17/01/2025
👈
"Ati hin dandeessu! Waan kanaaf ati gahaa miti, si mitiitii abaluun iyyuu ni dadhabe! Qarshii hin qabdu akkamiin kana goota! Fira hin qabdu haala kamiin sadarkaa kanarra geessa!............."jedhanii harka marannee dhugumattuu ani hin danda'u jennee akka teenyu barbaadu.
Namni mul'ata qabu garuu, waan haallii fi namni isaan jedhu otuu hin taane mul'ataa isa boorii bira gahuuf otuu arguu akka hin arginee, otuu dhagahuu akka nama hin dhageenyee ta'ee mul'ata isaa irratti xiyyeeffachuun galma yaade sana ni gaha. Gaafas inni "Ati hin dandeessu!" Jechaa ture, milkaa'inakee hojiin gaafa argisiistu deebi'ee harka siif rukuta.
Siin mitiitii Yesuus Kiristoosiin iyyuu "maal kun mucaa Yooseef isa muka soofaa ture mitii..." jechuun salphisuu yaalanii turani. Booda garuu gooftummaa isaaf jilbeenfataniiru. Walumaa galatti nama si tuffatutti "Ani akkasi..." jettee faana hin haasa'iin. Hojii kee ilaalee inniyyuu eenyu akka taate si hubataatii! Oduu namaa dhiisii galma yaadde irratti xiiyyaffadhuun dhaamsa koo xumuraati.
Galatoomaa namoonni dubbistan🥰
Positive mind find opportunity in everything. While negative mind find fault in everything