03/10/2026
Mootummaa Naannoo Hararii irra deebiin akka hogganuu fi uummata keenya tajaajiluuf carraa argachuu kootti gammachuu fi galata guddaa qaba.
Itti gaafatamummaa fi amanamummaa uummataa guddaa kana fedhii guutuu fi onnee guutuudhaan kan fudhadhe, uummata naannoo keenya seenaa qabeessa, akkasumas nagaa, jaalalaa, obbolummaa fi waliigaltee keessatti fakkeenya ta’eef amanamummaa, qulqullina yaadaa fi kutannoodhaan tajaajiluuf waadaa qabu irraa madde.
Yeroo dhufu keessatti, bu’aa hojiiwwan misoomaa fi jijjiirama hanga ammaatti galmeessine irratti hundaa’uun, naannoo keenya keessatti nagaa waaraa, misooma itti fufiinsa qabu fi bulchiinsa gaarii daran cimsinee gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf ni hojjenna.
Keessumaa hirmaannaa dargaggootaa fi dubartootaa daran guddisuun, dandeettii fi yaada isaanii hojii mootummaa fi misooma naannoo keenyaa keessatti akka gahee olaanaa qabaatan ni mijeessina. Sagaleen uummata keenyaa hundi akka dhagahamu, yaadni fi gaaffiin uummataa akka kabajamu, akkasumas tajaajilli mootummaa saffisaa, qulqulluu fi iftoomina qabu akka kennamuuf ciminaan ni hojjenna.
Naannoon Hararii mana keenya waliinii, calaqqee seenaa fi aadaa keenya, akkasumas mallattoo eenyummaa fi tokkummaa keenyaati. Kanaaf, nageenya, tasgabbii fi badhaadhina naannoo keenyaa eeguufi daran guddisuun itti gaafatamummaa keenya hundaati.
Imala misoomaa fi jijjiiramaa jalqabne gara milkaa’inaatti geessuun, Hararii naannoo badhaadhaa, nagaa fi carraa bal’aa qabu taasisuuf tumsa fi hirmaannaa keessan hunda barbaanna.
Tokkummaa keenya cimsinee, waliigaltee keenya jabeessinee, waliin hojjechuun gara fuulduraatti ni tarkaanfanna.
Tumsi, deeggarsi fi hirmaannaan keessan hojii keenya keessatti humna guddaa nuuf ta’a. Kanaaf, imala keenya kana keessatti harka wal qabannee, dhaloota har’aa fi dhaloota dhufuuf Hararii caalaatti badhaadheessuuf waliin haa hojjenu.