04/10/2025
#
Ibsa balaaleffannaa Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa irraa kenname
Naannoo Amaaraa godina wolloo kibbaatti magaalaa Makaana salaam masjiida Nuuritti yeroo salaata Ishaa'ii qaamoleen hidhatan masjiida seenuun imaama masjiidichaa fi itti aanaa walitti qabaa majliisa magaalaa makaana salaam kan ta'an Sheihk Jamaal Kamaal, koree masjiidaa fi kaadimoota ( tajaaliltoota) masjiidaa, haala suukanneessaa ta'een ajjeesuu isaanii majliisni naannoo Amaaraa mirkaneessee jira.
Majliisni Federaalaas dhaabbileen amantaa iddoo kabajamaa waan ta'aniif isaan eeguu malee haala kanaan gochi gara jabummaan kun isaan irratti raawwatamuu isaatiif cimsee balaaleffata.
Dhaabileen amantaa hunduu gochoota badii naannoo manneen amantaatti fi hordoftoota amantichaa irratti hojjataman kana cimsee akka balaaleffatuu fi eegu manni marichaa waamicha dhiyeessa.
Kana male ummanni musliisaa bakka jiru hundatti gochoota badii dhaabilee amantaa fi hordoftoota amantichaa irratti yeroo gara garaatti adeemsifamu kana yeroo yerootti odeeffannoo wal jijjiiruun ofirraa eeguu qaba.
tv