatti dhalatee haa kaasnu.
Maqaan isaa guutuun Aweer Buul Maabil jedhama. Akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1995 dhalachuu seenaan durduubee taphatichaa eerera.
Maatii harka qalleeyyiirraa sanuu kaampii godaantotaa keessatti dhalachuun addunyaatti ol ba’aa miti ganda keessatti dhalatee keessaa ni ba’a jedhee namni amane qubaan lakkaa’ama turee jedha barruun waa’ee taphatichaa xiinxale.
Inni umrii isaa ijoollummaatti miila duwwaa faantoo (kaalsii) walitti hodhee akka ittiin taphachaa tureefi bultii keessa abjuun taphataa kubbaa miilaa tahuu akka dhugoomeef himameera.
Godaansarratti maatii harka qalleeyyiirraa kan dhalatee Aweer bultii keessa maatii isaa godaansa godaansaan Awustiraaliyaa galuun kan himame yoo tahu namni kaleessa kaampii godaantootaa keessatti waanuma arge walitti hodhee boca kubbaa qabsiisuun ittiin taphachaa ture har’a kunoo taphattoota Kuma 1 fi 248 waancaa addunyaa 2026 qopheessummaa Ameerikaa, Kanaadaafi Meeksikoon gaggeeffamurratti argamuuf garasitti imalan keessaa tokko taheera.
Aweer garee biyyaalessaa Awustiraaliyaaf kan taphatu yoo tahu ramaddii tapha waancaa addunyaa baheen Garee D jalatti Turkiyyee, Ameerikaafi Paaraagaay waliin morkata.
Maatii harka qalleeyyii hiddi dhaloota isaanii Sudaan Kibbaa, godaansarra osoo jiranii kaampii godaantootaa Keeniyaatti kan dhalatee fi bultii keessa godaansaan Awustiraaliyaa gahuun lammummaa biyyatti argachuun amma carraa garee biyyaalessaa bakka bu’uun tapha waancaa addunyaarratti hiriiruu kan argate Aweer Buul Maabil Dilbata dhufu Turkiyyee waliin akka taphatu saganteeffameera.
Bu’aa ba’iin jireenyaa Aweer Buul Maabil Sudaan Kibbaa, Keeniyaadha hanga Awustraaliyaa keessa darbee tapha waancaa addunyaaf qaqqabe qormaata bal’inatti jijjiiruuf, ilkaan cininnatan imaluun kaayyoofi mul’ata qaban akka milkeessu namatti agarsiisa.