Jira hunda bacha

Jira hunda bacha Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jira hunda bacha, Grocers, Adama.

27/07/2026

Biyya jalqaba Islaamummaa simatte, quubsuma tawhiidaa jalqabaa - Itoophiyaa
💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥💥
Ahmedin Jebel-አሕመዲን ጀበል
✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅✅

Itoophiyaan Makkaa booda biyya akka biyyaatti Islaama simatte keessaa biyya lammaffaa dha. Amantiin Islaamaa waggaa torba Madiinah duursee Itoophiyaa gahe. Akkasumas Yaman, Oomaan, Qaataar fi Bahireen dura waggaa kudha sadii dura seene.

Somaaliyaa fi Emireetota Arabaa dura waggaa kudha shan dura, Iraan fi Iraaq waggaa kudha saddeet dura Itiyoophiyaa gahe. Akkasumas Sooriyaa, Fala🇵🇸sxiin fi Jordan waggaa digdamii tokko duursee, Masrii waggaa digdamii shan dura, Liibiyaa waggaa soddomii lama dura seene. Afgaanistaanii fi Suudaan immoo waggaa soddomii torba duursee Itiyoophiyaa qaqqabe.

Tuniziyaa fi Aljeeriyaa irraa waggaa shantamii shan dura, Morookoo irraa immoo waggaa jaatamii torba dura gahe.

Ispeen (Andalus) fi Poorchugaal irraa waggaa sagaltamii jaha dura, Uzbekistaan irraa waggaa sagaltamii shan dura, Paakistaan irraa waggaa sagaltamii jaha dura, Hindii irraa immoo waggaa sagaltamii torba dura Islaamni Itoophiyaa gahe.

Kana malees Kaazaakistaanii fi Turkii irraa waggaa dhibbaa fi soddomii shan dura, Baanglaadesh irraa waggaa dhibba sadii fi saddeettama shan dura, Maaleeshiyaa fi Indooneeshiyaa irraa immoo waggaa dhibba shan fi saddeettama shan dura Islaamni Itoophiyaa keessatti lallabame.

Kana jechuun, Makkaa alatti biyyoota addunyaa keessaa hundumaa caalaa Islaamni dursee gahe Itoophiyaa dha.

Har'a lakkoofsa waggootaa Hijraa irratti hundaa'uun Hijraan waggaa 1448 ta'us, Islaamni gara Itoophiyaatti kan seene Hijraan jalqabamuun isaa dura waggaa torba waan ta'eef, seenaa Islaamaa Itoophiyaa keessatti waggaa 1456 ta'a.

Kana jechuun, biyyoota addunyaa keessaa lakkoofsi waggootaa Hijraa jalqabuu isaa dura Islaamni seenee ture biyya tokko qofa yoo jiraate, isheenis Itoophiyaa dha. Kunis seenaa addaa Itoophiyaan qabdu keessaa isa guddaa dha.

Itoophiyaan kabaja seenaa kana argachuun ishee fedhii Musliimotaa qofaan osoo hin taane, akka amantii Islaamaatti qophii fi murtii Rabbii ta'ee ilaalama.

Musliimonni Itoophiyaa abbootii seenaa Islaamaa fi biyya isaanii ti
📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶📶

Namoonni tokko tokko Islaama biyyoota Arabaa qofaan walqabsiisanii ilaalu. Garuu yoo Islaamni biyya tokko waliin walqabsiifamuu qabaate, Itoophiyaan biyyoota hedduu caaltee mirga kana qabdi.

Sababoonni isaas hedduu dha. Isaan keessaa muraasni:

1. Ummu Ayman (Barakaa), dubartiin Itoophiyaa irraa dhalatte, Ergamaa Rabbii Nabi Muhammad (SAW) guddisuu keessatti gahee guddaa qabdi.

2. Islaamni Makkaa booda, Madiinaa illee osoo hin geenye, jalqaba gara Itoophiyaatti seene.

3. Yeroo sahaboonni Makkaa keessatti ari'atamanitti, Mootiin Najjaashii fi uummanni Itoophiyaa kooluu fi nageenya isaaniif kennan. Yeroo sanas Makkaa keessatti Musliimonni muraasni hafan osoo jiranii, Itoophiyaa keessatti Sahaboonni hedduun jiraachaa turan.

4. Mu'azzinni jalqabaa seenaa Islaamaa, Bilaal ibn Rabaah, nama Itoophiyaa irraa dhalate ture.

5. Mootiin Najaashii, hoggantoota addunyaa keessaa Islaama fudhatan keessaa isa jalqabaa ta'uun beekama.

6. Ergamaan Rabbii Nabi Muhammad (SAW) Itoophiyaa "Biyya dhugaa" jedhee galateesse.

7. Mootii Najjaashiis, "Isa biratti namni tokko illee hin miidhamu" jechuun haqa qabeessa ta'ee Ergamaa Rabbii (SAW) irraa mootummaa isaaaf ragaa argate.

8. Islaamni gara Itoophiyaatti seene yeroo sana keessatti maqaan akka Mazhabaa, Manhajii, Tasawwuf, Suufiyyaa, Asha'iraa, Shi'aa fi kanneen biroo hin uumamne ture. Kanaaf barsiisni Islaamaa gara Itoophiyaatti dhufe maqaa dabalataa tokko malee "Islaama" fi "Musliima" jedhamuun qofa beekama ture.

Kana malees ragaan seenaa kana deeggaru hedduun ni jiru.

Sababni isaas, Islaamni biyyoota addunyaa irra caalaan isaanii osoo hin simatiin dura gara Itoophiyaa waan seeneef, Itoophiyaan seenaa Islaamaa keessatti iddoo barsiistuu qabdi malee iddoo barattuu miti.

Kanaaf, biyyoota Itoophiyaa booda Islaama fudhatan akka madda dhiibbaa Musliimota Itoophiyaa irratti ta'anitti ilaaluun, yookaan amanamummaa Musliimota Itoophiyaa irratti shakkiin ilaaluun, hubannoo seenaa irraa fagoo ta'e agarsiisa.

Musliimonni Itoophiyaa daangaa biyya isaanii eeguu, aadaa ishee guddisuu fi seenaa ishee barreessuu keessatti dhaloota irraa dhalootatti gahee olaanaa taphatanii jiru. Isaan bu'uura ijaarsa biyya kanaa keessaa tokko dha.

Islaamni Itoophiyaa keessatti kan babal'ate waraanaan ykn humnaan osoo hin taane, haqa, qajeelummaa fi fedhii gaarii uummata Itoophiyaatiin ture.

Seenaa guddaan kun Makkaa booda Itoophiyaa akka biyya lammaffaa Islaama simatte taasise. Kun qabeenya seenaa Musliimotaa qofa miti; qabeenya fi boonaa uummata Itoophiyaa maraati.

Kanaaf dhaloonni har'aa dhaala guddaa kana tikfachuu, kabajuu fi seenaa dhugaa irratti hundaa'e dhaloota itti aanutti dabarsuun itti gaafatamummaa isaa bahuu qaba.

Musliimonni Itoophiyaa biyya isaanii keessatti alagaa miti; seenaa, aadaa, nageenya fi ijaarsa biyya kanaa keessatti gahee guddaa taphatanii jiru. Akkasumas, seenaa Islaamaa addunyaa keessatti iddoo olaanaa fi addaa qabu.

Kanaaf, Musliimota Itoophiyaa biyyoota biraa irraa dhufanitti maxxansuun, yookaan amanamummaa isaanii gaaffii keessa galchuun, ragaa seenaa fi dhugaa waliin wal hin simu.

Dhugaan seenaa agarsiisu, Itoophiyaan Makkaa booda Islaama simatte keessaa biyya lammaffaa ta'uu qofa osoo hin taane, seenaa Islaamaa keessatti iddoo olaanaa qabduudha.

Xumura irratti, seenaa kana beekuun, tikfachuun fi dhaloota itti aanutti sirnaan dabarsuun hojii namoota amantii kamiyyuu hordofan hundaaf barbaachisaa dha. Seenaa dhugaa wal kabajuu fi wal hubachuu cimsuun tokkummaa fi nageenya biyyaa jabeessa.

Bossona Oromiyaa 💖
21/03/2026

Bossona Oromiyaa 💖

16/03/2026

Alhamdulilah🤍
Lubbu RABBII soora humaa yaadina
waliin, waliif, walirraa nuhaa milkeeysu Foon kiyya

14/03/2026

🕋 Kuni Makka 🕋

Wiirtuu Qalbii fi Ganda Eebbaa!
Makkaan Magaalaa hundaaf haadha (Ummul Quraa), iddoo itti nagaan itti dhalateefi iddoo itti Ergaan RABBII (Wahyiin) dachee kanatti makamedha.

1. Lafa Gammoojjii irraa gara Wiirtuu Addunyaatti:

Makkaan jalqaba lafa bishaan, mukni fi namni hin jirre turte. Garuu, jaalala fi ajaja Rabbii hordofee Nabiyyullaah Ibraahim haadha manaa isaanii Haajarii fi ilma isaanii Ismaa'iil achitti dhiisanii deeman…

2. Burqa Milkii Sayyida Dhugaatii Bishaan Zam-zam:

Inni kun seenaa hunda caalu! Obsuma Haajarii fi beelaan hirriba dhabuu Ismaa'iil hordofee, bishaan Zam-zam lafa keessaa madde. Bishaan kun Magaalaan Makkaa akka hundooftuuf sababa guddaa ta'e.
Dura bu’aa Malaa’ikaatu bishaan kana qote.

3. Ijaarsa Ka’abaa:

Nabi Ibraahim fi Ismaa'iil qe'ee qulqulluu kana isaantu ijaare. Ijaarsa sana keessatti: "Yaa Rabbii, qalbii ilmaa itti harkisi" jedhanii kadhatan. Kunis hanga har'aatti namni miliyoonatti lakkaawwamu akka achitti dhangala’uuf sababa ta'e.

✨ Ganda Nabi Muhammad (صلوات الله وسلامه عليه)

Makkaan iddoo itti Xaliilli RABBII Asheetni bara baraan haaraa (Nabi Muhammad) dhalatanii dha.
• Iddoo itti Jibriil (A.S) ergaa jalqabaa "Iqra" (Dubbisi) jedhu itti RAHMAAN irraa fidee dha.
• Iddoo itti Bilal "Ahadun Ahad" jedhee sagalee tokkummaa addunyaatti labsedha.

Makkaan bakka itti kabajni namaa dhalootaa fi sanyiin osoo hin taane, Rabbii ofiitti dhihaachuun itti madaalamudha. Iddoo itti mootiin fi hiyyeessi gateettii wal-tuqanii dhaabatanidha.

Yoo Makka dhufte, akka waan dhaloota kee ganamaatti deebitee haaraa taata, nagaa fi tasgabbii uumama kee keessatti dhabde deebistee argatta! Dhandhama iimaanaatu sitti dhaga'ama.

14/03/2026

Kun siidaa haaraya IMAAM AHMED kan biyyaa S/Land Boorama keessatti ijaaramedha.

Dhugaan eessa jirti?
Namni siidaan isaa mul’atu kun AHMAD IBN IBRAHIM AL-GHAZI yookaan AHMED GRANY, AHMED GUREY, akkasumas IMAAM AHMED jedhamuun saboota adda adda biratti ni waamama. Namoonni gariin inni OROMOO dha jedhu, kaanimmoo HARARI (ADAREE) dha jedhu kan biraa immoo SOMAALEE dha jedhu.
saboonni kun hundi kan ofii godhachuuf akka seenaatti waan barreessan ni qabu.
Laata dhugaan eessa jirti?

Seenaan dabsuu hin taatu waan teheef, dhugaa barbaadun dirqama.

25/02/2026

#39

25/02/2026

Address

Adama
JIRA

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jira hunda bacha posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Jira hunda bacha:

Shortcuts

Share

Category