08/11/2025
Ibsa Gabaabaa Paartii Dimokiraasii
Hagayya 8, 2025
Saamtoonni lafa Oromoo halkanii fi guyyaa daangaarraan lafa uummata keenyaa saamaa jiru. Yeroo ummanni keenya dubbatu ammoo, “Mootummaa harkaa qabdu” jedhanii maqaa sobaan tuquudhaan lafa keenya saamuu itti fufan. Haaluma kanaan, Itoophiyaa keessatti uummanni Oromoo lafa isaa hedduu harka naannoo isa marsee jiruutiin dhabaa jira.
Kanaaf, gaaffiin abbaa biyyummaa yeroo dhihoo as kaafame — kan Somaaleen Dirree Dhawaa fi Moyyaalee irratti kaastu — sirrii miti. Ummanni Oromoo fi obboleewwan keenya Somaalee fi Amaaraa waggoota dheeraaf ollaa nagaan waliin jiraataa turre. Kanaaf, lafa Oromoo ofii keenya jedhanii falmuun ollummaa fi nagaa tiksuu irra miidhaa fida; bu’aas hin qabu. Waan akkasii irraa of qusachuu qabu.
Mootummaan Federaalaa immoo yoo dhugumaan mootummaa uummataaf dhaabbate ta’e, gaaffii uummata Oromoo kan abbaa biyyummaa Finfinnee, jijjiga, Dirree Dhawaa, Moyyaalee, Matakkal, fi Walloo irratti dhihaate dhaggeeffachuun furuu qaba. Kun hundi gaaffii haqaa fi abbaa biyyummaa uummata Oromoo ti.