02/03/2026
Imaanaa Adwaa:Tokkummaa ;Birmadummaa fi Olka'insa biyyaa
==
.23/2018
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Leeqaa Dullachaatti, Kabajni Ayyaana Yaadannoo Guyyaa Adwaa Waggaa 130ffaa Dargaggoota Aanichaa waliin Gaggeeggamaa jira.
Bulchaa Aanaa Leeqaa Dullachaa Obbo Waaqtolaa Tamasgeen Sagantaa kanarratti argamuun haasaa taasisaniin akka jedhanitti, Injifannoon Adwaatti mul'ate Bu'aa seenessa Qeenxee osoo hin taane duudhaan Obbolummaa kan itti mul'atedha jedhan . Guyyaan kunis seenaa Itoophiyaa keessatti guyyaa kabajamaa fi yaadannoo addaa qabuudha. Guyyaan kun guyyaa weerartuu Xaaliyaanii irratti injifannoon guddaan argame, birmadummaa fi kabajni biyya keenyaa addunyaa irratti ol ka’ee itti mul’atedha. Adwaan injifannoo waraanaa qofa osoo hin taane, injifannoo tokkummaa, gootummaa fi murannoo sabootati jedhan
Itti Gaafatamtuu waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa'immanii Godina Wallaggaa Bahaa Aadde Almaaz Moosisaa gama isaaniin akka jedhanitti ,Adwaan Tokkummadha Birmadummadha jedhan Itoophiyaa Hunda Hammaatte , Madaaloftu fi haqa Qabeessa Taate ijaaruuf kan nu dandeessisuu agarsiiftuu tokkummaa sabdaneessummaa isa guddadha. Tokkummaan humna ta’uu isaas seenaa keessatti hojii irra oolee agarsiise.Itoophiyaa biyya addunyaarraatti hin koloneeffamne jedhamtee bara baraan akka waamamtu taasiseera. Kunis kabajaa fi maqaa gaarii seenaa keessatti nuuf dhaaleera. Dhaalli kun immoo dhaloota har’aaf itti gaafatamummaa guddaa kenne.
Itti Gaafatamaa Gurmuu Dargaggootaa Aanaa Leeqaa Dullachaa Dargaggoo Qannoo Taakkalaa Sanda marii dhiyyeessuun akka jedhanitti,Birmadummaa itoophiyaa mitkanssuuf goototnni darban injifannoo galmeessanii darbaniiruu, kanaaf Injifannoo kana itti Fufsiisuuf Dhaloonnii har'aa gahee olaanaa qabu jedhaniruu.