Dheebuu Harmee page

Directions Contact the business

Dheebuu Harmee page Garbummaarra duuti Bilisummaadha

Koloneel Tinsaa'ee Birhaanee Ajjeefamuu 'Sudan Times' GabaaseNaannoo Tigraay keessatti mootummaa federaalaa fi humnoota ...
02/10/2026

Koloneel Tinsaa'ee Birhaanee Ajjeefamuu 'Sudan Times' Gabaase

Naannoo Tigraay keessatti mootummaa federaalaa fi humnoota TPLF gidduutti waraanni haaraan deebi'ee eegaluu isaa hordofuun, ajajaan TPLF Koloneel Tinsaa'ee Birhaanee tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa fudhateen ajjeefamuu isaa gabaasni oduu 'Sudan Times' ifoomseera.

Odeeffannoo hatattamaaf
Dheebuu Harmee page
Hordofaa

Oduu Ammee!= = = =Mootummaan Itoophiyaa Eertiraan hatattamaan Imbaasii ishee Finfinnee jiru cuftee sa'aatii 48 keessatti...
01/10/2026

Oduu Ammee!
= = = =
Mootummaan Itoophiyaa Eertiraan hatattamaan Imbaasii ishee Finfinnee jiru cuftee sa'aatii 48 keessatti akka baatu ajaja dabarse!

Kun murtoo jajjabeeffamuuu qabudha!👏

Humni 'TPF' Maqalee Irraa Kiiloo Meetira 43 Fagaachuu Inse; Naannoon Abalaa To'atameHumni Nageenyaa Tigraay (TPF) kan ye...
01/10/2026

Humni 'TPF' Maqalee Irraa Kiiloo Meetira 43 Fagaachuu Inse; Naannoon Abalaa To'atame

Humni Nageenyaa Tigraay (TPF) kan yeroo ammaa iddoo 'Haraa Mareet' jedhamutti argamu, magaalaa guddoo naannichaa Maqalee irraa fageenya kiiloo meetira 43 dhihaachuu isaa beeksiseera. Gama biraatiin, naannoon Abalaa fi naannawwa ishee guutummaatti to'annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humnoota TPF jala galuu isaa ragaaleen dabalataa ni addeessu.

Gareen hidhattootaa naannoo Tigraay keessatti dhiheenya kana hundaa'e fi Humna Nageenyaa Tigraay (TPF) jedhamu kun, waraana yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru irratti Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa hiriiruun garee TPLF (Wayyaanee) irratti haleellaa raawwachaa jira. Humni haaraan kun sirna Wayyaanee guutummaatti kan

TPLF’ Waraana guyyaa sagal lakkoofsiseen booda mootummaa federaalaa waliin marii gaggeessuuf fedhii agarsiisaa jira jedh...
01/10/2026

TPLF’ Waraana guyyaa sagal lakkoofsiseen booda mootummaa federaalaa waliin marii gaggeessuuf fedhii agarsiisaa jira jedhame

Dhugaa Media Finfinnee, Onkololeessa 01, 2026:

Wal-dhibdeen TPLF fi mootummaa federaalaa Itoophiyaa waliin ture gara waraanaatti erga cehee torban tokkorra darbeera, gabaasaaleen garaa garaa akka mul’isanitti ammoo waraana guyyoota muraasaf gaggeeffame gidduutti hidhattoota ABUT irra gaaga'amni cimaan qaqqabeera.

kanaanis qondaalonni ol'aanoon TPLF' haal-duree tokko malee mootummaa Federaalaa Itoophiyaa waliin mari’achuuf fedhii agarsiiisaa jiraachuu Rooyitersi qondaalota TPLF' muraasa wabeeffachuun gabaaseera.

Akkasumas, hooggantoonni TPLF kun yeroo ammaa Magaalaa Maqalee keessaa bahuun gara daangaa Eertiraatti cehanii jirus jedhame.

Gama biraatiin, Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Ambaasaaddar Suleemaan Daddafoos ergaa toora tiwitara (X) isaanirratti maxxansaniin, "TPLF' hawaasni idil-addunyaa dhimmicha gidduu akka seenuuf waamicha dhiyessaa jira, ta'us yeroo mariif ulaan bal'aa turetti eeyyamamaa hin turre osoo waraanaatti hin seenin dura waamicha araaraa dhiyeessu qaba ture" jechuun qeeqaniiru.

Gama biraatiin, qondaalonni waraanaa warana biyyattii keessatti muuxannoo ol'aanaa qaban TPLF' ammas tooftaa waraanaaf yaada marii dhiyeessaa jiraachu fi duubatti deebi'uun isaallee tooftaa qophii waraanaa ta'uu eeru.

Waraana Itoophiyaa keessatti muuxannoo ganna dheeraa kan qaban Birgaader Janaraal Kamaal Galchuu yaada TPLF' ergaa toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin maxxansaniin, TPLF' waraana ofiif jalqabe dheessee duubatti baqachuun toofta waraanaati jedhan.

Kanaafis Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa of-eeggannoo barbaachisaa gochuu qaba jechuun kan dhaaman Birgaader Janaraal Kamaal

Ijoollee Keenya Ganda Wayyaanee Maaltu Geesse? Haala har’aa kana keessatti, warri Woyyaanee waliin lola irratti ajjeefam...
29/09/2026

Ijoollee Keenya Ganda Wayyaanee Maaltu Geesse?

Haala har’aa kana keessatti, warri Woyyaanee waliin lola irratti ajjeefamanii fi warri du’a irraa hafan bifa kanaan booji’amanii argamuun isaanii maal nu barsiisa?

Dhuguma, haalli kun waan dhala Oromoo hunda qaanessuu fi akka sabaatti nu yaaddessuu qabu mitiiree, yaa jara keenya?

Qabsoo siyaasaa jechuun bosona keessatti seera-dhabummaa facaasuu, lubbuu namaa balleessuu, uummata sodaachisuu ykn dhaloota keenya gara walitti bu’iinsa hamaa keessa galchuu jechuu miti. Qabsoon siyaasaa yoo seeraa fi safuu irraa baate, kaayyoo isaatiifuu diina ta’a.

Ijoolleen “keenya” bosona keessatti gocha seera-dhabummaa raawwachuun isaanii waan ittiin boonnu miti. Qabsoo Oromoo kan dhaloota hedduun itti wareegame maqaa gocha akkanaa tiin xureessuun, wareegama namoota keenya durii fi abdii dhaloota dhufuuf qabnu irratti gaafatamummaa dhabuu dha.

Jara keenya, waan isin keessa jirtan hedduu beekna. Garuu waan beeknu hunda tarreessinee isin saaxiluu ykn maqaa namaa balleessuu hin barbaannu. Safuun Oromoo nama kufe irratti dhagaa darbachuu osoo hin taane, karaa sirrii itti agarsiisuu dha.

Kanaaf, warri du’a irraa hafatan, maaloo gorsa kana akka qeeqa qofaatti osoo hin taane, akka waamicha gara jireenyaatti fi gara egeree Oromootti taasifametti fudhadhaa. Karaa nagaa deebii; uummata keessanitti deebi’aa; seeraaf, safuuf, lubbuu namaatiif kabaja qabaadhaa.

Oromoon har’a waan inni barbaadu lola dhuma hin qabne miti; nagaa, haqaa, bilisummaa, dimokraasii fi mootummaa seera irratti hundaa’e dha.

Qabsoon Oromoo yoo uummataaf ta’e, uummata hin sodaachisu. Yoo haqaf ta’e, seera hin tuffatu.
Yoo bilisummaaaf ta’e, lubbuu namaa hin salphisu.

Kanaaf, jara keenya, yeroo ammaa kana filannoon isin dura jiru ifa dha: karaa lolaatiin badee hafuu moo karaa nagaa fi siyaasaa gara uummata keessaniitti deebi’uun egeree keessan ijaaruu?

Ani isin waama: karaa nagaa filadhaa. Oromoo fi dhaloota dhufuuf waan sirrii ta’e hojjedhaa.

Loltuu ABO ta'ee, Baambasii fi Asoosaa gidduu, bakka Anbassaa Caakkaa jedhamu Dahannoo qabatee utuu jiruu, ijoolleen isa...
28/09/2026

Loltuu ABO ta'ee, Baambasii fi Asoosaa gidduu, bakka Anbassaa Caakkaa jedhamu Dahannoo qabatee utuu jiruu, ijoolleen isa beekan Mandiirraa isa bira dhufan. Dhufuu qofa miti. Mardoo tokko fidaniif.
"Soolaneenkee hin heerumte" jedhanii dugda isa kutan. Mogoleen isa bu'ee, laamsha'ee, ofirra gad taa'ee, Hirsaasiisaa fudhatee, waraqaa daalachooftuurratti imimmaan cobsaa, jechootas coccobse.

'Soolanee Soolanee
Gaafa Cidhakee mana hin turre
Dahannoo keessan ture
Waamichakee ooluuf na komattaaree?'

Jedhee walaloo toora galche.

Tulluu Walaloo Kiiloleewwan danuu duubaan mul'atu sana. Gammachuu Birrii.

Namni kun Bara Dargii ABO tti makamee, Damaazenii dirree lolaa ABO n Dargii waliin wal morke danuurratti hirmaatee, rasaasaan bakka lama rukutamee ture.

Sirba danuun keenya yaadannoo ijoollummaafi dardarummaa irraa qabnu kan Dawit Mekonen sirbe Soolanee isatu mudannoosaa dhugaa walalootti jijjiiree Daawwiteedhaaf laannaan, Daawwiteen ammoo Kiiloleesaatiin nu dhamdhamsiise.


Hirphaa Gaanfuree dabalatee humna jechootasaatu kiiloleesaaniitiin faayamee, gurra keenyarraa qillise.

Eebbisaa Addunyaa, Jireenyaa Ayyaanaa, Yooseef Gammachuu, Ilfinash Qannoo, Usmaayyoo Muusaa, Abdii Qophee, Biqilaa Guyyootaa, Adam Haaruun, Raayyaa Abbaa Maccaa, Muktaar Usmaaniifi Haayiluu Kitaabaafaan hiriyootasaa warranni waliin hojjetaa turedha.

Namni kun yeroo ammaa dagatamee, dhibeen irratti wal furee, waan nyaatullee dhabee mankaraaraa jira. Dhiyoo kana Makkoo Bilii Show irratti Tamirat Adamu Emana dhiyeessee ture . Haala ulfaataa keessa jiraachuusaa dubbate.

Nama kana gargaarree utuu furree, bor quba hin nyaannu! Itti haa yaannu!

Gemechu Bari CBE
1000414453493

+251921458072 kanarratti bilbiltanii argachuu

Ammatti Nuti Lola hin Eegalle! Yoo EegalleeHanga   Diimaatti # hin dhaabbanu!General Abebaw Tadese 💪
27/09/2026

Ammatti Nuti Lola hin Eegalle! Yoo Eegallee
Hanga Diimaatti # hin dhaabbanu!
General Abebaw Tadese 💪

 ‼️Hima didun du'a hin diduAdda Waraana Walloo!,Gareen TPLF inni waraana dheebote saamtota gurmeessee nurratti duule har...
26/09/2026

‼️
Hima didun du'a hin didu
Adda Waraana Walloo!,Gareen TPLF inni waraana dheebote saamtota gurmeessee nurratti duule hardhas naannawa Takulesh, Dildiy, Qayyi Afarii fi naannawa isaatti gooticha raayyaa ittisa biyyaatiin gatii isaaf malu argateera.

Humni badii Tsimdoo jechuun of moggaase kun badiin inni yaadee fi dhugaan lafa irratti isa mudate baay'ee wal adda yoo ta'u, dhugaa lafa irra jiru jijjiiruuf tattaaffiin inni taasise hundi waan gatii dhabeef, hidhattoonni humna badii kun abdii kutachuun baay'inaan harka kennachaa jiru.

Hidhattoonni humna badii kanaa waraanuu caalaa carraa argatan hundatti fayyadamanii lubbuu isaanii oolchuuf waraana keenyaaf harka kennaa akka jiran eerameera.

Oromoon nama lubbuun jiru caalaa nama lubbuun hin jirre jaalata. Kun immoo agarsiistota ibsan hedduudha 😌Warra Habashaa ...
26/09/2026

Oromoon nama lubbuun jiru caalaa nama lubbuun hin jirre jaalata. Kun immoo agarsiistota ibsan hedduudha 😌

Warra Habashaa ajandaa siyaasaa barbaacha Andualem Baala Gizeedha. Seerri isa gaafatu hin jiru jedhee, siyaasa fi jibba artist Oromoo keessa bahatu waliin, Oromoon fayyaaleessi yoo Andualem fannifamu malee, haqni Qananii bahuu hin danda’u. Oromoon jedhan fedhima isaanitu namaaf hin galu 🤔

Manni murtii bilisa baase. Jaarsi biyyaa araarsuuf yeroo hedduu yaale. Abbootiin Gadaa yeroo hedduu mana warra Qananii tti deddeebi’aniiru. Erga seeraan aadanii “bilisa” jedhanii, waan addaa namni ittiin qixaatamu kan amma ofii uumtan nuuf himaa kaa?! 😌

Akkuma Qananiin haqaa qabdu, Andualemis akka haqaa qabu; ykn akkuma Qananiin haqaa barbaaddu, Andualemis haqaa barbaada. Kanaafuu, warri Andualemitti yakka murtan, ulaagaa kamiini? 🙄

Raayyaan ittisa biyyaa gara kaabaa Itoophiyaatti deemaa jira Akka duri hin se'in hundeen raayyaa ittisa biyyaa jabaatadh...
25/09/2026

Raayyaan ittisa biyyaa gara kaabaa Itoophiyaatti deemaa jira
Akka duri hin se'in hundeen raayyaa ittisa biyyaa jabaatadha

Address

Oromia
Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dheebuu Harmee page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dheebuu Harmee page:

Shortcuts

Share

Category