Cinaksan cinaacha ko

Cinaksan cinaacha ko Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Cinaksan cinaacha ko, Grocers, Harar, Jijiga.

08/01/2026
08/01/2026

Ulaan Galaanaa Haqa Itoophiyaati !
==

Ulaa galaanaa qabaachuun hawaas-dinagdee biyyaa milkeessuu keessatti bakka olaanaa qaba. Addunyaa irratti biyyootni baay'een ulaa galaanaa kan qaban yoo ta’u, biyyootni muraasni sababa garaagaraatin ulaa galaanaa dhabuun hirkattummaaf saaxilamanii jiru.

Biyyi keenya Itoophiyaanis waggoota dheeraaf ulaa galaanaa kan qabduufi itti fayyadamaa kan turte taatus shira garee muraasatiin qabeenya haqa waloo Itoophiyaanotaa ta’e ulaa galaanaa dhabde jirti. Kanaanis, biyyi keenya baay’ina uummataa, qabeenya dilbii fi dachii bal’aa qabattee osoo jirtuu ulaa ganaa dhabuun biyyoota ulaa galaanaa hin qabne keessaa tokko ta’uu dandeessee jirti. Sababa kanaanis baasii hin malleef akka saaxilamtu ta'ee jira.

Ulaa galaanaa dhabuun keenya, dingdeen biyyattii hanga barbaadamuun akka hin tarkaanfanne danqaa ta’aa tureera,ammas ta’aa jira. Sababa kanaan biyyi keenya, biyyoota ollaa irratti akka hirkattuufi baasii hin malleef akka saaxilamtu taasiseera.

Kunis dhaloota har'aaf ba'aafi dhaloota itti aanee dhufuuf immoo yaaddoo ta'ee jira.

Kanarraa ka'uun yeroo ammaa mootummaan ulaa galaanaa biyyi keenya shiraan dhabde deebisee argachuuf carraaqqii olaanaa taasisaa jira.Hojii hanga ammaatti xiiqiifi kutannoon hojjatameenis yeroo gabaabaa keessatti yaadama waggoota 30 darban dhimma ulaa galaanaa kaasuun akka qaanitti ilaalamaa ture cabsuun ajandaa addunyaa taasiseera.

Kanaaf uummatni biyya keenyaa hundi ulaan galaanaa Itoophiyaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta'uu hubachuun carraaqqii moootummaan ulaagalaanaa shiraan dhabne deebisee argachuuf taasisaa jiru tumsuu qaba.

Qabeenyi humna kuufamaa misooma biyya
Odeeffannoo dabalataa argachuuf
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/

23/12/2025
23/12/2025

Warraaksi Dinagdee Oromoo Ivestimentii Humneessuun Ijaarama!
==
Mootummaan Naannoo Oromiyaa cabiinsa dinagdee naannichaa qolachuuf warraaqsa dinagdee Oromoo taasisuun hojii guddaa hojjechaa jira. Hojmaata wal xaxaa investimentiif danqaa turan hedduus fooyyessuun qaamoleen hawaasa garaagaraa qusachuu, liqeeffachuufi kan liqeeffataniin hojjetanii jiruufi jireenya isaanii jijjiiruun gara Investimentiitti akka ce’aniif carraafi boqonnaa haaraa saaqeera.

Warraaqsa dinagdee Oromoo taasifamaa jiru keessattis ga’ee guddaa gumaachaa kan jiru inni jalqabaa Baankii Siinqeeti. Baankiin Siinqee Oromiyaatti jiruufi jireenyi qonnaan bultootaa akka fooyya’uuf aadaa qusannoo hawaasa bal'aa jijjiiruun hanga qe’ee qonnaan bulaatti gad bu’uun kan qusachiise, maallaqa xiqqaarraa hanga biliyoonaatti Baankii liqeessaa jiruu dha. Baankii kanas wanti adda isa taasisu tajaajila baankiileen biroo kennan kennuun cinatti tajaajila “Micro finance” kan duraan kennaa ture dabalataan kennuu isaati.

Kaayyoon hundeeffama Baankii Siinqee inni jalqabaa aadaa qusannaa uummata keenya biratti laafe fooyyessuufi investimentii jajjabeessuudha.

Kanaanis, hawaasa jireenya gadi aanaa jiraatu dabalatee akka qusatan jajjabeessuu, liqii kennuun carraa hojii uummachuun jiruufi jireenya isaanii fooyyeffatanii sagantaa mootummaan marrammartoo hiyyummaa balleessuuf qabatee jiru milkeessuu keessatti qooda isaanii akka bahatan taasisuudha.

Walumaagalatti, Baankiin Siinqee dhaabbata maallaqaa bu’uura hawaasummaa cimaa qabu ta’ee, tajaajila isaa bal’isuudhaan galmoota misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf dhaabbata xiiqiin hojjechaa jirudha. Kanaafuu, hawaasni keenya Baankichatti qusachaa liqeeffachuun jiruufi jieenya isaa fooyyeffatee imala badhaadhina biyyi keenya eegaltee jirtu galma qabameen gahuuf shoora irraa eegamu bahachuu qaba.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/

23/12/2025
23/12/2025
20/12/2025
20/12/2025

Baadiyyaa;wiirtuu badhaadhina hunda galeessaa

Baadiyyaa wiirtuu badhaadhinaa taasisuuf hojjetamaa jira . Duraan baadiyyaan akka bakka qonnaa qofaaf oolu, hanqina tajaajilaa fi carraa misoomaa hin qabnetti ilaalamaa ture. Amma ilaalamni sun jijjiirameera.

Baadiyyaan akka bu’uura guddina diinagdee biyyaa, madda oomisha gabaa, investimeentii fi carraa hojii itti uumamuu akka taatuf hojjetamaa jira.Badhaadhinnii fi Mootummaan Ida’amuu qonna ammayyeessuun oomisha nyaatarra darbee galtee industirii ta'u ooomishuu, qonna tekinoloojiin deggaruu,qonnaa dhiibbaa damdamatu mirkaneessuu, carraa liqii babal'isuu,qusannoo cimsuu, bu'uuraalee misoomaa qaqqabamaa taasisuu fi tajaajila hawaasummaa mirkaneessuuf halkanii guyyaa hojjechuun jiruuf jireenyi hawaasa baadiyyaa akka ce'uuf kutannoon hojjetaa jira. Keessattu akka naannoo Oromiyaatti tarkaanfii fudhatameen Giddugala guddina baadiyyaa(GGB)tiin hojiin hojjetame, koriideriin baadiyaa, dhiyeessiin maashinii qonnaa, dhaabbileen tajaajila addaa addaa uummata baadiyyaaf dhiyaatan agarsiistuu hojii kanaa isaan muraasa

Address

Harar
Jijiga

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Cinaksan cinaacha ko posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category