18/07/2026
Hojii Idilee Isaanii Osoo Hojjachaa Jiranii Yokiin Sababa Hojiin Wal Qabatuun Miidhaa Irra Gahu Fi Beenyaa Kafalamuun Wal Qabatee Seerri Maal Jedha?
Hojjataan Mootummaa tokko hojii isaa osoo hojjatuu yokiin sababa hojii isaatiin miidhaan kan irra dhaqqabu yoo ta'e akkaataan beenyaan itti kafalamuu fi miidhaan sababa hojii dhaqqabu miidhaa akkamii akka tahe labsii hojjatoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa labsii 215/2011 keewwata 52-62 jalatti haala armaan gadii kanaan tumamee jira.
fi Fayyummaa Naannoo Hojii
52. Kaayyoo fi Raawwatiinsa
1. Kaayyoo Nageenyaa fi Fayyummaa Naannoo Hojii:
(a) Nageenyaa fi fayyummaa hojjetaa mootummaa eeguun gahumsa hojii isaanii guddisuu;
Labsii Lak. 215/2011 Fuula 33*
(b) Iddoo hojii haala nageenyaa fi fayyummaa hojjetaa mootummaatiif mijaatu qopheessuu, fooyyeessuu fi eeguu; fi
(c) Manni hojii mootummaa jireenyaa hawaasummaa gaarii irratti hundaa'ee bu'aa hojii olaanaa akka galmeessisuu gahoomsuu ta'a.
2. Tumaaleen kutaa kanaa hojjetaa yerootiifis raawwataiinsa ni qabaatu.
53. Miidhaa Hojiirratti Dhaqqabu
1) "Miidhaa hojiirratti dhaqqabu" jechuun balaa hojii irratti dhaqqabu yookiin dhukkuba sababa hojiitiin dhufuudha.
2) "Balaa hojii irratti dhaqqabu" jechuun hojjetaan mootummaa hojii idilee isaa raawwachaa osoo jiruu yookiin sababa hojii isaa waliin walqabateen qaama isaa irratti yookiin hojii uumama qaama isaa irratti miidhaa tasa gahu yoo ta'u, kanneen armaan gadii ni dabalata:
(a) Hojjetaan mootummaa hojii idilee isaa irraa, iddoo hojii isaa yookiin sa'aatiitii hojii idileetiin alatti nama aangoon isaa hayyamuun ajaja kenname raawwachaa osoo jiruu miidhaa dhaqqabe;
(b) Ajajni nama aangoon isaa hayyamuun kenname jiraachuu baatus, hojjetaan mootummaa balaa tasaa mana hojii isaa keessatti dhaqqabe yeroo hojii yookiin sa'aatiitii hojii idileetiin ala badii ittisuuf sababa hojii raawwateen miidhaa dhaqqabe;
(c) Hojjetaan mootummaa gara iddoo hojii isaatti yookiin iddoo hojii isaatti tajaajila geejjibaa mootummaan hojjetaaf ramadeen osoo deemaa jiruu yookiin tajaajila geejjibaa manni hojii isaa kireeffatee ifaan ramadeen deemaa osoo jiruu miidhaa dhaqqabe;
(d) Hojjetaan mootummaa miidhaa sababa raawwii hojii isaatiin walqabateen yeroo hojii dura yookiin booda yookiin hojiin isaa yeroof addaan citee iddoo hojii isaatti yookiin mooraa mana hojiitti argamee miidhaa irra gahe kamiyyuu;
(e) Hojjetaan mootummaa hojii isaa raawwachaa yeroo jiru miidhaa sababa gocha mana hojii isaatiin yookiin qaama sadaffaatiin irra gaheef.
3) "Dhukkuba Sababa Hojiitiin Dhufu" jechuun hojjetaan mootummaa gosa hojii raawwatuun yookiin naannoo hojii isaatiin kan ka'e haalota dhibee dhaqqabsiisaniif saaxilamee turuu isaatiin rakkoo fayyaa irra gahe yoo ta'u, dhukkuboota duraan turan yookiin daddarboo idilee iddoo hojiitti dhaqabuu danda'an hin dabalatu.
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan tumame jiraatus, sababa hojii idileetiin dhukkuba daddarbaa yookiin duraan turan balleessuu irratti hojjetaan mootummaa bobba'e dhukkuba kanaan qabame sababa hojiitiin akka qabameetti ni fudhatama.
5) Sababa miidhaa hojii irratti dhaqqabuun hanga miidhaa qaamaa ga'u bu'uura tumaalee seera soorama hojjeytoota mootummaa seera qabeessa ta'een ni murtaa'a.
6) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame jiraatus, hojjetaan ta'e jedhee keessattuu manni hojii dursee qajeelfamoota eegumsa nageenyaa fi fayyummaa ifaan kennameef darbuun yookiin cabsuun qaama yookiin sammuu isaa haala to'achuu hin dandeenyeen dhugaatiin yookiin baala sammuu adoochuun machaa'ee hojii irratti argamuun miidhaa irra gaheef akka miidhaa sababa hojiitiin dhaqqabeetti hin lakkaa'amu.
54. Tarkaanfiilee Ittisa Balaa
1) Manni hojii mootummaa kamiyyuu:
(a) Iddoon hojii isaa nageenyaa fi fayyummaa hojjetaa irratti balaa kan hin geesisne ta'uu isaa mirkaneessuu fi
(b) Meeshaalee ittisa balaa hojjettoota isaaniif dhiyeessuu fi akkaataa itti fayyadama isaa qajeelfama kennuu itti gaafatamummaa qaba.
2) Hojjetaan mootummaa kamiyyuu:
(a) Qajeelfamoota nageenyaa fi fayyummaa eeguuf bahan kabajuu;
(b) Meeshaalee hojii ittisa balaa isaaf kennaman sirnaan fayyadamuu fi
(c) Haalawwan balaa geesisuu danda'an jiraachuu isaanii yoo tilmaamu ittigaafatamaa mana hojii illaallaatuuf battalummathi beeksiisuuf dirqama qaba.
3) Biirichi:
(a) Maloota nageenyaa fi fayyummaa naannoo hojii eeguu fi ittisu ni qorata;
(b) Manneen hojii mootummaa akka hojiirra oolchan haala leenjiin itti kennamu ni mijeessa.
(c) Manneen hojii mootummaa keessatti nageenyaa fi fayyummaa naannoo hojiirra oolmaa isaa ni to'ata; tarkaanfiilee ittisa balaa ilaalchiisee qajeelfamaan ni murteessa.
55. Miidhaa Qaamaa
1) " jechuun miidhaa hojii irratti dhaqqabu ta'ee, miidhaa haala dandeettii hojjachuu hir'isuu yookiin dhabsiisuu hordofsiisuu dha.
2) Miidhaan qaamaa hojii irratti dhaqqabu bu'aa miidhaa qaamaa yeroo, miidhaa qaamaa gar-tokkee dhaabbataa, miidhaa qaamaa guutuu dhaabbataa yookiin du'a geessisuu yookiin dhaqqabsiisuu ni qabaata.
56. Miidhaa Qaamaa Yeroo
" jechuun miidhaa qaamaa yeroo murtaa'eef hojii isaa guutummaan yookiin gar-tokkoon dandeettii hojjachuu dhabuu dha.
57. Miidhaa Qaamaa Gar-tokkee Dhaabbataa
"Miidhaa qaamaa gar-tokkee dhaabbataa" jechuun miidhaa dandeettii hojjachuu hir'isuu fi hin fayyine hojii irratti gahu dha.
58. Miidhaa Qaamaa Guutuu Dhaabbataa
"Miidhaa qaamaa guutuu dhaabbataa" jechuun hojjetaa mootummaa miidhaan qaamaa hojii irratti dhaqqabe hojii mindaa argamsiisu kamiyyuu hojjachuuf kan dhorku miidhaa hin fayyine dha.
59. Yaalaa fi Hayyama Miidhaa Sababa Hojiitiin Dhufuuf Kennamu
1) Hojjetaa mootummaa sababa hojiitiin miidhaan irra gaheef baasii tajaajiloota yaalaaf barbaachisan kan armaan gadii biyya keessatti kennaman mana hojii isaatiin ni uwwifama.
(a) Baasiiwwan yaalaa waliigalaa fi addaa akkasumas yaala baqaqsanii hodhuu;
(b) Baasiiwwan hospitaalaa fi qorichaa;
(c) Baasiiwwan geejjibaa;
(d) Baasiiwwan nam-tolchee qaama namaa bakka bu'uu danda'an yookiin qaamota dabalataa kamiyyuu fi wa'aansa lafee.
2) Hojjetaa mootummaa miidhaan qaamaa irra gahe bu'uura keewwata kanaa keewwata xiqqaa 1tiin tajaajilli yaalaa dhaabbata dhuunfaatti akka kennamu kan taasifamu tajaajilli dhaabbata fayyaa mootummaatti kennamuu kan hin danda'amne yoo ta'e qofa dha.
3) Hojjetaan mootummaa kamiyyuu sababa hojiitiin miidhaan irra gahe hangi miidhaa isaa ilaalamee bu'uura ragaan yaalaa ibsuun fayyee hanga gara hojiitti deebi'uutti yookiin sababa miidhaatiin dhaabbataan hojjachuu kan hin dandeenye ta'uu isaa ragaa yaalaatiin hanga mirkanaa'uutti hayyamni dhukkubaa mindaa guutuu waliin ni kennamaaf.
4) Hojjetaan mootummaa dhaabbataan hojjachuu kan hin dandeenye ta'uu isaa ragaa yaalaatiin yoo mirkanaa'e, akkaataa Labsii kana keewwata 60'tiin faayidaaleen tumaman ni eegamuuf.
5) Hojjatichi yaala isaa sirnaan yoo hordofuu baate yookiin ajaja ogeessa fayyaatiin kennameef hordoofuu dhabuu isaatiin yaalii isaa kan harkise yoo ta'e, bu'uura keewwata kana keewwata xiqqaa (1) fi (2)tiin yaalii fi hayyamni kennamuuf irraa dhaabbata.
6) Biirichi baasiiwwan yaalaa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 tiin ibsaman ilaalchisee qajeelfama raawwii kanfaltii ni baasa.
60. Durgoo Miidhaa Sooramaa fi Beenyaa Miidhaa
1) Hojjetaan mootummaa kamiyyuu sababa hojiitiin miidhaan qaama guutuu dhaabbataa yookiin qaamaa gar-tokkee irra gaheen dandeettii hojjachuu dhabe mirgoonni fi faayidaaleen seera sooramaa hojjettoota mootummaa irratti kennaman ni eegamaaf.
2) Miidhaan qaamaa cimaa yookiin miidhaan cimaa bifa balleessuu hordofsise dandeettii hojjachuu dhaqqabsiisuu baatus, kanfaltii beenyaa miidhaa fi kenniinsa faayidaalee biroof jecha akka miidhaa qaamaa gar-tokkee dhaabbataatti lakkaa'ama.
3) Hamma miidhaa qaamaa murteessuuf Seera sooramaa hojjettoota mootummaatiin kan tumame raawwii keewwata kana keewwata xiqqaa 2 tiif hojiirra kan oolu ta'a.
4) Sababa miidhaa irra gaheen hojjetaan mootummaa kan du'e yoo ta'e, bu'uura seeraa sooramaa hojjettoota mootummaatiin durgoon sooramaa bakka bu'oota isaatiif ni kanfalama.
61. Gibira irraa Bilisa Ta'uu
Bu'uura Labsii kana keewwata 60'tiin kanfaltiian raawwatamu gibira irraa bilisa ta'a; akkasumas sababa idaatiin qabamuu yookiin waldandeessisuu taasifamu yookiin abbaan mirgaa dabarsuu hin danda'u.
62. Kanfaltii Beenyaa Qaama Sadaffaarraa Gaafatamu
1) Miidhaan hojjaticha irra gahe sababa balleessaa qaama sadaffaatiin yoo ta'e, manni hojii mootummaa sababa miidhaatiin hanga baasii hojjatichaaf baase qaama miidhaa gessiseerraa beenyaa gafachuuf mirga ni qabaata.
2) Hojjatichi qaama miidhaa isarra geessise irraa beenyaa kan fudhate yoo ta'e, manni hojiichaa bu'uura Labsii kana keewwata 59 (1) fi (3)tiin baasii baase mindaa hojjatichaa irraa ni hir'isa. Hangi beenyaan hojjatichi fudhate baasii manni hojichaa baase gadi yoo ta'e, garaagarummaa isaa manni hojiichaa qaama sadaffaarraa gafachuu ni danda'a.