28/09/2026
"Loltuu ABO ta'ee, Daangaa Sudaaniifi Xoophiyaa gidduu, bakka Anbassaa Caakkaa jedhamu Dahannoo qabatee utuu jiruu, ijoolleen isa beekan Mandiirraa isa bira dhufan. Dhufuu qofa miti. Mardoo tokko fidaniif.
"Soolaneenkee hin heerumte" jedhanii dugda isa kutan. Mogoleen isa bu'ee, laamsha'ee, ofirra gad taa'ee, Hirsaasiisaa fudhatee, waraqaa daalachooftuurratti imimmaan cobsaa, jechootas coccobse.
'Soolanee Soolanee
Gaafa Cidhakee mana hin turre
Dahannoo keessan ture
Waamichakee ooluuf na komattaaree?' Jedhee walaloo toora galche.
Tulluu Walaloo Kiiloleewwan danuu duubaan mul'atu sana. Gammachuu Birrii.
Namni kun Bara Dargii ABO tti makamee, Damaazenii dirree lolaa ABO n Dargii waliin wal morke danuurratti hirmaatee, rasaasaan bakka lama rukutamee ture.
Sirba danuun keenya yaadannoo ijoollummaafi dardarummaa irraa qabnu kan Dawit Mekonen sirbe Soolanee isatu mudannoosaa dhugaa walalootti jijjiiree Daawwiteedhaaf laannaan, Daawwiteen ammoo Kiiloleesaatiin nu dhamdhamsiise.
Hirphaa Gaanfuree dabalatee humna jechootasaatu kiiloleesaaniitiin faayamee, gurra keenyarraa qillise.
Eebbisaa Addunyaa, Jireenyaa Ayyaanaa, Yooseef Gammachuu, Ilfinash Qannoo, Usmaayyoo Muusaa, Abdii Qophee, Biqilaa Guyyootaa, Adam Haaruun, Raayyaa Abbaa Maccaa, Muktaar Usmaaniifi Haayiluu Kitaabaafaan hiriyootasaa warranni waliin hojjetaa turedha.
Namni kun yeroo ammaa dagatamee, dhibeen irratti wal furee, waan nyaatullee dhabee mankaraaraa jira. Dhiyoo kana Makkoo Bilii Show irratti dhiyaatee ture. Haala ulfaataa keessa jiraachuusaa dubbate.
Nama kana gargaarree utuu furree, bor quba hin nyaannu! Itti haa yaannu!"π