05/08/2024
//=======Adoolessa 29,2016======//
Godina Wallagga bahaa Aanaa Guutoo Giddaatti qorannaan raawwii hojii bara 2016 fi boqonnaa qophii karoora 2017 gaggeeffamaa jira
***/////***/////***//////***//////****//////***
Aanaa Guutoo Giddaatti Raawwiin hojii paartii fi mootummaa bara 2016 fi boqonnaan qophii karoora bara 2017 qooda fudhattoota Sadarkaa Gandaa, Hoggansa Aanaa fi bulchiinsota Magaalaa waliin gaggeeffamaa jira.
Qorannaa raawwii hojii gaggeeffamaa jiru kana irratti Bulchaan Bulchiinsaa Aanichaa Obbo Tamasgeen Gabbisaa argamuun yaada kaasaniin, hojiileen nageenyaa, misoomaa fi hawaasummaa Sadarkaa Gandoota Aanichaa fi bulchiinsota magaalaatti xiiqiidhaan hojjatamuun milkaa'ina Olaanaa fiduun danda'amuu eeruun,Bara 2017ttis kenna tajaajilaa keenya sadarkaa hundatti fooyyessuun,Qusannaa,Enterpreneurship,Al-seerummaa Gaba Jijjiirruun,Inisheetiivii,Haala,Tajaajila Hoggannuun ,Humnoota Waloo ,Badhaadhina Maatii, Baajata Mootummaa Fayyadamuun Baay'ina,Qulqulina fi Ariitiin hojjechuu Fayyadamummaa hawaasaa hundaan ol Mirkaneessuuf hanqinaa fi cimina keenya adda baasuun irratti hojjechuu qabnas jedhan
Kaayyoon Qorannoo raawwii hojii Kunis hanqinaalee fi ciminaalee adda baasuun tarsiimoo imala badhaadhinaa mootummaa galmaan gahuuf kallattii hojii fuula duraa kennuuf ta'uu Itti Gaafatamaan Paartii Damee Aanichaa Obbo Hindhibuu Baqqaanaa himanii jiru.
Akka isaan jedhanitti Qorannoo hojii bara 2016 fi Boqonnaa qophii bara 2017 gaggeeffamaa jiru kana irratti Hoggansa Sadarkaa Aanaa fi Gandaa akkasumas Bulchiinsaa Magaalota Aanichaa hundi arganii jiraachuu himanii,hanqina keenya ijoo fi cimina keenya adda baasuun bara 2017tti akkaataa barbaachisuun galmaan gahuun gama Dinagdee fi Hawaasummaan bu'aa caalmaa fiduuf ta'uu himanii jiru.
Waltajjii kanarratti Itti Gaafatamtuun Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Wallagga Bahaa Aadde Immabeet Bayyanaa Sanada "Tajaajila Nama giddu galeeffate Ijaarsa biyyaatiif!" jedhu dhiyeessuun irratti kan mari'atamu ta'uus himameera