26/10/2026
Hojiileen damee qonnaatiin hojjetamaa jiran ciminaan ittifufu”
- Aadde Roozaa Umar
+++++++++++
- Hojiileen damee qonnaatiin hojjetamaa jiran ciminaan akka ittifufan Pirezidaantii Ittaantuufi Hoggantuun Biiroo Qonnaa Naannoo Hararii Aadde Roozaa Umar ibsan.
Bara 2018 keessa rakkoo haala jijjiirama qilleensaatiin hanqina roobaa mudate furuufi qonnaan bultoota dandamachiisuuf deeggarsi akka taasifamu ibsuun hanqina omishaa mudate bakka buusuufis jallisiidhaan lafa hektaara 5500 misoomsuuf hojjetamaa akka jirus eeraniiru.
Hojiiwwan hojjetamaa jiruunis, qophiin haalduree dhiyeessii sanyii filatamaafi xaa'oo dhiyeessuu xumuramuu kan kaasan Aadde Roozaan, qonnaan bulaan hirkattummaa keessaa bahuun gara oomishtummaatti akka cehuufi waggaatti yeroo sadii ol akka omishuuf mootummaan Ida'amuu halkaniifi guyyaa cichoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana malees, qonnaan bultoonni bishaan boollaa ooyruu isaanii keessatti akka qabaataniif deeggarsi maashiniidhaan hanga meetira 300 qotu taasifamaa akka jirus dubbatanii bishaan ooyruu obaasuufis boba'aafi elektiriikii irraa haala bilisa taheen humna soolaarii hojiirra oolchaa jiraachuu Aadde Roozaan eeraniiru.
Akkasumas, hawaasa eeggattummaa seeftineetiin jiraachaa turan gara oomishtummaatti ceessisuuf loonifi lukkuu horsiisuun ooyruu qaban irrattis qonnarratti akka bobbahaniif mootummaan tumsa barbaachisu taasisaa akka jirus ibsaniiru.
Sagantaa maaddii guutuu naannichatti hojjetamaa jiruun horsiisni lukkuu, looniifi qurxummii akkasumas jallisii boneetiin kuduraafi muduraan bal'inaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Qonnaan bulaan oomisha isaa yeroodhaan magaalaatti geeffatee gatii dadhabbii isaa isa madaalu akka argatuufis, koriidarii baadiyyaatiin daandiin hojjetamuu kan kaasan Aadde Roozaan, bakki giddugala gabaa qonnaan bulaas magaalaatti qophaa'uu eeraniiru.
Aanaalee baadiyyaa Soofii, Ereriifi Dirree Xiyyaaraatti omisha omishamu bu'aqabeessa taasisuufi lafa jirurratti qixaan fayyadamnee bu'aa olaanaa galmeessisuuf hojiin hubannoo uumuu ogeessota qonnaaf kennamuu kan himan Aadde Roozaan lafti kamuu omisha malee akka lafa hinbaaneefi akaakuuwwan omishaa ija ogummaatiin ilaalamuun akka geggeeffamus ibsaniiru.
Hojiin qonnaa tumsa qaamolee dhimmi ilaallatuu hunda waan barbaaduuf utubaa biyya kanaa kan tahe roga qonnaa tumsuun wabii midhaan nyaataa biyya keenyaa keessatti ashaaraa kaahuufi misooma geggeeffamaa jiru cina dhaabachuun barbaachisaa ta’uus dhaamaniiru.
Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii
'amuu!
'ata_Guddaa!🇪🇹