10/10/2025
dubbisaa
1 "Moo'attoonni waan adda ta'e hojjatu miti,waanuma jiru karaa adda ta'een hojjetu." (Shiiv keeraa)
2, "Muka firii qabdutti dhagaan darbatamu baay'ata." (Shiiv keeraa.)
3, "Namni Kamillee Sammuu koo irra akka ijjatu hin eeyyamu."(M. Gaandii)
4, "Hin danda'amu kan jedhamu wanta hin hojjatamne qofaadha." (N. Maandellaa. )
5, "Dukkanni dukkana hin ibsu; Ifatu dukkana ibsa. Jibbi jibba hin ari'u; jaalalatu jibba ari'a." (Maartiin Luuter Kiingi. )
6, "Haala si muudatu waliin jireenya kee wal fudhachiisuuf yaalii godhi malee; akkan barbaadu ta'uu qaba, hin jedhin." (Maartiin Luuter Kiingi. )
7, "Addunyaan kun bor ni baddi yoo naan jedhanillee har'a sanyii facaasuu hin dhiisu." (Maartiin Luuter Kiingi. )
8, "Namni tokko yommuu kufu hin injifatamu, yommuu abdii kutatu injifatama." (Riichaard Niiksoon.)
9, "Namni dogoggora hojjatee hin beekne nama homa tokkoo yaalee hin beekneedha." (Albeert Inestaayin. )
10, "Nagaan waliigalteedhaan malee humnaan hin argamu."(Albeert Inestaayin. )
11, "Sababaan gatiittii namoota gurguddoo irra dhaabbadheefan namoota kaan caalmaatti fageessee ilaaluu danda'e." (Iyezak niiwtan. )
13, "Karaa milkaa'inatti geessu hin beeku yoo ta'ellee karaa kufaatiitti geessu garuu nin beeka,Innis namoota hundumaa gammachiisuuf dhama'uudha." (Biil koosbiil)
15, "Maqaa diinota kee fi hojii isaan si irratti hojjetan hin irraanfatin. Balleessaa isaaniif garuu dhiifama godhi."(Joon F Keenedii. )
16, "Addunyaa kana irraa wanti baay'ee nama gaddisiisu, osoo ija qabanii mul'ata dhabuudha."( Heelen kiiler. )