04/04/2026
¹ "Namni qajeelaan in du'a, namni Waaqayyoof of kennu, wanti hamaan akka isa irra hin geenyeef in fudhatama; namni kana yaadaan qabu immoo hin jiru.
² Warri gara-qajeelonni ciisanii in boqotu, nagaadhaanis in galu.
Isheen jalqabarra jirtu obolleetii kooti baay'een keessan nii beektu. namoonni hedduun irra deddeebin maal taate boqatte jettanii na gaafachaa turtanii isheen dhukkubsattee hin turree addunyaa kanarraa deemtee isheen lammaffaarra jirtus ammuma qabamtee ammuma duute jedhanii hundi keessan midea irratti argaa turtanii.
Duuti isaanii baay'ee wal fakkaatta amantii isaaniitti cimoodha.
Wanti naaf gale tokko tarii waaqayyotu gidiraa kana keessa warra kansaa qulqulloota fudhachaa jiraa laata jedhee sammuun koo gaaffii natti uumaa?
Maal jedhuun barbaade obolleessakoo obbolleettikoo biyyi lafaa kun gantuudha biyya lafaa kanarra akka kirayiitti akka jirraannu beekuu qabduu waan biyya lafaa dhiisnee mana keenya isa waaqarraaf jabaannee of haa qopheessinuu.
“Yeroo hundumaa walii keessaniif, namoota hundumaafis gaarii gochuu yaadaa malee, namni tokko illee waan hamaadhaaf hamaa akka hin deebifne ilaalladhaa!”
— 1Tas. 5:15
Akkuma sagalichi jedhu amma biyya lafaa kanarra jiraannutti
Namni guyyaa du'a ofiis, du'a waliis beeku hin jiru, adaraa hamma biyya lafaa kanarra jiraannutti; Jaalalaan, garaa qullaa'ummaadhaan, wal danda'uudhaan, tokkummaadhaan, dhiifama walii gochuudhaan, wal gargaaruudhaan, jibbaa fi komii kamirraayyuu bilisa taanee waliin haa jiraannu obbolootakoo.
Waaqayyo Gahe nuun jedhi, garaa sabakeetu madaa'ee🥲🤲