11/02/2025
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Gudayyaa Biilaatti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 26 darbe
Kallacha Oromiyaa: Guraandhala 04, 2017- Godina Wallagga Bahaa Aanaa Gudayyaa Biilaa Ganda Ifaa Biyyaatti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 26 darbuu ibsameera.
Namoota 42 irra miidhaan qaamaa cimaa qaqqabuun yaalamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Nageenya Tiraafikaa Godina Wallagga Bahaa Inispeektar Asnaqee Masfin Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniitti himaniiru.
Konkolaataan deddeebisa uummataa Taataa jedhamu Magaalaa Shaambuu irraa gara Magaalaa Finfinnee imalaa ture kufee galagaluun miidhaa kana qaqqabsiisuu dubbataniiru.
Lubbuun namoota 26 battalumatti yoo darbu, lakkoofsi namoota lubbuun darbanii dabaluu akka danda’u eeraniiru.
Ka’uumsi balichaa qoratamaa jiraachuus ibsaniiru. Maddi: FMC