26/07/2026
Seenaa jaalala dhugaa
Onneen madooftee š
Kitaa 6ffaa
na fuudhee deeme baajajii kontoraata fuudhee gara mana sireetti qajeelle.
[ ] erga Wal Barree Waggaa 5 guuteera. kennaadha jedheellee guyyaa Eebbakootii abaaboo qarshii 50 bitee naaf hin kennine. hiriyyoatakoof jaalallen isaanii guyyaa Eebba keenyaa Kennaa garaagaraa bitanii gaafa kennaniif Nan hawwan ture. waan guddaa mitii kennuma qarshii 10 utuu inni bitee naaf kennee bayyeen gammadan ture. inni garuu hanga Waggaa 5 wajjin turre kanatti qarshii tokkoyyuu natti baaseen hin beeku .baajaajii qabannee gara mana siree inni qabatee ture gaafa deemnu lakki dubartii wajjin mana siree kana seenuun hin danda'amu jedhanii nu didan.
Ammas baajaajii qabannee Mana siree kambiraa deemne,
achi gaafa deemnumoo Mana fincaaniif shaaworii qulqullina qabu hin qabu ture. yeroo kana sammuukoo keessatti waaqayyo waa na barsiisuuf ykn akkan gochaa fokkisaa akkasii gaa'ila dura hin gooneef milikkita waan kana gochuu dhiisee akkan galuuf yeroo lamaaf manni siree akka dhabamu Akka godhe natti beekama ture.
[ ] kessikoos waaqayyo Akka kana gochaa jiru sirriitti natti hima ture, kun milikkita siif ha ta'u kanarraa darbiteennaan garuu miidhama ati keessaa ba'uu hin dandeenyetu fuldurakee Jira jedhee keessikoo natti hima ture. anis utuu keessikoo na sodaatuu,utuu kessiko Naan mormuun keessakootiin mormee yeroo sadaffaaf gara mana siree kambiraa Isa waliin deeme.
[ ] Achii booda utuun isa waliin mana siree jiruu sa'atiin halkan keessaa sa'atii 2 ta'e.
[ ] maatiin bayyee natti bilbilaa waan turaniif hiriyyaankoo mannishee naannoo mana siree nu'i turetti dhi'oo waan ta'eef isuma wajjin deemeen ishee Manaa waamee maatikootti naaf bilbili ana bira turte jedhiin jedheen maatiikootti bilbilchifadhee. anaaf jalqaba waan ta'eef miirri dhukkubbi xiqqo natti dhaga'ama ture garuu of irratti hin barsiisu enyumaanuu. isatti nagaa dhaamee deebi'i jedhee of biraa deebiseen hiriyyaankoo na geggeesitee Mana biraan na geessee deebite.
Borumtaasas ammas jaalalleekoo wajjin Wal arginee hoteela tokko deemnee laaqana nyaannee gaafa jennu, bor Nan deema dafnees Wal hin arginu waan ta'eef harras Mana siree wajjin deemuu qabna male Naan jedhe. sana booda miirri dhukkubbii waan natti dhaga'aamaa jiruuf Kun Maaluma yaade jedheen
Baayyee ofitti gaddee waanuman jedhu narka bade jaalalli wajjin ciisuu qofaadhaa? hin deemun ittiin jedhe. innis na lolee silumaayyuu nama of qusattuuf qabda Naan jedhe achitti na dhiisee deeme.
Bitaa natti gale anootii sababan Isa jaalladhuuf kabaja koo kenneefi kanuma ilaalee xiqqoo maaliif naan yaadun jedhee yaada meeqa keessa gale.
Anis suuta jedheen duubaan Isa bira ga'ee humnumaan hasofsiisuu jalqabe. sana booda xiqqoo tasgabaa'ee Mana suura deemnee suuraa wajjin kaana Garuu suuraa kana fuula social media kam irrattis gadi hin dhiistu nama tokkoofis hin ergitu Naan jedhe.
[ ] anis tole jedheen mana suuraa deemnee wajjin kaane,
[ ] Uffatan ittiin Eebbifame guyyaan itti galchu waan ga'eef hiriyyaakootiin fidi kottu jedhee isheenis jaalalleshee wajjin na fiddee dhufte gara rift valley university deemne.
[ ] hamman uffaticha mallatteessee galchee deebi'utti inni gibbuma keessa taa'ee na eegaa ture .
[ ] Akka tasaa mucaan dhiiraa kan Wal beeknu, obbolummaa kan walitti dhi'aannu tokko gibbi rifty valley keessatti natti dhufee Wal dubbisnee nagaa Wal gaafannee xiqqoma dhaabbadhee wajjin hasofnaan ,hiriyyaakootii fi jaalalleesheetin dhiira biraa anarratti jaallattii ilaalaa jedhee isaanitti himee achitti na gatee deeme.
[ ] sana booda silkiisaa mucaan dhaabadhee dubbise kanaaf kenneen waan akkasiitti nu shakkee na dhiise deemee jaalalleekoodhaa bilbilii hubachiisi jedheen biraa deeme.
[ ] innis yeroma sana bilbileefii waan biraan Akka nu gidduu hin jirre itti himee.
[ ] sana booda dhaabatee na Eege baqqaa bor nan deema harra nawajjin bultu male jedhe, tasuma hin bulu jedheen dide. natti aare nagaa natti dhaamee nabiraa deeme halkan sana naaf bilbilee ati silumaayyuu Nan jaallattu dhufuun balleesse jedhee boo'e bilbila narratti cufatee,
[ ] deebisee bilbileefi jennaan narraa hin kaasu deddeebisee bilbile deddeebisee barresseefiin dadhabe borumtaasaa hiriyyaakoodhaan natti Aaree deeme dhiifama naaf gafadhu bilbiliifii jedheen.
[ ] isheenis bilbiltee dhiifama godhiif jette waan meeqa jette kadhattee amansiistee. Sana booda tole jedhe dhifama Naaf godhee natti hasa'uu Eegale utuuma araramne hasa'a jirru finfinne ga'ee guyyaa lama booda fb irraan block na godhe..
Itti fufa.....