Imala kaayyoo

Imala kaayyoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Imala kaayyoo, Grocers, DD sayyoo, Dembi Dolo.

Hiree!Nama lubbuun darbeDu'e jennee boonyaGaddasaa ibsachuufGuyyaa sagal teenyaSeenaasaa faarsinaImimmaan harcaasaaHammi...
29/07/2024

Hiree!
Nama lubbuun darbe
Du'e jennee boonya
Gaddasaa ibsachuuf
Guyyaa sagal teenya
Seenaasaa faarsina
Imimmaan harcaasaa
Hammina inni qabus
Walitti hasaasaa

Kan yeroo lubbuun jiru
Eessa jirtaa hin qabne
Yeroo rakkinasaatti
Barbaacha hin arganne
Kan agabuu bulu
Qoonqoon fala taatee
Kan qullaasaa yaa'u
Daa'imasaa baatee

Kunuunsa hin jibbine
Jireenya qananii
Kan jiruunsaa taate
Harkaa gara afaanii
Maal godharee boo'uun
Erga inni sokkee
Jiraattoo hin gargaarree
Hin dhaabannewoo bukkee
Sobdee maaf gadoodda
Gaafa awwaalchasaa
Harka qabuu dhiistee
Guyyaa rakkinasaa

Har'a yoo birmanne
Walii walii keenyaa
Yoo Wal iyyaafanne
Hamtuudhaaf hammeenya
Dirqama namummaa
Isa waaqnis fedhu
Haadhookee gargaaruu
Kan macaafnis jedhu

Jiraatti gargaartee
Yoo darbes lubbuudhaan
Duuti hiree isaati
Hin duutu gaabbiidhaan
Egaa
Wal haa iyyaafannu
Walbira haa dhaabbannu
Rakkoo walii keenyaaf
Furmaata haa barbaannu
Jedheetan xumura
Dhaamsakoo ishee yartuu
Kunoo obboloonnikee
Akkasiin jiraatu!
πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

20/06/2024

*Dubbisaatii waa keessa barbaaddadhaa!
πŸ‘‡
Elaamee miillakoo
Miillakoo qaama gadii
Daandii siif ta'u fili
Hin deemin karaa badii
Hooggansakee dhaga'i
Isa si gararraa
Ofittummaa dhiisi
Hin maqin karaarraa

Waliif galuu wayya
Rifeensaa hamma qeensaa
Wal dhaga'i qaamakoo
Waliif galuun bayeessaa
Bahuuf galuu kankee
Hooggansikee haa beekuu
Sammuuf ajajami
Isa fayyaakee eegu
Walii hin galtan taanaan
Mataa hamma miillaatti
Yoo Wal hin jabeessine
Akka sibiilaatti
Eessayyuu hin Geessani
Qofa qofaa yoo fiigdanis
Birmannaa hin qabdani
Waraansaan yoo dhiigdanis

πŸ‘‰Sii yaa miillaa!
Na dhaggeeffadhu
Situ ariifataa
Qaama hunda harkistee
Kophaa fuuguuf kaataa
Deemsikee ta'uu qaba
Deemsa kaayyoo qabu
Miilli kaayyoo hin qabne
Qarxam! Jedhee haa cabu
Hin deemin lafa badii
Lafa ajaaf raqaa
Miilla kaayyoo hin qabnetu
Lafa akkasii dhaqa!.....................................................................
Waan dubbistaniif galatoomaa!

Hin gaabbin!πŸ‘‡An maafan dhaladheAddunyaa kanattiHaatikoos na deesseCinqiif rakkinattiUtuun bishaan ta'eeGaafas dhangala'e...
31/05/2024

Hin gaabbin!πŸ‘‡

An maafan dhaladhe
Addunyaa kanatti
Haatikoos na deesse
Cinqiif rakkinatti
Utuun bishaan ta'ee
Gaafas dhangala'ee
Nama ta'uu dhiisee
Utuun garaatti hafee
Silaa rakkoon har'aa
Eessaa na argata?
Cinqiin dhagaa guuree
Maaf natti darbata
Jettee hin guungumin
Jiruukee hin abaarin
Cinqii Bor dabartuuf
Sammuukee hin dararin
🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿
Baguma dhalattee
Dhalootakee hin gaabbin
Rakkinakee ilaaltee
Tuftee hin arraabin
Har'a dhi'e jechuun
Bor duukkana mitii
Barris Wal lakkooftee
Wal guurtee darbitii
Kan duuba Kee jirus
Akkasiin jabeessi
Gaabbiin homaa hin fidu
Ilaalcha Kee haaressi!
πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™

20/04/2024

πŸ‘‡Dubbisaa!

Hin kolfu hin boo'us
Garaan na laalataa
Irra keessaan nama
Keessikoo gubataa
Tokko muu! naan jedha
Beekaan na hubata
πŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈ
Waan nurkatti alaa'e
Yaada micciiramaaf dabaa
Qoccolloof hinaaffaa
Ilaalcha dadhabaa
Waan akka sanyummaaf
Laga lagaan wal hiruu
Ati achii dhufteen
Maqaa wal jijjiiruu
πŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈ
Abalu tumtuudha
Isheenimmoo duugduu
Jecha ciiggaasisaan
Qe'eetti wal gubduu
Bifaan wal abaaruuf
Dhabaan wal tuffachuu
Dhiiga walii xuuxuu
Foon walii cuffachuu
πŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈ
Hamma Kun jirutti
Eessaan nagaan dhufaa
Kana hin dhiisnu taanaan
Rakkinni itti fufa!
πŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈπŸ–‹οΈ
Kana egaa Kan na aarsu
Keessakoo bobeessee
Kan nagaa na nyaatu
Qalbii na macheessee
Namni namumadha
Kabajamuu qaba
Fuutee diqaalomsitee
Itti hin yaadin daba

πŸ‘‰Obboleesso!

Ati kabajamaadha
Kabajatu siif mala
Haadhookees kabaji
Itti hin labsin olola
Hin qoccolin hin abaarin
Dhugaadhaan jaalladhu
Maqaa balleessuu dhiisi
Hamtuu balaaleffadhu!

Galatoomaa!❀️

12/04/2024

Nama sangaa hate duukaa sangaa barbaaduun ofumaa jooruudha!

~A hero is someone who has given his or her life to something bigger than oneself.~A true hero is not measured by the si...
12/04/2024

~A hero is someone who has given his or her life to something bigger than oneself.
~A true hero is not measured by the size of his strength,but by the strength of his heart.
~Heroes are made by the paths they choose,not the power they are graced with.
~A hero is a person who says yes to the adventure.
~It is not history that makes heroes,it is heroes that make history.
~Heroes are ordinary people who make themselves extraordinary.
~ A hero is someone who understands the responsibility that comes with his freedom.

Rest in peace our Hero!

Ayi! Fufaakoo jireenyi edaa hammanumaa ?Garaatu na gubate nagaan boqodhu
07/04/2024

Ayi! Fufaakoo jireenyi edaa hammanumaa ?
Garaatu na gubate nagaan boqodhu

Dambidolloo jedheShaggar Gama taa'eeKan na reebuuf tureDullaa lafa kaa'eeNa sodaatee mitiOfirra taa'uunsaaDanbiidhaa dha...
04/01/2024

Dambidolloo jedhe
Shaggar Gama taa'ee
Kan na reebuuf ture
Dullaa lafa kaa'ee

Na sodaatee miti
Ofirra taa'uunsaa
Danbiidhaa dhaquukoo
Dhaga'e gurrisaa

Warra lafa seenaa
Hortee oliiqaafaa
Mee waa natti himi
Seenaa eebbisaafaa

Jedhee na kadhatee
Jilba na qabatee
Achumaa dhufuukoof
Adda na dhungate

Maaloo si fudhadheen gala
Na bira bultaa
Seenaa dambidolloo
Xiqqooshee natti himtaa
Jedhee na kadhatee
Konkolaataa waamee
Manaan na gaayate

Namni sila na reebuuf qophaa'e
Danbiidhaa dhaquukoo
Gaafuma dhaga'e
Naasuudhaan raata'ee
Ofirra gad taa'e
........... Nutu warra seenaati kanaaf nu kabaju malee iccitii addaa hin qabnu...................

..............................Safuu!Bara safuun badeHunduu jajal'ateeSobni suufiidhaan deemnaanHaqni moofaa uffateeIjool...
04/01/2024

..............................Safuu!

Bara safuun bade
Hunduu jajal'atee
Sobni suufiidhaan deemnaan
Haqni moofaa uffatee
Ijoolleef bakka laannaan
Maanguddoon salphatee

Abbaan haqaa hin gadoodaa
Kirrii dhugaa harkisaa
Sobni basha'ee kolfa
Haqa hacuucaa rakkisaa

Daataa sobaatu dabalee
Dhugaa hari'ee galche
Warra dur maseenetu
Soba lakkuudhaan dhalche

Maatiidhaan baay'atan
Lafa nurkaa fudhatan
Addunyaarra guutanii
Sammiittillee ol aggaaman

Titiisni baay'atteef
Qodaa buqqistiiree
Addunyaa dhunfattus
Dhugaa kuffistiiree

Huuqqina Kee hin tuffatin
Harkisi ammayyuu kirriikee
Faffagaatus karaa oolee
Didichaa dhufa barrikee.........................................................................

Dhabaa jettee hin waaminYookaanis rakkataa Jechaan madeessiteeIlaalchaan tuffataaNama akka keetiiDhabaan hin arrabsiniWa...
17/12/2023

Dhabaa jettee hin waamin
Yookaanis rakkataa
Jechaan madeessitee
Ilaalchaan tuffataa

Nama akka keetii
Dhabaan hin arrabsini
Waan haamileesaa cabsus
Jettee hin qaanessini

Eenyutu jaal'atee
Hiyyummaa filata
Kooruu osoo qabuu
Gadadoon jiraata

Akka waan ofiikee
Addunyaa qalaqxee
Aangoo mataa keetiin
Qabeenya sassaabdee

Har'a yoo duroomtes
Akka garaa keetti
Isa homaa hin qabnes
Tuffattee fagootti
Guyyaan tokko hin dhufa
Guyyaa Wal qaana'uu
Jechakee yaadattee
Ofirra gad taa'uu

Isa har'aa ilaaltee
Nama hin madeessin
Jecha inni hin dagannes
Itti hin maxxansin

Iccitii addunyaa kanaa
Hubattee erga hi barree
Jerjertee hi dubbatin
Jecha hin dabarre

Isa kamtu Nama?Nama jecha jettuGaafan taa'ee ilaaluDhoksaa guddaa qabdiYogguuman xiinxaluNama jedhee waameWaaqnis gaafa ...
10/12/2023

Isa kamtu Nama?

Nama jecha jettu
Gaafan taa'ee ilaalu
Dhoksaa guddaa qabdi
Yogguuman xiinxalu
Nama jedhee waame
Waaqnis gaafa uume
Akka fakkeenyasaatti
Biyyeerraa sukkuumee

Namni gaafa Sanaa
Namummaasaa gatee
Bineensayyuu ta'ee
Kaan gulufee yuusee

Kan mirga namaa dhiibee
Daangaa uumamaa sarbu
Kan foon namaa nyaatee
Lafee namaa qorqu
Ijaan ni waraana
Arrabaan madeessaa
Walitti kakataa
Mana hidhaa Wal geessaa

Kanatu namaaree!

Bara bineensi nama ta'ee
Namni bineensa ta'e
Bara obboleessikee
Summii afaan si kaa'e
Jiraatti si liqimsuuf
Qarriffaa biqilchee
Hiddee si ajjeesuuf
Akka bofa biichee

Kanatu namaaree!

Kan abaarus jiraam
Waa sagal funaanee
Kaan billaa baata
Si qaluuf sitti aggaamee
Gaariin si urursaa
Keessaan summii baatee
Qasa'ee sitti kolfa
Dabarsee silaatee

Kanatu namaaree!

Utuu akka garaakoo
Jechi nama jettu
Nama muraasa malee
Hunda bakka hin buutu

Garuu maalan godha
Seera uumaan cabsaa
Innoo nama jedhee
Kan biraan moggaasaa?

Darbee darbees jiraam
Kanin nama jedhu
Kan akka ofiisaatti
Jiraachuukee fedhu

Isa gammachuukee fedhu
Gaddakee siif gaddaa
Lafa madaa keetii
Siif iyyee siif aadaa

Gaafa harkaa qabdu
Isa siif karoorsu
Gaafa harkaa dhabdu
Isa siif liqeessu

Isa kana namni!

Address

DD Sayyoo
Dembi Dolo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Imala kaayyoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category