BTV

BTV Oromummaa dhiigaa kooti oromiiyyaa biyyaa kooti

02/05/2023

Leenjiin humnoota tikaa fi leenjistoota miliishaaf magaalota gara garaa keessatti kennamaa ture xumurame.

ONM-ABO Caamsaa 1,2023 Maqaa Araaraa of dura qabachuun hojii goyyomsaatti kan jiran kaadiroonni PP Oromiyaa magaalaalee akka Adaamaa fi Naqamtee keessatti guyyoota 15f leenjii kennaa turan xumuruu odeessi keessoo bilxiginnaatii ba'e ni addeessa.

Akka Odeessi keessoo bilxiginnaatii ba'e addeessutti aanota Oromiyaa hunda irraa namoota shan shan walitti qabuun leenjii kennaa kan turan yoo ta'u, leenjistoonni baay'inni isaanii 2700 ta'an leenjii kana leenjisaa turaniiru. ABO ganuun PPtti kan galan qondaalonni ABO duraanii leenjii kana irratti bifa leenjisaatiin hirmaataa kan turan yoo ta'u, icciitiin akka hin baaneefis guyyoota kana hunda bilbila irraa guuruun leenjisaa turaniiru.

Qabiyyeen leenjii kanaa inni gurguddaan
_ Aanota hunda irratti akkamittiin miliishaa leenjisuu akka qaban
_ Bakkoota WBOn socho'u hundatti uummata qarshiin bituun uummanni WBO dura akka dhaabbatu gochuu
_ Marii nageenyaa fakkeessuun caasaa WBO uummata keessa jiru adda baafachuu
_ Hooggansi WBO bakka ni argama jedhamee shakkamu maratti baajata guddaa dhangalaasuun rukkunnee yeroo dhiyoo keessatti injifannoo keenya addunyaaf labsuu qabna waan jedhu of keessaa akka qabus nuuf ibsaniiru.

Kallattuma leenjii irraa isaanitti kennameen hojii kan eegalan amanamtootni Abiy Ahimed baha Oromiyaa godinaalee Harargee lamaan keessatti dirqamaan nama ukkaamsuun leenjii milishaaf qopheessaa jiraachuu odeessi kun eeree jira.

Marii araaraa kanaan dagachiisuun bakkoota kanaan dura gadhiifnee turrellee qabachuu qabna jechuun dabballoota aanaalee irraa dhufanitti dirqama jajjabduun itti kennamuus odeessi kun dabaluun addeesseera.


Godina Addaa Naannawwaa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa keessatti milishoota walitti qabuun akka waan WBO booji'aniitti waraabaa jiraachuun saaxilame.

ONM-ABO Caamsaa1,2023 Dirree lolaa irratti lola Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasisan dura dhaabbachuu dadhabuun kaadiroonni bilxiginnaa magaalaatti ol dacha'uun olola sobaa uumanii uummata burjaajessuun deggertoota isaanii gammachiisuuf dhagaa gara hin galchine hin qabani.

Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa keessatti milishoota walitti qabuun akka waan Waraana Bilisummaa Oromoo lola irratti booji'aniitti waraabaa ooluu maddeen keenya gabaasaniiru.

Maddi keenya akka gabaasetti, bulchiinsa magaalaa Sabbataa bakka Addaa Boonayyaa jedhamutti Ebla 30,2023 milishoota waliin oollu walitti qabuun raaree fi dhukkee keessa gangalchuun akka waan WBO boji'aniitti qawwee itti hidhanii qophii waraanaa fakkeessuuf ba'aa dugdattti fe'uun akkasumas hidhannoo tolchaniifii waraabaa oolaniiru jedhee jira.

Gabaasa kana irraa hubachuun akka danda'aametti, milishoota madda keenya kana waliin qaamaan wal beekan guyyoota dura walitti qabuun leenjii kennaafii erga turaniin booda, Ebla 30, 2023 waraabbii documentary sobaa kana eegalanii jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Daawwataan muuzii agarsiisaaf godaambaa kaa'ame nyaatee qolashee bakkatti deebiseMay 1, 2023Kooriyaa Kibbaatti barataan ...
01/05/2023

Daawwataan muuzii agarsiisaaf godaambaa kaa'ame nyaatee qolashee bakkatti deebise
May 1, 2023
Kooriyaa Kibbaatti barataan Yunivarsitii waan beela'eef muuzii agarsiisaaf goodambaa keessa kaa'ame nyaateee qolasaa bakkatti deebise.
Bartaan kun ciree isaa osoo hin nyaatiin waan baheef ''baayyee'' beela'eera jechuun muuzii hojiiwwan agarsiisa aartii keessaa tokko ta'e kan aartistii Maurizio Kaatelaan qopha'e akka nyaate Yunivarsittii hime.
Barataan Nooh Huyn-soo erga muuziicha nyaateen booda qola isaa deebisee bakka buusuun pilaasteriidhaan minjaala irra turetti maxxanseera.
Goodaambichi garuu booda muuzii gara biraa bakka buusuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Taateen daqiiqaa tokko caalaa hin fudhatiin kun hiriyaa Nohiin waraabamee ture.
Godaambaa Aartii Leeum gaaffii karaa imeeliitiin dhimmicharratti gaafatameef deebiin kennee hin jiru.
Haata'u malee, gocha barataan kun raawwateef beenyaa omaa akka hin gaafannee miidiyaatti himeera.
Muuziin agarsiisaaf dhiyaatees guyyaa lama ykn sadiin jijjiiramee akka kaa'amu gabaafame.
Waraabbii viidiyoo intarneetii irratti maxxanfameen, wayita Nooh muuzicha bakka agarsiisaaf kaa'ameerraa kaasaa jirutti sagaleen 'dhiifama' jedhu ni dhagahama ture. Inni garuu deebii omaa osoo hin kenniin fudhee nyaate.
Achiniin booda qola muuzicha keessaa nyaate deebisee bakka duraan irra fuudhetti deebisee qabsiisuun, osoo kutaa keessaa bahee hin deemiin dura takka dhaabbatee ilaale.
Barataa Nooh booda miidiyaa biyya keessaatiin hojii Aartist Kaatelaan kun aanga'oota tokko tokko irratti mormii agarsiisuuf akka dhiyaatutti yaada.
''Warra morman irrattis mormiin gara biraa dhiyaatu jiraachuu danda'a'' jechuun ture barataan Yunivarsitii Biyyaalessaa Sool akka KBStti himeetti.
"Hojii aartii balleessuunis akka hojii aartiitti ilaalamuu danda'a. Kunis baayyee waan gaarii ta'e jedheen yaade... Nyaatamuuf hin turree kan bakka sanatti qabsiifamee kaa'ame?" jechuun bifa qoosaafakkaatuun ibse.
Obbo Kaateelan waa'ee taatee kanaa wayita itti himameetti, ''rakkoo omaa hin qabu,'' jedhan.
Muuziin hojii aartii Obbo Kaatelaaniin dhiyaatan namoota dowwataniin yoo nyaatamu kun kan jalqabaa miti.
Bara 2019 keessas, muuziin hojii aartiif dhiyaatee ture dolaara 120,000tti erga gurgurameen booda fuudhamee nyaatamee ture.
Achiin muuzichi kan biraatiin bakka buufamuun isaan boodas tarkaanfiin fudhatame omaa hin turre.

Dhiira caala dubartootni maaliif gaa'ila diiguuf gaaffii dhiyeessu?16 Caamsaa 2022Namoota wal-hiikanGaa'ila ofii diiguun...
01/05/2023

Dhiira caala dubartootni maaliif gaa'ila diiguuf gaaffii dhiyeessu?
16 Caamsaa 2022
Namoota wal-hiikan
Gaa'ila ofii diiguun(wal-hiikuun) ji'ootaa hanga waggootaa fudhachuu danda'a. Gaaffii wal-hiikuu dhiyeessuutti ammoo dhiiraa fi dubara yeroo walbira qabnu, dubartootni harka hedduun caalmaa agarsiisu. Odeessi kun maaliif dubartootni dhiira caala warra wal-hiikuuf iyyata dhiyeessan akka ta'an ibsa.

Ameerikaa keessatti bulchiinsa shantammannuu keessatti badii malee gaa'ila hiikuun hayyamamaadha. Kanaanis dubartootni waliikuu gaafatan 70% ta'uu akka malan tilmaamni jira.

Dubartoota Yinivarsiitii ykn koollejjii galanii keessaammoo lakkoofsichi gara %90 ol siqaa jedhama. Qorannoon ONS akka agarsiisutti ammoo UK fi Weels keessatti bara 2019 keessa gaa'ila diiguuf kan gaaffii dhiyeesse dhibbeentaan 62 dubartoota.

Amma biyyoota Lixaa keessatti gaa'iila diiguun salphachaa dhufeera. Fakkeenyaaf UK'n namootni gaa'ila isaanii diiguu fedhan iyyatni isaanii akka fudhatamuuf badii qaamni biraan raawwate dhiyeessuun dirqama akka hin taane murteessiteetti.

Kun namootni yaada gaa'ila isaanii diiguu qaban waayee sababa dhiyeessanii osoo hin rakkatiin kallattiin waan fedhan akka raawwatan hiree kennaaf. Qajeelfamni haaraan kun dubartootni isa amma duraarra wal-hiikuuf iyyata galchan akka dabalan taasisa.

Ofii dhiira caala dubartootni maaliif gaa'ila isaanii diiguuf iyyata galchu?
Deebiin gaaffii kanaa hedduu ta'uu mala. Kaan warreen wal-fuudhan lameen akkamiin miira isaanii walii eegu ykn walii hin eegan kan jedhuun wal qabata jedhu. Gariin ammoo sababootni walxaxoon jiraachuu himu. Isaan keessaa tokko barbaachisummaa walabummaati.

Hawaasa hedduu keessatti gaa'ila ofii diiguun dhiyoo kana baratamaa dhufe.

‘Abbaan warraakoo ganna sagal guutuu na hiiku dide’
'Halkan guyyaa cidha keenyaa diigamuu gaa'ila keenyaaf sababa'
Heerumni umurii malee maaliif naannoo Amaaraatti heddummate?
Fakkeenyaaf UK keessatti bara 1914 dura gaa'ila diiguun wan beekamu hin turre. Barkurnee isa jalqabaa jaarraa 20ffaa keessa namni gaa'ila isaa diigu gaa'ila 450 keessaa tokko qofa ture gidduugaleessaan. Amma UK keessatti waggaa waggaan giduugaleessan gaa'illi 100,000 ni diigama. US'tti ammoo gaa'iloota jiran keessa walakkaan isaa dhumni isaa wal-hiikuudha.

Gidduugala Misooma Barnootaa US keessatti oogeettii xiinsammuu kan taate Heidi Kar wal-hiikuun dabaluun isaa dubartootni bilisummaa barbaaduu isaanii waliin walirra bu'uun isaa waanuma eegamuu jedhu.

Haadha warraa fi abbaa warraa wal-falman
MADDA SUURAA,GETTY IMAGES
''Bilisummaan diinagdee dubartiin tokko gaa'ila ishee diiguu dura waan akkaan ilaaluun ishee barbaachisuudha, kophaas haata'u ijoollee wajjiin dubartii tokkoof gaa'ila diiguun ulfaataadhaa.

Ofiin karaa maallaqa argatan qabaachuutu barbaachisa'' jedhu. Gaa'iloota hedduu keessa dhimma maallaqaan walqabatee dubbiin akka jabaatus dubbatu.

Ammoo dubartootni ofiin maallaqa argachuuf hojii hojjitti jabaachuun isaanii gaa'ila gammachuu irraa hin qabne dhiisanii akka bahan sababa ta'uu dubbatu.

''Dhimmi qabeenya ittiin jiraattuu ishee dirqisiisuu yoo baate gaa'ila abbaan warraa rakkisaa itti ta'eefi fedhiin ishee keessatti hin eegamne keessaa bahuun dhimma wal-hiikuu akkaan jajjabeessudhas'' jedhu.

''Aadaafi bakka jireenyaan osoo hin daanga'iin dubartootni diinagdeen of gargaaruu danda'an, garri caalaan isaanii kan barnoota olaanaa argatan, warra diinagdeen ofiifi ijoollee ofii gargaaruun isaan rakkisu caala gaa'ila isaanii diiguuf gaaffii dhiyeessu'' jedhu Kar.

Miiraafi dhimmoota hawaasummaa
Diinagdeen of danda'uun qofti dubartootni dhiirota caala gaaffii gaa'ila ofii diiguu dhiyeessuu isaaniif sababa miti. Dubartootni hedduun gaa'ilatti seenuun dura miira namni jaalatan eeguuf ilaalchisee wanti sammuu keessaa qaban kan dhiirri eeguun yeroo madaalamu olaanaadha. Kunimmoo gaa'ila keessatti hamma eegame yeroo ta'uu didu akkasum dhiira caala dubartoota miidha, gaddisiisa.

Ameerikaa keessatti dhimma gaa'ilaa irratti warra wal-fuudhan gorsuuf hayyama kan qabaniifi dhibdee furuu irratti kan ispeeshalaayiz godhan Gilza Fort-Martinez, dhiironni dubartootaan gaditti hubannoo miira waan qabaniif haadholiin warraa gargaarsa akka dhabanitti of ilaalu kanaafis dhimma miira isaanii fi kan maatii eeguurratti hedduu dhama'u jedhu.

Dubartootni Chaayinaa maaliif daa'imman baayyee horachuu hin fedhan?
Lammiilee biyya tokkoo kan barbaadan fudhuun hinhayyamamneef
Kana jechuun ammoo dubartootni dhiira caala hariiroo isaanii keessatti mallattoolee rakkoo jabaa hubachuun, yeroo baayyee fi irra deddeebiin irratti akka mariyatamufi malli akka godhamuuf yaada dhiyeessu. Kun gaafa akkaan irra deddeebi'u ammoo gara gaaffii wal-hiikuu dhiyeessuutti ce'a jedhu ogeettiin kun.

Dubartootni gaa'ila keessatti gammadoo hin taane gaa'ila isaanii hiikuuf yeroo murteessan gaaffi isaanii qaama dhimmi ilaalutti kan dhiyeessaniif inni guddaan dhimma qabeenya wajjin jiruuf furmaata waan barbaadaniif ta'uu dubbatu.

UK'n dhiyoo kana warri wal-hiikuuf iyyata galfatan badii qaama isa biraa akka dhiyeessan gaafachuu dirqisiisaa gochuu dhabuu isheetiin dhimmi wal-hiikuu dabaluu mala jedhamus erga seera haaraa kanaa dhiira moo dubaratu irra iyyata galfata kan jedhu ammatti ifatti adda hin baane.

Gaa'ila diiguuf iyyata galfachuun kaaniif adeemsa gammachuu dhabuu waggootaa ta'us kaaniif ammoo dhimma qabeenya qooddachuuti.

Wanti ifa jiru garuu hangi galii dubartootaa dabaluun, dhiiraaf dubara gidduu hubannaan miiraa jiru bal'achuun, dhamaatiin mana keessaa kan wal hin madaalle ta'uufi kaanis sababoota wal-hiikuun akka dabalaa deemu akeekaniidha

05/04/2023

🔴ODUU OOWITUU TV ...

05/04/2023

🔴ODUU OOWITUU TV ...

QOPHII TAJABII KUTAA 1FAA
05/04/2023

QOPHII TAJABII KUTAA 1FAA

🔴ODUU OOWITUU TV ...

QOPHII TAJABII BILISO TV
05/04/2023

QOPHII TAJABII BILISO TV

🔴ODUU OOWITUU TV ...

Dirección

Algar
BTV

Teléfono

+966559783673

Página web

Notificaciones

Sé el primero en enterarse y déjanos enviarle un correo electrónico cuando BTV publique noticias y promociones. Su dirección de correo electrónico no se utilizará para ningún otro fin, y puede darse de baja en cualquier momento.

Contacto La Empresa

Enviar un mensaje a BTV:

Compartir