Rijal

Rijal Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Rijal, Épicerie, 11 place du commerce, Addis Ababa.

 #  Ibsa balaaleffannaa Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa irraa kennameNaannoo Amaaraa godina wollo...
04/10/2025

#
Ibsa balaaleffannaa Mana Marii Waliigalaa Dhimmoota islaamummaa Itoophiyaa irraa kenname

Naannoo Amaaraa godina wolloo kibbaatti magaalaa Makaana salaam masjiida Nuuritti yeroo salaata Ishaa'ii qaamoleen hidhatan masjiida seenuun imaama masjiidichaa fi itti aanaa walitti qabaa majliisa magaalaa makaana salaam kan ta'an Sheihk Jamaal Kamaal, koree masjiidaa fi kaadimoota ( tajaaliltoota) masjiidaa, haala suukanneessaa ta'een ajjeesuu isaanii majliisni naannoo Amaaraa mirkaneessee jira.

Majliisni Federaalaas dhaabbileen amantaa iddoo kabajamaa waan ta'aniif isaan eeguu malee haala kanaan gochi gara jabummaan kun isaan irratti raawwatamuu isaatiif cimsee balaaleffata.

Dhaabileen amantaa hunduu gochoota badii naannoo manneen amantaatti fi hordoftoota amantichaa irratti hojjataman kana cimsee akka balaaleffatuu fi eegu manni marichaa waamicha dhiyeessa.

Kana male ummanni musliisaa bakka jiru hundatti gochoota badii dhaabilee amantaa fi hordoftoota amantichaa irratti yeroo gara garaatti adeemsifamu kana yeroo yerootti odeeffannoo wal jijjiiruun ofirraa eeguu qaba.
tv

 Bara 2013 asitti Barattonni Kutaa 12 ffaa Xumurtaani mana jirtaan , Amma immoo Ogummaa Barsiisummaatiin leenji'uf Feedh...
04/10/2025


Bara 2013 asitti Barattonni Kutaa 12 ffaa Xumurtaani mana jirtaan , Amma immoo Ogummaa Barsiisummaatiin leenji'uf Feedhii kan qabdan , Ulaagaa armaan gadii guutuu kannen dandeessaan Carraa Keessan yaala.
follow Fite Miresa Bayisa galatooma. 🙏

Oolmaa Bulchinsa magaalaa Bokkoo
19/09/2025

Oolmaa Bulchinsa magaalaa Bokkoo

18/08/2025

Fooyya'iinsa miindaa hordofuun daldaltoota sababa malee gatii dabalan irratti tarkaanfiin ni fudhatama

Finfinnee, Hagayya 12, 2017(FMC) - Fooyya’iinsa miindaa hordofuun daldaltoota daballii gatii madaalawaa hin taane kaa’aa jiran irratti tarkaanfiin cimaan akka fudhatamuuf mootummaan ajajuu Komishiniin Siivil Sarvisii beeksise.

Fulbaana bara 2018 irraa eegalee daballiin miindaa hojjettoota mootummaa hojiirra akka oolu Komishiniin Siivil Sarviisii fi Ministeerri Maallaqaa beeksisaniiru.

Daballiin miindaa kun ulfaatina jireenyaa hojjettoota mootummaa galii dhaabbataa qabanii salphisuuf kan hojjetame yoo ta’u, daldaltoota sababa malee gatii dabalan irrattis tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu himameera.

Komishinarri Komishinii Siivil Sarviisii Federaalaa Dooktar Mekuriyaa Haayilee TOItti akka himanitti, hawaasni daldalaa harki caalaan imaammataa fi qajeelfama mootummaan baase deeggaraa jira.

Daballii miindaa kanaaf baajata dabalataa Birrii biiliyoona 100 fi biliyoona 60 ol mootummaan kan baasu ta’us, jireenya hojjettoota mootummaa fooyyessuuf dursi kennamuu isaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Fooyya'iinsi miindaa kun hojjettoonni mootummaa hojii isaanii sirnaan raawwachuu fi tajaajila gahaa fi ariifataa kennuudhaan itti gaafatamummaa isaanii dachaan akka ba’an kan dandeessisu ta’uus hubachiisaniiru.

Fooyya’iinsa miindaa hordofuun daldaltoota sababa malee gatii dabalaan mootummaan ciminaan hordofuun tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatu qajeelfamni kennamee jiraachuus eeraniiru.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Waan umriifi sammuu,qalbiifi Aqlii kee nyaaturraa uf qusadhu,lola namni siif  hin beekne ufitti bante taanaan,kophatti n...
02/06/2025

Waan umriifi sammuu,qalbiifi Aqlii kee nyaaturraa uf qusadhu,lola namni siif hin beekne ufitti bante taanaan,kophatti nyaatamtee dhumtaa dafii humna waraana keetii sassaabadhu.

Eeee
Waa hunda beekuun abshaalummaafi dandeettii gaafata,waan dubbatan adda baasanii beekuun immoo hayyummaa qabaachuu mul'isaa beeki.

"I think it's possible for ordinary people to choose to be extraordinary.” yup.

Jaaloo
Wanti Rabbi khalqe hundi bareedaadha ija bareexduu qabaachuu dhabutu fokkisee sitti mul'isa waan taheef ija qulqulleefadhuu laali.

Yaa
Nyaanni hin taane qaama fixa,murtiin hin taane sammuu fixa,yaadni hin taane qalbii fixa,saahibni hin taane qabeenya nama harkaa fixa,haasofni hin taane jaalala fixa,kaayyoon hin taane umrii fixaa uf qusadhu.

Obbolaa
Yoo waa dabaluu dadhabde,waan dura uf harkaa qabduu gadi akka buutee hin argamne,qabeenya kee kunuunfadhu.

Yaa
Nyaata hinbilchaatin irra,sammuu hin bilchaatintu summiidhaa beeki,nyaatni dheedhiin garaa qaba, yaadni dheedhiin sammuu qabaa hubadhu.
Ustaaz Sufiyan Ousmen

02/06/2025

Mirgi daaimmaniifi qaama miidhamtootaa nuuf Haa kabajamu.

06/04/2025

Daaimman daandii gubbaa jiraataniif garaa laafaa

Address

11 Place Du Commerce
Addis Ababa
75015

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Rijal posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category