02/05/2023
Leenjiin humnoota tikaa fi leenjistoota miliishaaf magaalota gara garaa keessatti kennamaa ture xumurame.
ONM-ABO Caamsaa 1,2023 Maqaa Araaraa of dura qabachuun hojii goyyomsaatti kan jiran kaadiroonni PP Oromiyaa magaalaalee akka Adaamaa fi Naqamtee keessatti guyyoota 15f leenjii kennaa turan xumuruu odeessi keessoo bilxiginnaatii ba'e ni addeessa.
Akka Odeessi keessoo bilxiginnaatii ba'e addeessutti aanota Oromiyaa hunda irraa namoota shan shan walitti qabuun leenjii kennaa kan turan yoo ta'u, leenjistoonni baay'inni isaanii 2700 ta'an leenjii kana leenjisaa turaniiru. ABO ganuun PPtti kan galan qondaalonni ABO duraanii leenjii kana irratti bifa leenjisaatiin hirmaataa kan turan yoo ta'u, icciitiin akka hin baaneefis guyyoota kana hunda bilbila irraa guuruun leenjisaa turaniiru.
Qabiyyeen leenjii kanaa inni gurguddaan
_ Aanota hunda irratti akkamittiin miliishaa leenjisuu akka qaban
_ Bakkoota WBOn socho'u hundatti uummata qarshiin bituun uummanni WBO dura akka dhaabbatu gochuu
_ Marii nageenyaa fakkeessuun caasaa WBO uummata keessa jiru adda baafachuu
_ Hooggansi WBO bakka ni argama jedhamee shakkamu maratti baajata guddaa dhangalaasuun rukkunnee yeroo dhiyoo keessatti injifannoo keenya addunyaaf labsuu qabna waan jedhu of keessaa akka qabus nuuf ibsaniiru.
Kallattuma leenjii irraa isaanitti kennameen hojii kan eegalan amanamtootni Abiy Ahimed baha Oromiyaa godinaalee Harargee lamaan keessatti dirqamaan nama ukkaamsuun leenjii milishaaf qopheessaa jiraachuu odeessi kun eeree jira.
Marii araaraa kanaan dagachiisuun bakkoota kanaan dura gadhiifnee turrellee qabachuu qabna jechuun dabballoota aanaalee irraa dhufanitti dirqama jajjabduun itti kennamuus odeessi kun dabaluun addeesseera.
Godina Addaa Naannawwaa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa keessatti milishoota walitti qabuun akka waan WBO booji'aniitti waraabaa jiraachuun saaxilame.
ONM-ABO Caamsaa1,2023 Dirree lolaa irratti lola Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasisan dura dhaabbachuu dadhabuun kaadiroonni bilxiginnaa magaalaatti ol dacha'uun olola sobaa uumanii uummata burjaajessuun deggertoota isaanii gammachiisuuf dhagaa gara hin galchine hin qabani.
Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa keessatti milishoota walitti qabuun akka waan Waraana Bilisummaa Oromoo lola irratti booji'aniitti waraabaa ooluu maddeen keenya gabaasaniiru.
Maddi keenya akka gabaasetti, bulchiinsa magaalaa Sabbataa bakka Addaa Boonayyaa jedhamutti Ebla 30,2023 milishoota waliin oollu walitti qabuun raaree fi dhukkee keessa gangalchuun akka waan WBO boji'aniitti qawwee itti hidhanii qophii waraanaa fakkeessuuf ba'aa dugdattti fe'uun akkasumas hidhannoo tolchaniifii waraabaa oolaniiru jedhee jira.
Gabaasa kana irraa hubachuun akka danda'aametti, milishoota madda keenya kana waliin qaamaan wal beekan guyyoota dura walitti qabuun leenjii kennaafii erga turaniin booda, Ebla 30, 2023 waraabbii documentary sobaa kana eegalanii jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.