27/04/2026
wal’aansoo dha;
immoo badhaasa.
1 Hiika Wal’aansoo Jireenyaa
Jireenyi namaa guutumaan guutuutti karaa laafaa miti. Namni hundi rakkoo, gufuu fi qormaata adda addaa keessa darba. Wal’aansoon kun immoo nama jabeessa, muuxannoo kenna, akkasumas akka nama of beekuu fi of ijaaru gargaara. Kanaafuu, wal’aansoo irraa dheessuun osoo hin taane, isa waliin jiraachuu barachuun murteessaadha.
2.Obsaafi Ciminaa
Wal’aansoo keessatti wanti guddaan barbaachisu obsa. Namni obsaan of eeggatu, yeroo dheeraa keessatti injifannoo argata. Akkasumas ciminni sammuu fi qalbii namaa isa hin jilbeenfanne taasisa. Namni jabaan kufaatii irraa baratee ka’a malee hin dhaabatu.
3.Barnoota Rakkoo Keessaa Argamu
Rakkoon hundi hiika qaba; inni guddaan barnoota inni nu barsiisuudha. Yeroo rakkina keessa jirru, waan haarawa baranna akkaataa furmaata barbaaduu, akkasumas akkaataa of to’achuu. Kun immoo gara fuulduraatti namaaf qabeenya guddaa ta’a.
4.Itti Fufiinsa (Consistency)
Injifannoon guyyaa tokko keessatti hin dhufu. Hojii xiqqaa guyyaa guyyaan hojjetamuun bu’aa guddaa fida. Namni itti fufiinsa qabu, osoo hin laafin kaayyoo isaa irratti hojjachaa yoo deeme, yeroo booda milkaa’ina argata.
5.Amantaa Ofii (Self-Belief)
Namni ofitti amanuu hin dandeenye, injifannoo guddaa hin argatu. Amantaan ofii humna guddaa namaaf kenna; yeroo hundumaa “ani danda’a” jechuun of jajjabeessuun murteessaadha. Kun immoo wal’aansoo keessatti nama hin kufne taasisa.
6.Deggersa Namoota Biroo
Jireenya keessatti yeroo hunda nama kophaa hin taane. Maatii, hiriyoota fi hawaasa irraa deggersi argachuun murteessaadha. Yeroo dadhabnu nu jajjabeessu, yeroo kufnu nu kaasu kun immoo gara injifannootti nu geessa.
7.Injifannoon Badhaasa Dhugaa
Dhuma irratti, namni wal’aansoo hunda obsaan fi ciminaan darbuu danda’e, injifannoo argata. Injifannoon kun immoo badhaasa guddaa gammachuu, kabaja, fi ofitti amanamummaa fida. Kanaa fuu, jireenya keessatti wal’aansoo fudhachuu fi irratti hojjechuun furmaata.