06/01/2025
Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Wallagga Bahaa Obbo Fiqqaduu Gammadaa Ayyaana Qillee sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan.
==============
PB Godina Wallagga Bahaa-Amajji 28,2017
Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa maraan Baga Guyyaa Dhaloota Gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos Nagaan geessan!
Ayyaanni Qillee hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti guyyaa Dhalachuu Gooftaa keenyaa Yesuus Kiristoos yaadachuun galataa, kadhata fi gammachuun yaadatamee kan oolu; guyyaa kabajamaafi waloomaati.
Yesuus biyya lafaaf ifa ta'e dhalate gadi of deebisee Dallaa horii keessatti dhalachuun saba cubbuu Jala jiran bilisa baase waan ta'eef guyyaan dhaloota isaa Kun guyyaa walabummaati. Kun fakkeenyummaa gadi ofdeebisanii tajaajiluu, gara laafummaafi dhiifamaa, walii yaaduu, wal mararsiifachuufi wal danda'uun kan nu barsiiseedha.
Paartiin Badhaadhinaa Uummata keenya hiyyumma,doofummaa jala baasuun badhaadhina gonfachiisuuf aantummaa Uummata isaaf cichee hojjetaa jira. Biyya jabduu ijaaruuf garaagarummaa tokkumman, jibba jaalalan, waldhabdee dhiifaman,Lola araaraan haa ceenu jechuun jiruuf jireenya hawaasa jijjiiruuf mootummaa tajaajilaa ta'uun lammilee biyyattii gara abjuu guddichaatti geessaa jira.
Jijjiiramni hundagaleessaa qabanne bu’uurri isaa qe’eefi maatii ofii jijjiiruu irraa eegala. Kana bu'uureffachuunis mootummaa cimaa sadarkaa gandaatti cimsuun uummatni keenyaa tajaajila qulqulluu fi haqa-qabeessa akka argatuuf mootummaan Paartii Badhaadhinaa murtoo seena qabessaa murteessuun aantummaa Uummatasaaf qabu qabatamaan agarsiisee jira.
Galma badhaadhinaa qabannee hojjechaa jirru milkeessuuf, nageenyi fi badhaadhinni Uummata keenyaa bu’uura milkaa’ina hojiiwwan keenya boriiti. Daandiin nagaafi araaraa irra jirrus, mariifi marabbaan walitti dhihaannee rakkoo jiru furaa, siyaas-diinagdeen hawaasa keenyaa bu'uura jabaarratti ijaaruu kan nu daangessu tokkollee hin jiraatu.
Paartiin Badhaadhinaas waadaa Uummata isaaf gale qabatamaan kan raawwataa jiruu fi abjuu Badhaadhinaa qabame biraan gahuuf Uummata isaa qindeessee kutannoon hojjetaa jira.
Imala Badhaadhinaa eegalle daran saffisuun galma qabame biraan gahuuf waadaa uummataaf gale amanamummaan raawwachuuf qooda isaa ni bahata.
Ummanni godinaa fi naannoo keenyaas mootummaa cinaa hiriiree nageenya naannoo isaa mirkaneessaa,misoomaa isaatti cimuun tokkumman fi jaalalan Akka waltumsu carraa kanaan ergaa Koo dabarsa.
Dabalataanis uummatni Godina keenyaa wayita ayyaana kana kabaju nageenya isaa qindoominaan akka tikfatan, hojii tajaajila tola ooltummaa cimsuun kan qabu isa hinqaneef,kan daare yaadachuun, ollaa isaa nama deggaru hinqabne iyyaafachuun jaalalan akka waliin dabarsitan waamichakoo dabarsaa, irra deebi’uun hordoftoota amantaa kiristaanaa maraan ayyaanni Qillee kan nagaa, jaalalaa, araaraafi dhiifamaa akka isiniif ta’u hawwiin qabu ibsaa baga jala bultii ayyaana Qilleen isin gahe.
Fiqaaduu Gammadaa
Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Wallagga Bahaa