Wa/Bu/Nageenya Bu/Ma/Da/Dolloo

Wa/Bu/Nageenya Bu/Ma/Da/Dolloo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Wa/Bu/Nageenya Bu/Ma/Da/Dolloo, Grocers, Dambi Dolloo, Dembi Dolo.

12/09/2025
27/01/2025

Yaadama Mo’ataa Fedhii fi Faayidaa Uummataa Mirkaneesse!
********
Bu’uurri milkaahinoota keenyaa yaadama keenya. Imalli gara badhaadhinaatti eegalle yaadama sirrii fi mo’ataadhaan faayamee fayyadamummaa hedduuwwanii dhugoomsaa jira.

27/01/2025

"Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa Irratti Murtoowwan Gurguddoon Ni Murtaa’u" Obbo Adam Faaraah

Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaa gaggeeffamurratti murtoowwan guguddan kan murtaa’an ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Obbo Adam Faaraah Yaa’icha ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniin, Paartichi yaa’ii isaa 2ffaa Amajjii 23-25, 2017 Magaalaa Finfinneetti kan gaggeessu akka ta'e ibsaniiru.

Yaa'iin idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa murtoowwan guguddoon kan itti murta'anii fi kallattiin fuulduraatis itti kaa'am ta'uu himaniiru.

27/01/2025

Turizimiin Utubaa Dinagdee Biyyaati!
=
Biyyoonni hedduun qabeenya uumamaan qaban irratti sona dabaluun akkasumas giddugaloota turizimii haaraa hojjechuun damee turizimii irraa dinagdee cimaa ijaarrataniiru.
Naannoon Oromiyaa uumamaan giddugaloota turizimii akkasumas iddoowwan hawwata turizimiii hedduun kan badhaate ta'uus hanga barbaadamu dinagdee biyyaaf bu'aa buusaa hin turre.

Haa ta'u malee jijjiiramaa as Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee turizimiitif xiyyeeffannaa kennee hojii hojjechaa jiruun foyya'iinsi jajjabeessaan argamaa jira.

Hojii hojjetameenis Iddoowwan hawwata turizimii jiran hawwattummaa isaanii dabaluun turistoonni alaafi biyya keessaa akka daawwatan ta'aa jira.

Gama biraatin iddoowwan miidhagina qabaniifi diinqisiifaman hanga ammaatti giddugala turizimiitif hin oolle adda baasuun bu'uraalee misoomaa barbaachisu guutuun tajaajilaaf banaa akka ta'an gochuun bu'aa akka argamsiisan taasifamaa jira.

Kanaanis lakkoofsi turistootaa alaafi biyya keessaa dabaluun galii irraa argamuus daran dabalaa dhufee jira.

Damee turizimii caalmaatti cimsuun galiin irraa argamu dinagdee biyyaa sadarkaa olaanaadhaan akka utubu danda'u gochuuf ammoo hunduu carraa argateen naannoofi biyya isaa beeksisuun ambaasaaddara naannoofi biyya isaa ta'uu qaba.

Odeeffannoo Dabalataatiif

Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/
------
TikTok: tiktok.com/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

27/01/2025

Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa geggeeffamuuf jedhu irratti murtoowwan guguddoon ni murtaa’u “Obbo Adam Faaraah”
~~~

Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaa gaggeeffamurratti murtoowwan guguddan kan murtaa’an ta’uu Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartichaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Obbo Adam Faaraah Yaa’icha ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniin, Paartichi yaa’ii isaa 2ffaa Amajjii 23-25, 2017 Magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Yaa'iin idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa murtoowwan gurguddoo kan murta'aniifi kallattiin fuulduree paartichaa kan kaa'amu ta'uu himaniiru.

Ergaa Bagaa Ayyaana Masqalaa Geessanii itti gaafatamaa Waajjira  Nagaa fi Milishaa  Bulchiinsa Magaalaa Dambi Doolloo da...
26/09/2024

Ergaa Bagaa Ayyaana Masqalaa Geessanii itti gaafatamaa Waajjira Nagaa fi Milishaa Bulchiinsa Magaalaa Dambi Doolloo dabarsan.

Hordoftoota amantaa kirstaanaa maraan baga guyyaa kabaja ayyaana Damaraa fi Masqalaa bara 2017 nagaan geessan jechaa, ayyaanichi kan nagaa, kan gammaachuufi jaalalaa akka isiniif ta’un hawwa.

Ayyaanni Daamaraafi Masqalaa Sadarkaa biyyoolessaafi naannoo keenyaatti hordoftoota amantaa Ortodoksii biratti ayyaana sirna hoo’aadhaan kabajamuudha. Ayyaanni Kun hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti yaadannoo argamuu Fannoo gooftaa Iyyesuus kiristoos sababeeffachuun kabajama.

Ummata Oromoo hordoftoota amantaa kiristaanaa ta’an biratti immoo ayyaanni Masqalaa yeroo waqtiin dukkana gannaa darbee birraan bari’utti kan kabajamu waan ta’eef namni hundi qe’ee isaatti xombora ibsuudhaan hawwiifi abdii bara ifaafi nagaaf qabuun kabaja. Waqtiin kun yeroo Abaaboon ilillii birraa dhootee, lafti hundi uumamaan faayamee nama hawwatu waan ta’eef ayyaana abdii gaariin itti horatamufi sirna hoo’adhaan Kabajamuudha.

Ayyaanni Masqalaa Barii birraa Bara haaraatti kabajamu kun akka hangafa ayyaanaatti ilaalama. Dargaggoonnis akkas jechuun sirbu “Masqala mootii ayyaanaa, Masqala maaltu wallaala, Huursii sirbi yaa tiksee Masqalatu fuula nu ibsee” jechuun Masqalli abdii ifa birraa ta’uu ibsatu. Guyyaan Kun guyyaa gammachuufi sirba Iyyoosheetiin kabajamuudha.

Hordoftootni amantaa kiristaanaafi ummanni magaalaa keenyaa hundi ayyaanota Ummataa kamuu yeroo kabajnu jaalala, tokkummaafi duudhaa waliin jireenyaa keenya karaa cimsuufi nageenya waloo keenya bifa utubuun ta’uu qaba. Duudhaafi aadaan waliin jireenyaa keenyas jaalalaafi wal kabajuun waliin jiraachaa kan turre ta’uu keenya addunyaatti ibsa. Ammas akkuma kanaan duraa duudhaa wal kabajuufi waliin jireenyaa keenya caalmatti cimsuudhan nageenyafi tokkummaa keenya tikfachuu qabna.

Hawaasni magaalaa keenyaas Yaaddoofi dhimmoota shakkisiison yeroo quunnaman qaamolee nageenyaa naannoo isaa jiruuf eeruu kennuudha

Beeksisa Qacarrii Dargaggootaa fi Shamarran hojii barbaadan hundaaf!!!Koomishiniin poolisii federaalaa Dargaggoota ulaag...
25/07/2024

Beeksisa Qacarrii
Dargaggootaa fi Shamarran hojii barbaadan hundaaf!!!

Koomishiniin poolisii federaalaa Dargaggoota ulaagaa guutan filatee Leenjisuu barbaada. Kanaafuu dargattotas ta'ee shamarran ulaagaa armaan gaditti ibsame guuttan akka galmooftan isiniin jenna.

@ barbaachisu@@
1. Lammummaa Etihiopia kan ta'e /taate
2. Barumsa kutaa 8 fi isaa ol kan qaban
3. Umurii 18-25 kan ta'e /taate
4. Dheerina dhiiraaf 1.65 cm fi dubaraaf 1.55 cm
5. Bakka Ramadaman hundatti Hojjechuuf fedhii kan qaban
6.Fayyaa qaamaa Guutuu kan qaban

Ulaagaa ibsame kan guuttan Ragaa barnoota keessanii qabachuun akka dhuftanii galmooftan isin beek sifna.

@ Bakka Galmee W/ra poolisii Magaalaa Dambi Dolloo
@ Guyyaa galmee Adoolessa18/2016 - 28/2016 ti.

Address

Dambi Dolloo
Dembi Dolo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Wa/Bu/Nageenya Bu/Ma/Da/Dolloo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category