07/29/2026
“Gara abbaa kootti deebi’uu naaf wayya!” — (Luq. 15:18)
Kun lallaba barreeffamaati; of—ilaallee afuuraa iccitii fayyinaa nuuf ibsudha.
Gaabbiin balbala gara mootummaa Waaqayyootti nu geessudha. Qulqullichi Efreem inni Sooriyaa: “Waaqayyo akka nuti isaaf deebinuuf, utuu nuti isa hin barbaadin Inni nu barbaaduu dhufe.” jedheera. Qulqulluu Yisihaaq inni Sooriyaas, “Jireenyi dhala namaa guutuun qalbii jijjiirrannaa irraa kan adda ba’e miti; cubbuudhaan kufuun amaluma namaati, garuu deebi’anii ka’uu dadhabuun madaa hamaa lubbuu ajjeesuudha,” jechuun cimsee nu barsiisa.
Sagaleen mata duree keenya irratti fayyadamne: dubbiin jireenyaa, sagaleen abdii fi araaraa kun, sagalee ilma bade tokko yeroo inni dhukkuba cubbuu isaatiin of baree gara Uumaa isaatti deebi’uuf murteessetti dubbatedha. Sagaleen kun, yeroo namni of tuulummaa fi hiyyummaa cubbuutiin onaa ta’e tokko, ifa ayyaanaatiin lapheen isaa tuqamee gara mana abbaa isaatti [Waaqayyootti] deebi’uuf yaadee murteessetti kan dubbatamedha. Sababa inni dubbatameefis, Waaqayyo hangam cubbamaa akka jaalatuu fi namni yoo dhugumaan deebi’eef dhiifamni Isaa daangaa akka hin qabne barsiisuufidha. Abbaan sagalechaa immoo, Uumaa fi Fayyisaa addunyaa Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos bifa fakkeenyaatiin waa’ee dhala namaa badoo ta’ee fi waa’ee Waaqayyo isa araaraaf fiigee nama simatuu dubbate. Kan inni dubbatameef immoo, warra Fariisotaa warra ‘Nuti qulqulluudha, cubbamoota wajjin hin nyaannu’ jedhanii gumgumanii fi [(Luq. 15:2 — ‘Namichi kun cubbamoota ofitti simatee isaanuma wajjin nyaata’)] dhala namaa isa fageenyatti badee beela’aa jiru hundaaf dubbatame. Kaayyoon dubbii kanaa inni guddaanis, Waaqayyo namoota badoo ta’an hundumaa jaalalaa fi araara Isaatiin akka eegu, yommuu namni deebi’u immoo lubbuun isaa fi jireenyi isaa: nagaa, fayyinaa fi jireenya akka argatu nuuf mirkaneessuufidha.
Seenaan ‘Ilma Badaa’ inni Wangeela Luqaas keessatti barreeffame, seenaa namoota ba’aa cubbuutiin badanii fi kufaniif qoricha ta’ee, k