22/09/2023
Ayyaanni Irreechaa ibsituu tokkummaa Oromooti!
= = = = = = = =
Waajjirri Aadaaf Tuurizimii Godina Buunnoo Beddellee akkaataa kabaja ayyaana irreechaa milkeessuun danda'amurraatti Abbootii Gadaa, Hadholii Siiqqee fi qooda fudhattoota waliin mariyateera.
Ittigaafatamtuun Waajjira Aadaaf Tuurizimii Godina Buunnoo Beddellee Aadde Hinseenee Mirkanaa uummatni Oromoo dudhaaf aadaa gaarii qabuu keessaa tokko waaqa uumaaf galata galchuudhaa jedhan. Kanaafis Oromoon araaraaf tokkummaan bahee uumaa isaa irreechaan galateeffataa jedhan. Ayyaannii irreechaa kunis mallattoo nagaaf tokkummaa Oomoo waan ta'eef ayyaanni Irreechaa bara kana Hora Finfinneef hora Arsadii Fulbaana 26f 27 kabajamu milkaa'inaan akka xumuramuuf qaamni hunduu gaheesaa bahuu qabaa jedhan.
Bulchaa Ittaanaan Godina Buunnoo Beddellee Obbo Girmaa Fiqaadu Irreechi mallattoo tokkummaa Oromoo waan ta'eef ayyaanni kun bifa ho'ina qabuufi naga qabeessa ta'een akka kabajamuuf hunduu tumsuu qabaa jedhan. Milkaa'inni ayyaana Irreecha Hora Finfinneefi hora Har-sadee guddummaa Oromoo agarsiisuu keessatti shoora olaanaa qaba kan jedhan Obbo Girmaan hirmaattotni ayyaanichaa godina keenyarraa imalanis akkaataa dudhaa ayyaanichaan hirmaachuun gahee isaanii bahuu qabuu dhaaman.