10/07/2026
🙏
Jireenyi nama hundaa imala jalqabbii tokkoo irraa ka'a. Milkaa'inni nama ajaa'ibsiisu kamiyyuu tasuma hin dhalatu; Kutannoo, obsa, cimanii hojjechuu fi, hunda caalaa, gargaarsa Waaqayyootiin ijaarama. Kitaabni kunis yaada qofa irraa kan madde utuu hin ta'iin; kadhannaa, xiinxala gadi fagoo, muuxannoo jireenyaa fi ayyaana Waaqayyoo irraa kan dhalate dha.
Yeroo baay'ee namoonni milkaa'ina barbaadu; garuu eessaa akka jalqaban wallaalu. Namoonni hedduun kaayyoo guddaa qabu; garuu bu'uura sirrii dhabuu isaanii irraa kan ka'e imala isaanii gidduutti dhaabbatu. Kanaaf gaaffiin guddaan, "Eessaa Jalqabuu?" jedhu, gaaffii jireenya nama hundaa ilaallatu dha.
Yeroon barreessuu kitaaba kanaa, yeroo gammachuu qofa osoo hin ta'in yeroo wal'aansoo, yaaddoo, dadhabbii fi qormaata adda addaa keessa darbeera. Garuu haala hundumaa keessatti ayyaanni Waaqayyoo naaf baayyachuun, abdii natti horee humnako haaressuun, hojii kana akkan xummuru na taasise.
Ulfinni hundi Waaqayyoof haa ta'u. 🙏
Kitaabni kun qubee walitti qindeeffame qofa miti. Kadhannaa, imimmaan, yaada gadi fagoo, muuxannoo jireenyaa, fi hawwii dhaloota imala isaanii bakka sirrii irraa jalqabanii jireenya isaanii jijjiiran argu irraa dhalate. Sababiin isaas, milkaa'inni bakka ga'uu qaban ga'uu qofaan hin madaalamu; galma ga'uudhaaf bakka sirrii irraa jalqabuuns murteessaadha waan ta'eef.
Walumaa galatti, hawwiin koo inni guddaan, namni kitaaba kana dubbisu kamiyyuu of ilaalee, of hubatee murannoo haaraan ka'ee gara kaayyoo Waaqayyo isaaf qopheesseetti deemu isaa arguudha.
Maarree fuuldura kanatti guyyaa fi bakka itti eebbifamu isin beeksifna.
Hangasitti gochuun nama hundaan akka naaf geessiftan kabajaan isinan gaaffadha.🙏