17/01/2023
Jabaattani jabeeysitani
Kaayyoo haqa Sabaa
Irbuus haaromfattanii
Faajji keenyaas Olqabaa!
Dhiigaan Sararee Olqabee
Osoo lafeenko Boba'uu
Dheebuf dadhabbi Obse
Rasaasan Diina akaa'uu!
Barii Barraaqa jadhuu
Halkaniis yootahe guyyaa
Irbuukoo haaromseera
Naan ijaara biyyaa!
Yoomu arkamaare
Kan haqa Sabaa bararu
Jajjabeen ilmaan ayya
"WBOn"koo haa waaru!
💪💪💪🐅❤💚❤WBO
Injifannoon kan Ummata Oromoo Bal'aati...
✍..by bal'oo