05/03/2026
Iraan haleellaa Turkii irratti raawwachuu waakkatte
==============
Wayita Iraan fi hidhattoonni deeggarsa Iraan qaban biyyoota Arabaa daangaa isaanii jiran irraa hanga biyyoota Galoo Galaanaa hunda keessa jiran irratti haleellaa raawwatan, biyyi ollaa Iraan, Turkiin, garuu qilleensi ishee hanga ammaatti nagaadha.
Haata'u malee, haleellaa Iraaniin hanga yoonaa miidhamuu baattus, Roobii (Bitootessa 4, 2026) misaa'ela Iraan irraa itti dhukaafame meeshaa ittisa NATO'n qolachuu ibsiteetti.
Misaa'elli balistikii Iraan kun erga naannoo qilleensaa Siiriyaa fi Iraaq bira darbee gara naannoo qilleensaa Turkiitti qajeelee booda sirna ittisa qilleensaa fi misaa'ela NATO'n baha Galaana Meditiraaniyaanii keessatti barbadaa'uu Ministeerri Ittisaa Turkii ibseera.
Ministeerichi misaa'ela Iraan dhukaaste kanaan lubbuun namaa darbe ykn miidhaan irra gahe akka hin jirre beeksise.
Turkiin Iraanirraa misaa'elli itti dhukaafamuu himattus Iraan haleellaa misaa'elaa Turkii irratti hin raawwanne jechuun waakkachuushee miidiyaan Israa'el Haaretz gabaase.
Haleellaa Iraaniin hanga yoonaa kan hin miidhamne miseensi NATO, Turkiin, yoo haleelamte maaltu ta'a?