kalid Esa

kalid Esa mohamadu rasuulu allah

Yeroo Namnii Hundi rafu  kophaa kee halkan kaate salaattaa? sujuuda goota taanaan nayaadadhu du'a'ii kee kessatti falige...
13/04/2026

Yeroo Namnii Hundi rafu kophaa kee halkan kaate salaattaa? sujuuda goota taanaan nayaadadhu du'a'ii kee kessatti faligew nw

Rahma lubbuu
13/04/2026

Rahma lubbuu

31/03/2026

Asselamu alykum werahmetullahi webarakatuhu

Maashaa allaah jedhaame
24/03/2026

Maashaa allaah jedhaame

❤Abbaa koo❤Gateettiin kee isa baatee rakkinaa baraaBareechitee naa dhaabufmeeqa baatteem gidiraaTabba jireenyaa dhiibdee...
23/03/2026

❤Abbaa koo❤
Gateettiin kee isa baatee
rakkinaa baraa
Bareechitee naa dhaabuf
meeqa baatteem gidiraa

Tabba jireenyaa dhiibdee
Dirree naa goochuf yaalta
jecha maalin si ibsu
Atoo kamiiyyuu caalta

miixattee da'uu baattuus
Yoonan baanne garaatti
Ergan dacheerra dhufee
Yoom na dhiiftee karaatti ?

Bifa hin geedaratu
Hin jijjiramu bakkaa
jaalallii kee qulquulluun
Natti hin hanqanne takkaa

Qananiistee guddiftee
Naa quubsite beel'aa
simboo natti dabaluuf
Ofif cadbee beel'aa

karaa natti agarsiiftee
Qajeelchitee dabaa koo
Yoomuu na cina ijaajji
Na bareechi abbaa koo😍
😍Abbaa keessan isiiniifha jiraatu❤

Ramadan mubarak
25/02/2026

Ramadan mubarak

WAA'EE QORICHA PREDNISOLONE 5 mg ^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^1️⃣.Qorichi prednisolone maali?✍Prednisolone~je...
28/12/2025

WAA'EE QORICHA PREDNISOLONE 5 mg
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
1️⃣.Qorichi prednisolone maali?
✍Prednisolone~jechuun qoricha gosa garee (corticosteroids) ta'ee kulkula(inifilaameeshinii) qaama keessaa hir'isuu fi sirna dandeettii ittisa qaamaa si'aawaa baay'ee dabalee jiru tasgabbeessuuf kan gargaaruudha.

2️⃣. Qoricha prednisolone maalif fayyadamna?
✍Qoricha prednisolone kophaa isaa ykn qorichoota biroo waliin .......
👉 Mallattoo hanqina corticosteroid qaama keessaa.
👉 Inifilaameeshinii dhibee arthritis.
👉 Inifilaameeshinii dhibee sirna narvii,cabsannaalee qaamaa fi gogaa miidhuu(lupus).
👉 Inifilaameeshiinii dhibee gogaa(psoriasis ).
👉 Inifilaameeshiinii dhibee kolonii( ulcerative colitis).
👉 Inifilaameeshiinii alarjii.
👉 Mallattoo dhibee kaansarii muraasa.
👉 Inifilaameeshiinii rakkoo xayyacha sirnan hin hoojjannee.
👉 Haalota muraasa gogaa,Ija,somba,kalee,garaacha,Sirna narviilee, mar'iimaanii fi seelii dhiigaa miidhuu malan fi kkf yaaluuf gargaara.

3️⃣.Qoricha prednisolone fudhachuun durati maali godhuu qabna?
✍ Namoonni alarjii qoricha prednisolone ykn inifeekshinii fungasii qaamarraa qabu qoricha kana fayyadamuu hin llqabuu.
✍ Qorichi prednisolone dandeettii dhibee ofirra ittisuu qaamaa wan hir'isuu maluuf namoonni Infeekshinii dhibee kamuu qabu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana fayyadamuu hin qabu.
✍ Namoonni inifeekshinii sombaa si'aawaa qabu,rakkoo taayifooyidii,inifeekshinii ijaa(herpes eye infections),madaa garaachaa,dhiphina sammuu,dhibee sammuu,dhibee tiruu,dhiibbaa dhiigaa,rakkoo maashaalee fi kkf qabu ogeessa fayyaa gaafatu malee qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
✍ Qorichi prednisolone gulukoosii dhiiga ykn fincaanii keessaa dabaluu wan maluuf namoonni dhibee sukkaaraa qaban ogeessa fayyaatiif himuun doosii qoricha sukkaaraa sirreeysuun fayyadamuu qabna.
✍ Yeroo qoricha prednisolone fayyadamaa jiru qorichoota talaallii(vaccine) fayyadamuu hin qabnu.

Address

Agaro
Jimma
METU

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00

Telephone

+251912683942

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when kalid Esa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to kalid Esa:

Shortcuts

Share

Category