09/03/2026
Caasaa Nageenyaa Cimaa: Nageenya Waaraaf!
Nageenyi waaraa akka jiraatuuf gaheen caasaalee nageenyaa fi hirmaannaa hawaasaa olaanaadha. Haaluma kanaan caasaalee nageenyaa hawaasa bu'uureffataniif miira tajaajiltummaa qaban horachuun hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan Godina Buunnoo Beddelleetti milishoota aanaalee godinichaa hojii mirkaneessa nageenyaaf kabachiisa olaantummaa seeraaf hojjetan leenjiif hidhannoon gahoomsuun ittifufiinsaan hojjetamaa jira.
Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee Obbo Amaan Danuu godina misoomaaf nageenyaan fakkeenyummaa gaarii qabu caalmaatti jabeessuuf hojiin nageenya waaraa ittifufsiisuu hojjetamaa jiraachuu dubbatan. Kanaafis hawaasichi caasaa nageenyaa keessatti gaachana sirnaaf milishaan gurmaa'ee naannoof biyyasaa akka tiksuu taasisuuf leenjii tooftaa loltummaaf saayinsii waraanaa kennuuf hidhachiisuu hojjetamaa jiras jedhan. Milishaan gaachana uummata keenyaatii kan jedhan Obbo Amaan ; milishaan gahoomeef qopha'aa ta'ee dagannaa malee wardiyyaa nagaa ta'ee dhaabbachuu qabas jedhan.
Komishinarri Ittaanaa Komishinii Naamusaaf Farra Malaanmaltummaa Oromiyaa Solomoon Abbebee milishootni leenjii gahoominaa fudhataniin cinatti fakkeenyummaa gaarii qabaachuin nageenyaaf olaantummaa seeraa kabachiisuu akka qaban dhaaman.