21/05/2026
ROME6:16 Waan tokko of irratti gooftaa godhattanii harka isaa jala yoo of galchitan, isin wanta sanaaf garba akka taatan hin beektanii ree? Cubbuudhaaf yoo abboomamtan du'aaf, Waaqayyoof yoo abboomamtan qajeelinaaf in bultu. 17 Waaqayyoon galanni haa ga'u! Isin dur garboota cubbuu turtan; amma garuu qomoo barsiisa keenyaa isa itti kennamtan sanaaf garaa guutuudhaan abboomamtaniittu. 18 Cubbuu jalaa luba baatanii, hojjetaa qajeelinaa taataniittu. 19 Sababii dadhabbii keessaniif jedhee akka isin hubattanitti nan dubbadha; akkuma kanaan dura gad-dhiisatti jiraachuudhaaf bu'aa dhagna keessanii xuraa'ummaadhaa fi seera malee jiraachuu jala galchitanitti, amma immoo qulqullummaatti jiraachuudhaaf bu'aa dhagna keessanii qajeelina jala galchaa!