Afran Qalloo page

Afran Qalloo page Qalloo Bareentoo

08/29/2024
Seena abbaa ilmaatu eega🙏🏻Dhaamsa obboleessa keenya IsIsku Adam HarunKabajamoota ilmaan muslimaa Adduunyarra jirtan Hund...
08/29/2024

Seena abbaa ilmaatu eega🙏🏻
Dhaamsa obboleessa keenya IsIsku Adam HarunKabajamoota ilmaan muslimaa Adduunyarra jirtan Hundaa fi Ilmaan Oromoo Maraaf;

Barreeyfama kana kan isiniif barreeysu ana Ilma keeysan Iskander Adam Haruni.

Isin hundi quuqama Amantii teenyaaf qabdanii fi jaalala islaamummaa dhaaf qabdan agarsiisuu keeysaniif galatoomaa isiniin jechaa, Ani ilmi keeysan bakka Abbaa khiyyaa, garii keeysaniifis Abbaa keeysan Aadam Haarun bikka bu’uudhaan onnee tiyyarraa dhiifama guddaa isin gaafachuu barbaada.

Abbaan kiyya Har’a nama guddaadha. Nama waa’ee qabsoo Oromoo kana keessatti jiruu isaa guutuu dabarse. Amma manguddoomee soorama bahee jiraatus, dhimma kanarraa hedduu gaddee jira. Viidiyoon oliif gad deemaa ture kan namoota dallansiise sunis kan ammaa osoo hin taane kan gaafa inni biyya galeeti. Haata'u malee ilmi namaa hundi ni dogoggoraa dogoggara isaaf irra deebi'uun dhiifama!

Har’a hin tahin Malee Kaleeysa yeroo seenaa gaarii itti galmeeysaa turellee cuftinuu ragaa baatan je’eetin Abdadha.

Kanarraa ka’uudhaan, Ani ilmi Adam Harun kan hiriyaa kiyyaa akka hiriyaatti, Kan hiriyaa Abbaa kiyyaa akka Abbaatitti, Kan haadha naaf tahuu dandeeysan akka haadhatti, kan obboleeysaa fi obboleeytii naaf tahuu dandeeysan akka obboleessaa fi obboleeytiitti irra deddeebi'ee dhiifama onnerraa madde isin gaafachuun barbaada.

Akka feetellee taatu Yeroo Namni Qaama kee tuqe, ni dallanta. Sitti dhagahama. Hunda caalaa immoo dhimmi Abbaa kiyyaa guddoo anuma ilaallataati dhiifama isiniin jechuu barbaada!!

Ani ilma keeysan
Ilma Aadam Haarun!!! "

08/29/2024
Jaalallee Narraa fagoo teesseeJaalalaan na cortaaSin jaalladha jetteeAbdii natti hortaaSobee hin kabeebsuuSin jaalladha ...
08/26/2024

Jaalallee
Narraa fagoo teessee
Jaalalaan na cortaa
Sin jaalladha jettee
Abdii natti hortaa

Sobee hin kabeebsuu
Sin jaalladha ,,DASII
Akka na jaallattu
Atiyyu hin haaltuu

Dammaksituu onnee
Miiressituu sammuu
Amma lubbuun jirrutti
Wal malee hin qabnuu

Maaltu nutti hinaafaa
Yoo jennes kan walii
Biyya jirtu sanaa
Nagaadhaan naaf gali.!.............................................

    Abjuu lammataa👇Waan hundaa sitti himaaWaan garaa koo keessaaHimuuf uf qaanfadheeGaruu leelloo tiyyaaEeguma si jaalad...
08/25/2024


Abjuu lammataa👇
Waan hundaa sitti himaa
Waan garaa koo keessaa
Himuuf uf qaanfadhee
Garuu leelloo tiyyaa
Eeguma si jaaladhee
Halkan guyyaa wallaalee
Abjuu jaalala keen
Akka taane ta'ee

Abjuu koo isa duraan
Ilmaan sirraa qabaa
Tarii namni dhagahe
Soba jechu malaa
Jaalala keessa koottu
Abjuu ta'ee jaranaa

Abjuu koo inni amma
Gaabbii safuu kiyyaa
Kan GAA'ILA maleen
Qeerroof qarree argadhe
Guyyaa uf taajjabee
Halkan deebi'ee na hubaa
Komii qaama kiyyaa
Xinnoo irraa siif bahaa

Gaabbii abjuu Sanaan
Akkas ture dubbiin
Keessi koo raata'aan
Inni barumsa qabne
Suuraa kee ilaalaa
Qaama koo gaafadhee

Harka koo!
Ati yaa qaqqabaa koo
Abbaa qubiin shananii
Yaa isa waa hin qoonne
Quba akeektuu nana
Maal ati immootuu
Harka Abbaa kankee
Kan fuutee qilee buuftuu

Arraba koo!
Atis yaa Arrabticha
Yaa isa waa hin hille
Dhodhoosaa waa hundaa
Saaqxuu daandii maqa
Fuutee na dirtee kaà
'Haaramaa'f 'halaala'tti
Mee karaa dhabnee
Atis nu deebisi iddootti

Miila koo!
Miila imaltuu nana
Ati immootuu guurtuu hundaa
Fuutee ittiin dhaqxee
Bakka yaaduun na geessa
Jarrimmoo safuu dhaboon
Diranii aseenuu iddoo yaada ufii
Kan darbee ilaalii
Yaa Rabbii naaf tufii

Abjuun koo kanuma
Yaa jaalallee halaalaa
Bara dhufaaf darbaa
Obsaan si eeggadhaa
Ilmaan qarreef qeerroo
Akka sirraa argadhuu
Dhaamsa koo imaana
_________________

Fageenya daandii kiyyaaf keen
Jaalala narraa hin hirdhifnee
Jechoota koo hamoodhaan
Achi narraa dhiibamnee
Takka naan jettee hin beektu
Jaalalli kee naa gamtee
Wabii na dhiisi ammaa

Waadaa jaalala dhugaa
Obsaan qabattee adeemta
Jaalalli koo Yoo simiidhes
Jaalalumatti himattaa
Haalli koos Yoo si miidhe
Deemtee hin fagaattu
Deebitee na gorfatta

Waa'ee kee fageenyaafuu
Waa homaa quba qabuu
Mee dhugaa keessoo kiyya
Isa keessaa koo taa'u
Isa qalbii koo fudhatee
Isa ciisee nagaa dhabee
Isa taa'uuf ka'uu kootti
Waa'eedhuma kee na yaachisuu
Isa aara galfii dhabee
Halkan guyyaa Siif kaadhuu
Isa yaada kaasee
Tokko jedhee tokko dhiisu

Ni yaadattaa leelloo tiyya
Isa argaa kee araadee
Fageenya kiyyaan uf abaaru
Isa abjuu keen hirriba ka'uu
Isa abjuu keen ilmoo sirra horuu
Isa daaqaa adeemuu
Humna dhabee akka raatu
Hin qabuu dhibee tokkoo
Kan na gogsee keessa kiyya
Kan na hubee yaada keeti
Kana kinoo kan an beeku
Keessa koo situ qaba
Mana gaarii Mana jabaa
Isa Siif boqonnaa dhabu
Naaf hubattaa quba qabdaa?
Hanga tokko sitti himaa

Ati anaaf dhimma lubbuu tiyya
Siifan maraadhallee
Kinooti Siifan barooda
Akka sangaa aadee
Yookaan siifan jiraadha
Umrii kootti dabalee
Yookaan Siifan du'a
Du'a koo hanqisee
Leelloo jireenya koo
Geggeessaan jaalala kee

Nan beeka jaalala koof
Akka ati kuftee kaatu
Waada jaalala koo tiksuuf
Akka ati obsa dhabdu
Waraansa koo hardhaatiif
Akka ati jala miidhamte
Anaaf jettee dararamtuu
Nan beeka lubbuu tiyya
Anan ala hin jiraattu

Wacaaf yaada ormaa
Mataa dabsitee dabarfatta
Akka naaf kuftee kaatu
Natti himtaa Yeroo maraa
Keessa keetti na tikfattaa
Homaa anuu shakkii qabu
Si ibsuuf ragaan qabaa
Waa'ee keef Waa'ee jaalala kee
Hundamattuu siif odeessaa
Akka dhugaan na jaalattuu

➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖

Address

Dirree Dhawaa
Toronto, ON

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Afran Qalloo page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category