Qoosaa Ajaa'ibsisoo

Qoosaa Ajaa'ibsisoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Qoosaa Ajaa'ibsisoo, Grocers, Nekemte, Nekemt.

🚨🚨😂 Rúben Amorim: “phaaphaasiin illee sirna koo akkan jijjiiru na gochuu hin danda’u. Jireenya koo, hojii koo fi itti ga...
20/09/2025

🚨🚨😂 Rúben Amorim: “phaaphaasiin illee sirna koo akkan jijjiiru na gochuu hin danda’u. Jireenya koo, hojii koo fi itti gaafatamummaa kooti”.

25/08/2025

Baacoo kana ittiin bohaaraa
=======================
Gurbaa tokkotu yuunivarsiitii mootummaa irraa ogummaa injiinaraatiin eebbifamee hojii dhabee taa'a ture. Hiriyaan isaa tokko garuu kiliniika banatee keessatti hojjachaa
jira. Innis kilinikaa banachuuf murteesse. Akkuma murteesseen banate. Balbala kiliniikicha irratti beeksisa Yaala kamuu qarshii 300 qofaan raawwanna. Yoo yaaluu dadhabne qarshii 1000 deebisnee isiniif kennina kan jedhu maxxansee jira. Namichi qaroon tokko osoo karaa irra darbu beeksisa
kana argee "Eeyye qarshii kana argachuun qaba" jedhee murteeffatee olseene.
"Maal taate?"jedhen doktoriichi.
namichi "Arrabni kiyya naa dhandhamuu didee jira" jedhen. doktoriichi narsii waamee "Ilaa dawaa sanduuqa lakkofsa 22
keessaa fidiif" jedhee narsittii ajaje. Isheenis daftee deemtee qoricha qabdee dhufte. "Mee
xiqqoo ishee dhugi " jedhe doktoriichi namichaan. Namichis irraa fuudhee
dhuge. "yaa rabbi...tu..tu fincaan na obaastaa?" jedhe namichi doktoriichaan. "Wow baga gammadde arrabni kee amma sirritti dhandhama. Baga fayyite" jedhee harka dhaheef. Namichi qarshii 300
kafalee bahe. Namichis ofitti aare. Nyaachuuf
nyaattame kaa. Ammas mala biraa malutti ka'e. Akkaataa qarshii 300 san ittiin deebifatuun. Malas argatee gara mana yaala saniitti qajeele. "Maal taate har'a? Baga
nagaan dhuftes" jedhe doktoriichis. "Dandeetti waa yaadachuu kootu bade yaa
dr" jedhen. "OMG kun balaa guddaadha" jedhee narsattii waame. "hatattamaan dawaa lakkofsa 22 qabii koottu" jedhee osoo
hin xumurin; namichi "dawaan lakk 22 sun
fincaaniimii; naa hin fidinaa" jedhe. doktortichi ol ka'ee harka dhahaa "Baga gammadde dandeettiin waa yaadachuu kee sii deebi'eera" ittiin jedhee har'as qarshii 300 irraa fudhatan jedhama.

Hojii dhabne jettanii abdii hin kutatinaa. Hojiin lafa jira waan ta'eef uumaa itti fayyadamaa!!....

Address

Nekemte
Nekemt

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qoosaa Ajaa'ibsisoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category