Koke business collection

Koke business collection Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Koke business collection, Grocers, Harer.

Ganamaan Ka’uun Gammachuufii Milkii Fida!***********************************************Ganamaan ka’uun nama milkaa’aa f...
20/05/2026

Ganamaan Ka’uun Gammachuufii Milkii Fida!
***********************************************
Ganamaan ka’uun nama milkaa’aa fi tasgabbaa’aa nama taasisa.

Faayidaalee Ganamaan Ka'uu:
* Sammuu tasgabbeessa, Yaada bilchaataa akka burqisuufnu nu taasisa.
* Hojiif yeroo gahaa akka qabaannu/guyyaan keenya akka barakhatu taasisa.
* Dhiphina fi yaaddoo hir’isa.
* Fayyaa qaamaafii sammuu keenya cimsa.
* Amala itti gaafatamummaa, of kabajuufii ofitti anamummaa guddisa.
* Burjaajjii balleessa. Guyyaa keenya gammachuun akka dabarsinu taasisa.
* Ciree/Faxara nyaachun fayyaa qaamafii sammuu keenyatiif bu'aa guddaa qaba.

Ganamaan ka’uun jireenya sirraa ibsa Yeroo ganamaa sirnaan fayyadamuun guyyaa milkiifii gammachuu akka qabaattu si taasisa.

 ***********************1.Hoospitaala ijaarte-Sirilaankaa2.Daandii baaburaa ijaarte-Ingilizii3.Poostaa jalqabde-Iraan4.M...
20/05/2026


***********************
1.Hoospitaala ijaarte-Sirilaankaa

2.Daandii baaburaa ijaarte-Ingilizii

3.Poostaa jalqabde-Iraan

4.Maallaqa waraqaa eegalte-Chaayinaa

5.Gaazexaa maxxansuu egaalte-Jaarman

6.Kitaaba maxxansuu eegalte-chaayinaa

7.Seera biyyaa barreeffamaan keesse-Ameerikaa

8.Dimookiraasii eegalte-Giriiki

9.Tapha Oloompikii egaalte-Giriik

10.Yuunivarsiitii ijaarte-Morokoo

11.Baankii ijaarte-Xaaliyaan

12.Lakkoofsa Uummataa gaggeessuu egaalte-Chaayinaa

13.Sagantaa Hawaa abuuruu egaalte-Raashiyaa

14. samiirra naannofte -Raashiyaa

15.ji'a irra qubatte-Ameerikaa

16.Tamsaasa Television egaalte-Ingilizii

17.Inteerneetiitti fayyadamuu egaalte-Ameerikaa

18.Filannoo biyyeessaa irratti Dubartoota hirmaachiste-Niwuuzlaand

19.Industirii konkolaa egaalte-Jaarman

20.qarooma egaalte-Itoophiyaa

21.Sagantaa anniisaa atoomikii egaalte-Ameerikaa

22.Bilbilaan haasa'uu egaalte-Ameerikaa

Odeeffannoo barsiisoo fi bashannansiisoo argachuuf Obboo Saayintistii follow godhaa!

Maddi:

                     GAADDISA JIREENYAAYaa aayyoo too gaaddisa jireenyaaAbdii teetiin jiraannee har’a geenyaOsoo ati hin...
15/05/2026


GAADDISA JIREENYAA
Yaa aayyoo too gaaddisa jireenyaa
Abdii teetiin jiraannee har’a geenya
Osoo ati hin jirree maal dandeenya ?
Jireenyuma keetiitu jiruu teenyaa

Nuuf jattee waa meeqa taate lakkaa
Numaatu ka’ee qaaxiraan si rakkaa
Hirriibarraa sikaafne halkan walakkaa
Qaaxiraa si bulchina hoggu takkaa

Kanaafuu galanni kee hedduu guddaa
Osoon himuuf ka’ee hin fixu hunda
Bar onnee too keessaa atiitu ziidaa
Cabee hin jignee dhaabbattee qabdaa

Siifin wareegamaa ani tiyya lubbuu
Osoon siif kannee humaa ittin gaabbuu
Ati naaf jiraannaan waa hunda haa dhabuu
Humaa takkallee waa hamilee hin cabuu

Siin jaaladha ummii ani dhugaan
Jaalalti tee tuniis lakka lakkaan
Na keessatti saartee jirti akkaan
Guyyaa qofaa miti ammaas halkan

Sumaan yaada jira ani beekaan
Adda jaalalti teetiifi ta takaan
Teetun natti cimtee jirti akkaan
Natti jabeessaa deemti lakka lakkaan

15/05/2026

Deeymaafi Maallaqa kamtu irra mi’aawa?

Gumaacha miidiyaa, ijaarsa seeneessa walootiifMiidiyaan akka qaama mootummaa afraffaatti ilaalama. Akkuma seera baastuu,...
15/05/2026

Gumaacha miidiyaa, ijaarsa seeneessa walootiif

Miidiyaan akka qaama mootummaa afraffaatti ilaalama. Akkuma seera baastuu, seera raawwachiiftuufi seera hiiktuun qaama mootummaa ta’uun biyyi tokko akka biyyaatti akka turtuuf shoora olaanaa qaban miidiyaanis biyya ijaaruu keessatti qooda olaanaa qaba.
Ergaan karaa miidiyaa darbu biyya diiguufis ta’e ijaaruuf humna akka qabu seenaa duguuginsa sanyii ALA bara 1994 Ruwaandaatti raawwatame yaadachuun ga’aadha.
Ergaa jibbiinsaa karaa raadiyoo biyyaalessaa biyyattiitiin darbeen miseensoonni hawaasa Huutuu, guyyoota 100 keessatti hawaasa Tutisii jedhaman miliyoona tokko ta’an fixaniiru. Kun seenaa miidiyaa addunyaa keessatti isa fokkisaafi yoomillee hindagatamneedha.
Faallaa kanaatiin miidiyaan biyyoota Taanzaaniyaa, Indiyaa Keeniyaafaa ijaarsa biyyaafi milkaa’ina dameewwan barnootaa, qonna, dimokraasiifi kanneen biroo keessatti hojii gaariin hojjetan seenaa miidiyaa keessatti akka fakkeenyaatti ka’a.
Miidiyaan yoo sirnaan hogganame bu’aa olaanaa akka qabu beekamaadha. Keessumaa nageenya labsuun waraana qabbaneessuu, abdii horuun abdii kutannaa dhabamsiisuu, milkaa’ina labsuun kufaatii hambisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kanamalees, dogoggora mul’isuun, hanna saaxiluun, hojmaanni badaa akka sirratu taasisuun biyya ijaaruu keessatti bakka olaanaa qaba.
Biyya akka Itoophiyaa sabdaneessummaa, aaddaneessummaafi amantii daneessummaan bal’atee mul’atu keessatti ammoo miidhagina addaddummaa keessaa mul’isaa tokkummaa cimsuuf meeshaa filatamaadha. Akka lammiileen biyyattiis seeneessa waloo akka ijaarrataniifis nitaasisa.
Foramiin miidiyaa Kamisa darbe Godambaa Saayinsiitti, Bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad argamanitti mata duree, “Gumaacha miidiyaa, ijaarsa seenessa walootiif” jedhuun adeemsifames hojiilee damee miidiyaatiin biyyattiitti hojjetaman kan sakkatta’u ture.
Fooramicha ilaalchisuun Doktar Abiyyi yaada kennaniin, waggoottan saddeettan darban dirree miidiyaa dimokraatawaa taasisuuf adeemsi adeemame ijaarsa

Your mind is always listening—and it believes you. The stories you repeat become the lens through which you see the worl...
15/05/2026

Your mind is always listening—and it believes you. The stories you repeat become the lens through which you see the world. Tell your brain that nothing ever works out, and it will collect proof to confirm it. But shift the narrative—ask, 'What if things are working out for me?'—and suddenly, your perspective begins to shift. This is the power of confirmation bias: your thoughts shape your reality. Choose them wisely, because your mind will always try to prove you right.

15/05/2026

Dubartiin tokko erga si jaalattee booda waantota akkamii sirraa barbaaddi?

1. Xiyyeeffannaadhaan ishee dhaggeeffachuu
Dubartiin amala dhiiraan adda ta'e kan qabdu keessaa tokko baay'ee haasa'uudha. Yeroo hunda si wajjin haasa'uu barbaaddi. Haasawaa keessatti immoo ati dhaggeeffataa ta'uu qabda. Ati yeroo kenniteefii ishee hin dhaggeeffattu taanaan kan nama ishee dhaggeeffatuu taati jechuudha.Kanaaf saaxilamuun immoo karaan isaa bal'aadha. Karaa miidiyaa hawaasaa (Chat) dhufanii si harkaa butu waan ta'eef of eeggadhu.
2. Amanamummaa
Dubartiin sobaa Fi Shira hin jaalattu. Ishee amanamtuu dhiisiitii isheenumti ofii sobdullee dhiira amanamaa feeti.Sin jaaladha siin jechuun ishee jaalala dhugaati. Kanaaf yeroo hunda dhiira amanamaa ta'e filatti. Gaafuma isheen wal bartu irraa eegaltee soba tokko osoo Itti hin makin dhugaa dubbachuu qabda.
3. Itti gaafatamummaa Fudhachuu
Dubartiin nama dirqamaa Fi Itti gaafatamummaa Isa irraa eegamu bahu feeti. Dubartiin dhiira sodaataa hin jaalattu.
4. Bilchina Sammuu
Dubartiin tokko erga si jaalattee booda waanti isheen sirraa eegdu nama bilchaataa ta'uu keeti. Dhiira akka daa'imaa ta'u hin feetu, nama bilchaataa dubbii danda'u, kan nama gorsuu Fi kajeelchu beekaa kan ta'e, dubbatee amansiisuu kan danda'u feeti. Abbaan manaa ykn hiriyaan ishee nama beekaadha ykn nama gaariidha jedhamuu feeti.
5. Nama maallaqa gahaa qabu.
Maallaqni jaalalaaf yoo ulaagaa hin taane illee, irra caalatti dubartiin nama hiyyeessa ykn miskiina hin jaalattu. Yoo kan jaalattu ta'e illee jaalalli sun yeroo dheeraaf turuu hin dandeessu. Boodarra kanuma qabeenya qabutu sirraa fudhata ykn immoo suma Jala teessee Isa maallaqa qabu wajjin jiraatti. Kanaaf akka nama tokkootti yeroo hunda carraaquun qabeenya horachuuf yaalii godhi.
6. Nama ishee hubatu, kan isheef yaaduu Fi kan ishee jajjabeessu.
Dubartiin tokko si jaalatte taanaan amala ishee hubachuu qabda. Ciminaa Fi dadhabbina ishee, maal akka feetuu Fi jibbitu sirriitti adda baaftee hubachuu qabda.

Akkana taane...Kuun 6 jedha, kuun immoo lakki 9 jedha. Kan 6 jedhu sun kan 9 jedhu san suuta jedhee haala 6 jedhe ibsuuf...
15/05/2026

Akkana taane...
Kuun 6 jedha, kuun immoo lakki 9 jedha. Kan 6 jedhu sun kan 9 jedhu san suuta jedhee haala 6 jedhe ibsuufi dhiiseet wallaalaa, kan homaa hin beekne, inaaftuu jedhee abaaraa oola. Kan garas dhaabbatee 9 jedhus akkasuma. Lachuu haala itti ilaalan osoo suuta jedhanii wal hubachiisanii nagaa buusanii hin wayyuu!!

Dheerinni Quba Nama Tokkoo Waa'ee Nama Sanii Waan Baay'ee Hima.********************************************Dheerinni qub...
14/05/2026

Dheerinni Quba Nama Tokkoo Waa'ee Nama Sanii Waan Baay'ee Hima.
********************************************
Dheerinni quba keenyaa inni tokko kan biraa caaluun ykn walqixa ta'uun waa'ee eenyummaa ykn amaloota keenyaa maal nutti hima?
Akkuma fakkii armaan gadii irratti agartan quba elemtuufi quba qubeelaa dheerina isaan lamaanii wal bira madaalchisuudhaan bakka saditti qoodamanii jiru (A, B fi C). Mee qorannoon garagaraa maal akka jedhu tokkoon tokkoon haa ilaallu :-

1. A.... "A" irratti akkuma agartan qubni qubeelaa quba elemtuu/cammee ni caala. Namoonni garee kana jalatti ramadaman baay'een isaanii dhaabbannaa miidhagaa kan qabaniifi uumamaan babbareedoodha jedha. Namoonni kunniin wanta namni biraa argachuuf baay'ee hawwu salphaatti warra argataniidha. Akkasumas, salphaatti dafanii kan aaraniifi waan isaan aarse saniif dafanii furmaata warra barbaadanii. Waa Murteessuuf warra saffisaaniifi/jarjaraniifii rakkoo dhufu hundaa fudhachuuf warra hin sodaannee. Namoonni kunniin mormanii amansiisuus baay'ee kan danda'an.
Namoonni kunniin namoota garee 'B' jala jiran caalaa madda galii gaariis qabu jedhama. Jireenya keessatti milkaa’uun ittin ulfaatu jedha qorannoon.

2. "B"... Isaan kuni immoo, akkuma fakkii irraa argitan qubni qubeelaa quba elemtuu irra gabaabduudha. Namoonni kunniin ofitti amanamummaa baay'ee guddaa ta'e kan qaban, baay'ee warra of jaalataniifi warra of jajani. Sababa baay'ee of jaalataniif rakkoo kamuu fudhachuu hin barbaadan waan ta'eef waa murteessuuf hin jarjaran. Waan tokko, Fknf, daldala namni biraa erga eegalee rakkoo akka hin uumne arganii booda itti aananii eegalu malee, dursanii ofiif hin eegalan. Namoonni kunniin qophaa ta'uu kan filataniifi yeroo boqonnaa isaaniitti wanti kamuu akka isaan jeequ warra hin eeyyamnee. Garee kana jalatti namoonni ramadaman kunniin jaalalaas keessa seenuu baay'ee sodaatan, garuu namaan jaalatamuufi beekkamtii argachuu baay'ee kan barbaadaniidha jedhameera.
3. 'C'.. Namoonni qubni elemtuufi qubeelaa isaanii wal qixa ta'an immoo, namoota nageenya baay'ee barbaadaniifi iddoo jeequmsiifi walitti bu'iinsi jirutti tasuma mul'achuu hin barbaannee jedhamu. Namoonni kunniin wantootaaf xiyyeeffannoo baay'ee warra kennaniifi namoota baay'ee waliin salphaatti walii galuuf hin rakkatan. Nama qeequuf hin saffisaan, sababa namaaf baay'ee gaarii ta'aniif namoonni baay'een icciitii isaanii kan itti himatan namoota kanniini. Hariiroo jaalalaatiif baay'ee amanamoo kan ta'aniifi jaalallee ykn abbaa/haadha manaa isaaniitiif sirriitti kunuunsa warra godhani.
Isin hoo garee tam jala jirtan? Amala kana ni qabdanii?

Address

Harer

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Koke business collection posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category