Fuaad jabaal

Fuaad jabaal Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Fuaad jabaal, Grocers, AdisababaEthiopian, Jimma.

24/04/2026

“Aksuum keessatti masjiidni yoo ijaarame Makkaa keessatti bataskaana ijaarra.”
📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶

keessatti masjiida akka ijaaramu yoo gaafatamu, “Aksuum keessatti masjiidni yoo ijaarame Makkaan keessatti bataskaana ni ijaarra” haldureen jedhu yeroo dhihaatu jedhutu dhaga'ama.

Ilaalchi kun Aksuumiin Makkaan wal bira qabuun walfakkeenya sobaa uumuu qofa osoo hin taane, eenyummaa Tigrummaa fi Itiyoophiyummaa Muslimoota Aksum haaluun bakka bu’oota mootummaa Sa’udii Arabiyaa taasise farraja.

Dhimmicha akka gaaffii mirgaa lammiilee fi mootummaa gidduu jirutti dhiyeessu irra, bakka bu’aan Itoophiyaa falmii dippilomaatii Sa’udii “Aksuum keessatti masjiida ijaaruu yoo barbaaddan, lammiilee Sa’uudiitiifis bataskaana ijaarra” jedhu dhiheessa. Falmiin kun balaa armaan gadii qaba:

1. Eenyummaa fi lammummaa mulquu: Lammiilee akka ergamtoota biyya alaatti ilaala, miira eenyummaa sabaa fi walitti hidhamiinsa hawaasummaa isaanii laaffisa.

2. Mirga akka haal dureetti i'laaluu: Mirga heera mootummaatiin kenname akka "haaloo ba'uu fi ajandaa haal duree" ta'etti fayyadamuuf yaaluun mana kiristaanaa Makkaa dhabamuu isaatiif haaloo ba'annaa fi haal duree godhanii dhiyeessuu.

3. Moggaattti dhiibuu seera qabeessa gochuu: Gaaffii mirgaa akka ergama addaatti agarsiisuudhaan akka "ittisa biyyaa haqaatti" dhiheessuuf yaaluu.

4. Eenyummaa seenaa haaluu: Hawaasa Musliimaa akka nama haaraatti fakkeessuun gahee seenaa biyyattiin keessatti jaarraa hedduuf qabu ture haaluu.

5. Waliigaltee waliin jireenyaa haaluu: Duudhaalee haqaa fi lafa haqaa dagachuudhaan biyya akka gama tokkootti dhiyeessuun tokkummaa ni miidha.

6. Dhimmicha waldhabdee addunyaa taasisuu: Mirgoota lammiilee biyya keessaa gara waldhabdee ji’oopoolitikaatti jijjiiruun abbaa biyyummaa biyyattii balaadhaaf saaxiluu.

7. Sirna sekulaarii heera mootummaa diiguu: Qajeelfama amantii fi mootummaa addaan baasuu cabsuun, murtoo mootummaa haaloo amantaa irratti hundaa’e kennuudhaan sirnicha ni diiga.

8. Lammummaa sadarkaa lammaffaa mirkaneessuu: Hawaasni Musliimaa mirga akka hin qabnee fi yeroo hunda marii fi hayyamaan jiraachuu akka qabutti dhiyeessuun walqixxummaa lammiilee sadarkaa xiinsammuutiin ni miidha.

9. Ol’aantummaa iddoo (spatial hegemony) kabachiisuu: Aksum akka qabeenya dhuunfaa eenyummaa tokkootti agarsiisuun, haala walfakkaataan naannoo birootti akka babal’atu fi biyyattiin gandatti akka qoodamuuf balbala bana.

14/04/2026

Update! 👇
Hoogganaan Iraan haaraan Mujtabaa Khaminii, seera abbaan isaanii Ayaatullaa Khaminii "Islaamummaan meeshaa waraanaa sanyii namaa dhabamsiisu qabaachuu hin hayyamu" jechuun kaayan diiguu isaanii beeksisan.

Iraan meeshaa waraanaa niwukilaariin meeshaa dhimma "jiraachuu fi jiraachuu dhabamuu dhabuuti (existence) malee, dhimma idilee mariidhaaf dhiyaatu miti jedhaniiru.

Addunyaan yeroo ammaa seeraan utuu hin taane namoota humni qaban qofaan yeroo itti bulamaa jirtu kanatti, humna weeraraa fi saamichaaf dhufu deebisuuf karaa tokkichi Iraan abbaa meeshaa waraanaa niwukilaarii gochuu akka ta'e addeessaniiru.

Mujtabaa Khaminii,
"Diinonni keenya Iraan yoo barbaachisaa ta’e guyyoota muraasa keessatti meeshaa waraanaa niwukilaarii hidhachuu akka dandeessu hubachuu qabu" kan jedhan yoo ta’u, yeroo gabaabaa keessatti biyyattiin meeshaa kana akka hidhattu Eegumsa Rippabiliikaa (Revolutionary Guard) biyyattiitti ajaja dabarsuun isaanii gabaasameera.

Tajaajilli oduu biyyattii IRNA akka gabaasetti, Iraan yeroo gabaabaa keessatti meeshaa waraanaa niwukilaarii akka hidhattu gochuuf Ruusiyaan, Chaayinaan fi Kooriyaan Kaabaa deeggarasa barbaachisaa ta’e hunda gochuuf waadaa galaniiru jechuun gabaasanii jiruu.
Oduu Addunyaa fi biyyaa keessa qulqulluu argachuu yoo barbadaan page keenyaa Follow Like sheer godhuun nu hordofaa!

14/04/2026
Woomtii hundinuu kaheerumafii
06/04/2026

Woomtii hundinuu kaheerumafii

Address

AdisababaEthiopian
Jimma
5349

Telephone

+251910972008

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fuaad jabaal posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Fuaad jabaal:

Shortcuts

Share

Category