Walif wali

Walif wali Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Walif wali, Grocers, Ethiopia, Mettu.

02/01/2026

Dooktar Abiy Pireezidaanti Imaanu’eel Maakroon waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad fuula Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin, ergaa dabarsaniin, hiriyyaa kiyya Pireezidaanti Imaanu’eel Maakroon wajjin hawwiii gaarii bara haaraa faranjootaa 2026 bilbilaan waliif ibsineerraa jedhan.

Marii isaaniin Itiyoophiyaa fi Faransaay hariiroo gamlamee qaban caalmaatti cimsuuf haalota dandeessisanirratti mari’achuu dubbataniiru.

Akkasumas dhimmoota naannawaa fi idil addunyaa faayidaa waloo keenyaa ta’anirratti tumsaan hojjechuu itti fufuuf waliigalleerra jedhan.



Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Facaasaa Misooma Qamadii Jallisii Bonaa Aanaa Bachootti *** Sadaasa 11/2018Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Bachootti guyyaa...
20/11/2025

Facaasaa Misooma Qamadii Jallisii Bonaa Aanaa Bachootti
*** Sadaasa 11/2018
Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Bachootti guyyaa har'aa facaasaan qamadii Bonaa bakka hoggantoonni Godinaa fi Aanichaa argamanitti Ganda Guddinaa sooritti gaggeeffameera.

Aanichatti bara kana carraawwan bishaanii jiranitti gargaaramuun lafa hektaara kuma 9657 irratti qamadii jallisii bonaatiin misoomsuuf karoorfamee facaasaan gaggeeffamaa akka jiru Bakka Bu'aan Bulchaa Aanaa Bachoo Obbo Kaamil Mahammadnuur himaniiru.

Bakka Bu'aan itti Gaafatamaa Qonnaa Aanaa Bachoo Obbo Daanyachoo Taaddasaa Akka jedhanitti mootummaan jijjiiramaa galmoota gurguddoo afur damee baadiyyaatiin milkeessuuf qabatee hojjechaa akka jiru himanii, keessaayyuu wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun oomishaalee alaa galan biyya keessatti bakka buusuufi al ergee guddisuu akkasumas carraa hojii uumuuf hojiin eegalame milkaa'inaan itti fufee akka jiru himaniiru.

Akka aanichaatti waggoota darban keessatti hojiin eegalame bu'aawwan gaggaarii galmeessaa akka jiruu fi baranas xiyyeeffannaa kennamee hojiin facaasaa eegalamuufi qamadii bonaa jallisiin misoomsuuf Gandoolee hunda keessatti facaasaan gaggeeffamaa akka jiru Obbo Kaamil Mahammadnuur dubbataniiru.

Sagantaa facaasaa misooma qamadii Bonaa kanarratti ogeessa Qonnaa sadarkaa Godinaa Obbo Tafarii raggaasaatiin durfaman irratti argamuun qooda fudhataniiru.

Bulchaan Ganda Guddinaa soor gamasaaniitiin akka jedhanitti, Qonnaan bulaan keenya erga faayidaa hojichaa hubatee bu'aa argatee asitti kaka'umsa isaatiin Hojii misooma Jallisii bonee kana irratti cimee hojjechaa akka jiru ibsanii, Nutis tarsiimoo mootummaan gama kanaan qabatee jiru akka galma gahuuf deeggarsa barbaachisu hunda Qonnaan bulaa keenyaaf kenninee akkanni daran cimee fayyadamoo ta'uuf hojjechaa jirra jedhan.

Address

Ethiopia
Mettu

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Walif wali posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category