12/05/2026
❤️ AARSAA JAALALAA ❤️
Kutaa 2ffaa
❤️
Ganama keessaa qilleensi Magaalaa Gincii suuta jechuun bubbisaa ture. Daandii irratti namoonni hojii isaanii irratti bobba’anii kaan immoo mana barnootaatti ariifachaa jiru. Garuu keessaa nama tokko qofaaf guyyaan sun adda ture — innis Adnan.
Adnan konkolaataa keessaa yeroo bu’u lapheen isaa saffisaan rukutamaa ture. Yeroo dheeraaf Facebook irratti waliin haasa’aa turan keessaa har’a yeroo jalqabaaf Soolanee fuuldura isaa dhaabbatti jechuun yaaduun isa keessatti gammachuu fi soda xiqqoo wal makaa ture.
Bilbila isaa keessaa baasee: “Selam Soolaa… ani dhufeera,” jedhe sagalee laafaan.
Soolaneen gama biraatiin yeroo sagalee isaa dhageessu fuulli ishee ifaan guutame. Uffata salphaa garuu namatti tolutti uffattee, rifeensa ishee gurraacha qilleensa waliin socho’aa ture sirreessitee, “Eessa jirta?” jechuun gaafatte.
“Naannoo bustoppii guddaa kanaan jira.”
“Achumaan turi… dhufaa jira.”
❤️
Daqiiqaa muraasa booda Adnan fagoorraa shamarree tokko gara isaa deemtu argu jalqabe. Akkuma isheen dhiyaattu lapheen isaa daran rukutamuu jalqabe.
“Soolanee… jechuun ishee kana moo?” jedhee of keessaa gaafate.
Isheen yeroo isa bira geesse, yeroo muraasaaf walitti jechuun callisan. Ijaan wal ilaalu qofa. Addunyaan isaanii yeroo san keessatti akka dhaabbatte fakkaata ture.
Soolaneen suuta kolfitee, “Ati jechuun Adnan isa Facebook keessaa sana?” jette.
Adnan immoo yeroo jalqabaaf yeroo dhugaan ishee argu dubbii dhabee hafee ture. Bareedinni ishee suuraa keessatti arguu caalaa dachaan ture.
“Eeyyee… ani isuma,” jedhe xinnaa rifachaa.
Lamaan isaanii suuta jechuun karaa magaalaa keessa deemuu jalqaban. Haasa’aan isaanii akka namoota waggoota hedduuf wal beekanitti walitti dhiyaataa ture. Namoonni isaanii bira darban illee yeroo tokko tokko gara isaanii ilaalu; sababni isaa wal simannaan isaanii keessatti gammachuu qulqulluun mul’ataa ture.
Garuu yeroo isaan bashannanaa turan keessaa, Gammachuu isaanii keessatti wanti hin eegamne tokko mudate.ittifufa follow