Firomsaa Awal Usmn

Firomsaa Awal Usmn Informations de contact, plan et itinéraire, formulaire de contact, heures d'ouverture, services, évaluations, photos, vidéos et annonces de Firomsaa Awal Usmn, Épicerie, Finfinra.

19/08/2023
29/06/2023
29/06/2023
24/06/2023

የፈረንሳይ ፕሬዚዳንት ኢማኑኤል ማክሮንን በፓሪስ ላደረጉልን አቀባበል እና ሽኝት ምስጋናዬን አቀርባለሁ። ፍሬያማ ለነበረው አዲስ የዓለም አቀፍ የፋይናንስ ስምምነት ጉባዔ እንዲሁም የአፍሪካ ሀገሮችን ለመደገፍ ላሳዩት ፈቃደኛነትንም አመሰግናቸዋለሁ።

Pirezdaantiin Faransaay, Imaanu'eel Maakroon simannaafi gaggeessaa Faransaayitti nuuf godhaniif nan galateeffadha. Yaa'ii Waliigaltee Maallaqaa Idil-addunyaa Haaraa bu'a-qabeessa tureerfi fedhii biyyoota Afrikaa deeggaruuf agarsiisaniifis galateeffachuun barbaada.

I extend my appreciation to President Emmanuel Macron for the warm reception in Paris; for productive sessions during the Summit for a New Global Financing Pact and the willingness to support African countries.

24/06/2023

Hawaasa Dhaloota Ijaaraa Jiruuf Galata Qabna!
"Tajaajila Lammummaa Misooma Waloof"
-----------------------
Mootummaan Naannoo Oromiyaa waggoota lamaa as dhaloota lama wal duraa duubaan bu'uura hin reeqqifne irratti ijaaruudhaaf hawaasa sosochoosuun barnoota ajandaa lammii hundaa taasisee hojjataa jiraachuun isaa ni beekama.
Ijaarsa dhaloota Ifa Boruufi dhaloota Bu'uura Boruu bu'uura buufnee jalqabneerra.

Hawaasa barnootaa naannoo keenyaa; barsiisota, maatii barattootaa, barattoota, ogeeyyii barnootaa sadarkaan jiran, abbootii qabeenyaa, dhabbilee miti mootummaa, seektaroota adda addaa, Yunivarsiitiiwwan naannoo keenyaa, Abbootii Gadaafi Haadholii Siinqee, Abbootii Amantaa, caasaalee mootummaa sadarkaan jirtan hundi hirmaannaafi deeggarsa keessaniin hanga har'aatti, manneen barnootaa Bu'uura Boruu 10,000 ol ijaaruu, akkasumas barattoota daa'immanii mil. 5 oliif nyaata dhiyeessuu dandeenyerra. Hirmaannaan keessan suphaa manneen barnootaa, ijaarsa daree dabalataa, mana kitaabaafi mana fincaanii, gumaacha kitaabaafi deeggarsa meeshaalee barnootaa, hirmaannaa barattootaa dabaluu, dhiyeessii bishaan dhugaatii, ibsaaafi kkf irratti taasistan seektarri barnootaa keenya daran akka fooyya’u gochuu keessatti gahee olaanaa waan bahaa jiruuf maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galata guddaa akka qabdan ibsuun barbaada.
jiruuf_galata_guddaa_qabna!
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, tumsa keessan waliin barnoota ummata Oromoo madaalu, dhaloota duudhaa ganamaa, aadaafi safuu kabaju, saayinsiifi teeknooloojiidhaan sadarkaa idila addunyaatti dorgomaa ta'u, siyaas-dinagdeefi hawaasummaadhaan Oromiyaa ijaaru, Itiyoophiyaa utubuufi, Gaafa Afrikaa tasgabbessu uumuu ciminaan kan hojjataa jiru ta’uu ibsuun barbaada.

Hirmaannaa hawaasni keenya hanga ammaatti taasiftaniif irra deebi'ee isin galateeffachaa, ammas dabalataan rakkoo qulqullina barnootaa irratti nu qunnamaa jiru fooyyessuuf Ganna bara 2015tti Tajaajila Lammummaadhan hojii qabatamaa hojjechuuf karoorfannee tumsa keessan eegaa jirra. Sosochii kanaan:-
 Mana Jireenya Barsiisota Baadiyaa, 4000 ijaaruu;
 Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu marsaa 3ffaa, 4,574 ijaarree xumuruu;
 Istaandardii Manneen Barnootaa 3,410 fooyyessuu;
 Barsiisota Daa'imman Barnoota Sadarkaa Tokkoffaan Duraa (BSTD) barsiisan, 9,000 qacaruu;
 Daree dabalataa ijaaruu;
 Mana kitaabaa ijaaruufi kan kanneeniin walqabatan Ganna kana keessa raawwachuun bara barnootaa 2016 tajaajilaaf oolchuuf karoorsinee hojiitti seenaa jirra.
Karoorri Tajaajila Lammummaa bu'uurri isaa hawaasa barnootaa irraa kan madde waan ta'eef akkuma kanaan dura waliin taanee rakkoo barnoota naannoo keenyaa furaa dhufne ammas hojii boonsaa dhaloota ijaaru akka raawwannu abdii guddan qaba.
Oromiyaa ni ijaarra!
Itoophiyaa ni utubna!
Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!
Waaqnis nu gargaara!
Waxabajjii 2015
Finfinnee!

23/06/2023

ከዓለም የገንዘብ ድርጅት( IMF) ኃላፊ ክሪስታሊና ጆርጄቫ ጋር፣ ከአዲስ ዓለም አቀፍ የፋይናንስ ስምምነት ጉባኤ ጎን ለጎን ውጤታማ ውይይት አድርገናል። ለአየር ንብረት ችግሮች ምላሽ ለመስጠት ድርጅቱ የሚያደርገው የተጠናከረ ጥረትና ቀጣይ ድጋፎች የሚበረታቱ ናቸው።

Hooggantuu Fandii Maallaqaa Addunyaa, Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa waliin Yaa'ii Waliigaltee Maallaqaa Idil-addunyaa Haaraa cinatti marii bu'a-qabeessa gooneerra. Dhaabbatichi jijjiirama haala qilleensaaf itti fufiinsaan debii kennuuf deeggarsiifi tattaffii cimmaan taasisu kan jajjabeeffàmudha.

I met and had a productive discussion with Kristalina Georgivea on the side line of the Paris Summit for a New Global Financing Pact. He appreciated the Fund’s continued engagement and support, including its scaled up efforts in responding to climate challenge.

21/06/2023
20/06/2023

Adresse

Finfinra

Site Web

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Firomsaa Awal Usmn publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Partager