23/07/2026
Gidiraa jireenya
Isa ormi naaf beeku
Hidhaa yaada kooti
Isa yeroon hiiku
Hundumaa dagadhee
Hunda obsaan baadhee
Gammaduu lagadhe!
Garuu ,...Jaalala kee
Isa humtuu hin hubanne
Dhukkuba qaama koo
Isan hin dubbanne
Yaaddoo yaada keetii
Boqonnaa hin arganne