Qaalii abbe

Qaalii abbe Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Qaalii abbe, Grocers, Amboo, Addis Ababa.

Malli maali 😭Sabni kun hanga yomitti dhuma hanga yomitti qe'eef qabeenyi isaa gubata!💔Guyyaa har’aa Konkolaataan Uummata...
20/08/2026

Malli maali 😭
Sabni kun hanga yomitti dhuma hanga yomitti qe'eef qabeenyi isaa gubata!💔

Guyyaa har’aa Konkolaataan Uummata Fe’ee Shanan Giddaa irraa ba’e Dichii Ganda Tulluu Leencaa Bakka Bishaan Gonfaa jedhamutti Finxaalessi Dhukaasa akkuma itti banteen Raayyaan Ittisa biyyaa muraasni kan uummata ajjabanii turan ni dheessani.
Yeroo ammaa Uummatni gara garatti faca’e jira. Konkolaachistoota dabalatee kan ajjee*faman hedduu ta’anis Gariin Humna Faannootiin akka butamanii jirantu himamaa jira.
Ammaaf kan jiruuf kan du’e Maqaan adda hin baane.

Waa’een uummata kanaa hedduu garaa Nama nyaata 💔

Kan durii caalaa uummatni kun Birmannaa barbaada.
Sagalee haa taanuufi !
✍️ Taaddee Fiixaa

🌿 Mijjirii Haacaaluu Hundeessaa — Fulbaana 18, 2019 🌿Haacaaluun qaamaan nu bira jiraachuu baatus, kutannoon isaa, ejjenn...
19/08/2026

🌿 Mijjirii Haacaaluu Hundeessaa — Fulbaana 18, 2019 🌿

Haacaaluun qaamaan nu bira jiraachuu baatus, kutannoon isaa, ejjennoon isaa, kaayyoo fi karoorri isaa, akkasumas mul’anni isaa baraa hamma bara baraatti nu faana jiraata.

Ganni ba’ee birraan ga’uuf guyyoonni muraasni qofa hafu. Soniin Birraa eegaluuf jira. Kanaaf, baga Sona Birraa bara haaraa seenuuf jirtan geessan! 🌿❤️

Mijjirii Haacaaluu Hundeessaa, Magaalaa Amboo keessatti Fulbaana 18, marsaa 5ffaa gaggeeffamaa ture. Marsaan 6ffaanis Birraa baranaa, bara darban caalaa bifa adda ta’een gaggeeffamuuf qophiin barbaachisaan xumurameera.

Mijjirii Haacaaluu Hundeessaa maal irraa ka’e?

Tarii warreen hin beekneef, ka’umsi Mijjirii Haacaaluu Hundeessaa akkana:

🔹 Haacaaluun yeroo lubbuun jiru, Masqala irratti hiriyoota isaa waliin Goobee sirbuudhaan maallaqa walitti qabaa ture. Maallaqa sanaanis harka qalleeyyii barachuu hin dandeenyeef dabtaraa fi qalama bitee, akka baratan taasisaa ture.

🔹 Harka qalleeyyii fi namoota deeggarsa barbaadan kanneen biroo gargaaruudhaan, qixa warra qabanii Masqala ayyaaneffachiisaa ture.

🔹 Akkasumas, namoota Mana Hidhaa Karchallee Amboo keessatti hidhaa umurii dheeraa hidhamanii turan, namoota dubbisuu fi barreessuu hin dandeenyeef akka baratan haala mijeessaa, ofiisaa barsiisaa ture.

Erga mana hidhaa ba’anii booddees, waan inni eegale bartee fi hojii gaarii ta’uun namoota hedduu qajeelcheera.

Kana sababeeffachuudhaan, kaayyoo Haaceen eegale itti fufsiisuuf, Mijjirii Haacaaluu Hundeessaa erga hundeeffamee waggaa 6ffaa isaa ga’eera. ❤️

Waggoota shanan darban keessatti:

🤝 Abbootii qabeenyaa, dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa, maatii fi hiriyoota Haacee irraa deeggarsa walitti qabuudhaan:

✏️ Harka qalleeyyii hedduuf dabtaraa fi qalama bitee deeggarsa taasisee, akka baratan taasiseera.

🏃‍♂️ Dorgommii fiigichaa hawaasa bal’aa hirmaachisu, maqaa Mijjirii Haacaaluu Hundeessaa tiin Magaalaa Amboo keessatti, Yuunivarsiitii Haacaaluu Hundeessaa irraa kaasee hanga bakka qoph

kamisa galgalaGama you tube isaa Lencho Gudina LG jedhuun irratti isin bira gaha. wel come
19/08/2026

kamisa galgala
Gama you tube isaa
Lencho Gudina LG
jedhuun irratti isin bira gaha. wel come

Marii gaarii seena-qabeessa
19/08/2026

Marii gaarii seena-qabeessa

isiin goota addunyaatiJaallawwaanKoImalli garaFuula duraatti
17/08/2026

isiin goota addunyaati
Jaallawwaan
Ko
Imalli gara
Fuula duraatti

16/08/2026

mee namnii na jaalatu qofti lubbuu jedhi darbii
15/08/2026

mee namnii na jaalatu qofti lubbuu jedhi darbii

    koo yaa isa dhugaa sabaa barbaadu yaa isa gumaa sabaa barbaadu yaa isa oromoof sagalee ta'u Artistiis ta'e gootummaa...
13/08/2026

koo yaa isa dhugaa sabaa barbaadu yaa isa gumaa sabaa barbaadu yaa isa oromoof sagalee ta'u Artistiis ta'e gootummaas ta'e kan akka kee hin dhalannees hin dhalatas jedhe hin yaadu ?? ati nuuf jiraate sabni keenya qe'ee isaa irra hin godaanu. 😭😭

qaalii saba
13/08/2026

qaalii saba

jara   kan seerri uummata anger guutee irra eegu maaliif dhabame 😭
13/08/2026

jara kan seerri uummata anger guutee irra eegu maaliif dhabame 😭

Address

Amboo
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qaalii abbe posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category