05/06/2026
Qonna Tirannaarraa Gara Utaalchootti!
= = =
Qonni lafee dugdaa diinagdee biyya keenyaa ta’ee dhalootaa dhalootatti ce’aa har’a kan gahe yoo ta'u, waggoota dheeraaf rooba gannaa qofaatti rarra'uu, Teekinolojii fayyadamuu dhabuu, gateettii qotiyyuufi humna namaan geggeeffamaa waan tureef oomishaafi oomishtummaan gadii aanaan argamuun umurii hiyyummaa biyya keenyarra dheeresseera.
Kana malees Biyyi keenya qabeenya uumamaa daanuu, lafa qonnaa bal'aafi qilleensa mijataa qabaattus sirnoota darban keessa imaammataafi tarsiimoo sirrii qonna biyyattii ceesisuu dandau dhabuudhaan malli Qonnaa gateettii qotiyyoofi rooba qofarratti hirkachuun adeemsa boodatti hafaa keessaa osoo hin bahiin turuun, qonni diinagdee biyyattiif hanga gumaachuu qabu gumaachuu dhabuun diinagdeen akka quucaru taasisuu bira darbee biyyi maraammartoo hiyyummaa keessa akka daaddiftuuf sababa guddaa ta'eera.
Haa ta'u malee barii jijjiiramaa irraa eegalee yaadamni Mootummaa Ida'amuu imala misooma Qonnaa biyya keenyaa gateettii qotiyyoorraa gara tiraakteraatti, hirkattummaa roobaarraa gara waktii hunda mala ammayyaatiin oomishuutti ceesisuun warraaksa imala misooma Qonnaa fulla’aafi tarsiima’aa taasisuufis sagantaa, imaammataafi tarsiimoo damee Qonnaa ceesisuu danada'u bocuufi hojiirra oolchuun inisheetivootaan dabaalee injifannoo misooma qonna tirannaarra gara utaalchootti ceesisuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu bira darbee utubaa diinagdee biyya keenyaa taasiseera.
Mootummaan naannoo Oromiyaas ilaalama haaraa kanaan damicha ammayyeessuun imala wabii nyaataa mirkaneessuu, oomishaa gabaa keessatti barbaadamaa ta’e oomishuufi carraa bal’aa uumuu irratti hojii roga hundaan hojjechaa jiruun injifannoon karoora imala badhaadhina biyya keenyaaf humna guddaa ta'e galmaa'eera. Bara kanas hojiin misooma Qonnaa Waktii hunda kan hojjetamu yoo ta’u, Qonni Bonaa dhumee waktii Gannaaf dabarsaa jira.
Haaluma kanaan Oromiyaatti oomisha gannaa bara 2018/2019 lafa heektaara mil. 11.17 misoomsuun callaa kuntaalli