Bayaan

Bayaan Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bayaan, Grocers, 01, Remeti.

🇳🇴 NORWAY 🆚 ENGLAND 🏴󠁧󠁢󠁥󠁮󠁧󠁿🗓️ Saturday, 11 July, 2026⏰ GMT - 21:00 | BST - 22:00🏆 FIFA World Cup - Quarter-finals 🏟 Miam...
11/07/2026

🇳🇴 NORWAY 🆚 ENGLAND 🏴󠁧󠁢󠁥󠁮󠁧󠁿

🗓️ Saturday, 11 July, 2026
⏰ GMT - 21:00 | BST - 22:00
🏆 FIFA World Cup - Quarter-finals
🏟 Miami Stadium, Miami Gardens, Florida, United States

| | |
Norway 2_1 England 🤝

 👇 """"""""""""""''''""""""""""""""""""""""""""Arsiin Gosa Oromoo Guddaa yoo ta'u ilmaan   qaba   fi   Ilmaan Arsee Sikk...
11/07/2026

👇 """"""""""""""''''""""""""""""""""""""""""""
Arsiin Gosa Oromoo Guddaa yoo ta'u ilmaan qaba fi Ilmaan Arsee Sikkoo fi Mandoo gamaa gamanaa Gadab,Diida’a, Albasoo fi Baalee keessaa jiraatu.Kanumaaf yeroo baay’ee Arsii waabee gamaa fi Arsii waabee gamanaa jedhanii waamu.
Akka Gadaa Oromootti Arsiin qaba. Akka Sirna bulchinsa ammatti Arsiin Godinoota Afurii {4} fi Aanota jahaatamii Afur {64}qaba. 👇


1 Laga Hidhaa
2 Sawweena
3 Gindhiir
4 Bulchiinsa Magaalaa Gindhiir
5 Raayituu
6 Dawwee Sarar
7 Dawwee Qaachan
8 Gololcha


1 Agaarfaa
2 Diinsho
3 Barbaree
4 Gurraa dhaamolee
5 Dallo Mannaa
6 Madda Walaabuu
7 Harannaa Bulluq
8 Gooroo
9 Goobba
10 Sinaana
11 Magaalaa Roobee
12 Magaalaa Goobbaa
13 Gaasara


1 Amiinyaa
2 Asakoo
3 Asallaa
4 Balee Gasgaar
5 Collee
6 Digaluuf Xiijoo
7 Diksiis
8 Doddotaa
9 Honqoloo Waabee
10 Gololcha
11 Gunaa
12 Hexosa
13 Jajuu
14 Leemmuuf Bilbiloo
15 Loodee Heexosaa
16 Martii
17 Muunessa
18 Roobe
19 Seeruu
20 Siree
21 Sirka
22 Suudee
23 Xiichoo
24 Xiyyoo
25 Zuwaay Dugdaa
26 Shanan Kooluu


1 Adaabbaa
2 Dodolaa
3 Gadab Asaasaa
4 Kofale
5 Kokkosa
6 Qoree
7 Nansabo
8 Siraaroo
9 Shaallaa
10 Bishaan Gurraacha
11 Wandoo Gannat
12 Heeban Arsii
13 Arsii Nageellee
14 Bulchiinsa Magaalaa Nageellee
15 Shaashamannee
16 Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee
17 Bulchiinsa Magaalaa Dodolaa

11/07/2026

Namichi Oromoo jedhamu sun intala saba kamii fuudhee? Eessumni Ilmaan Oromoo eenyu!?

 ***************************1. Gurra kee hundumaaf keeni, sagalee kee garuu muraasaaf kenni. ( Wiiliyaam Sheekispiir)2. ...
04/07/2026


***************************
1. Gurra kee hundumaaf keeni, sagalee kee garuu muraasaaf kenni. ( Wiiliyaam Sheekispiir)

2. Gootummaan ijaan osoo hin ta'in onneedhani. ( W. Sheekispiir)

3. Oftuulummaan hojii guddaa namoota dadhabooti. ( W. Sheekispiir)

4. Tokkoon tokkoo daqiiqaawwan itti aarte keessatti gammachuu sekoondii 60 balleessita. ( R. WaldoEmerson)

5. Yaadotni gaggaariin gara hojiitti yoo hin jijjiiramne abjuurra hin wayyan. (R.Waldo Emerson)

6. Namni ogeessi hanga ofiin argatuun ol carraawwan haaraa uuma. ( Firaansis Baakon)

7. Dukkana keessatti halluuwwan hunduu bifa walfakkatu qabu. ( Firaansis Baakon)

8. Dhugaan dhokate yeroo eegee gara ifaatti ba'a. ( F. Baakon)

9. Baaxii mana keetii suphuu kan qabdu yeroo aduun baate ta'uu qaba. ( John F.Keneedy)

10. Sammuun yaada haarawaan guutame goonkumaa iddoo duraan turetti hin deebi'u. ( Oliiver Wendel Holmes

Doofummaa Jaarraa Kanaa🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴Ahmaddin Jabaliin💎💎💎💎💎💎Bu’aawwan miidiyaa hawaasummaa keessaa inni tokko, isaanuin ala sal...
26/04/2026

Doofummaa Jaarraa Kanaa
🔴🔴🔴🔴🔴🔴🔴
Ahmaddin Jabaliin
💎💎💎💎💎💎

Bu’aawwan miidiyaa hawaasummaa keessaa inni tokko, isaanuin ala salphaatti hubachuu kan hin dandeenye, jaarraa kana keessas doof**aan baay’een jiraachuu isaanii akka beeknu nu taasisuu isaati. Barreeffama kana barreessuuf yommuun ka’u: “Waa'ee doo**faa haasa'uun mataan isaayyuu ganda doof*aatti argamuu mitii? Barreessu moo dhiisu?” jedheen ofiin mari’adhe.

Dhuma irrattis, doof*ummaa doof*totaa saaxiluun (qulqulleessanii baasuun) barbaachisaa ta’ee waan natti mul’ateefin barreessuuf murteesse. Ergaan kun hunda akka qaqqabuuf karaa hundaan qoodaa (share godha). Yaada keessan jala, 'comment' barreessaa. Like godha. Yoo hordofaa (follower) fuula kanaa hin taane ta'e follow godhaa. Dubbisa gaarii.

«Muslimoonni, godaantanii yeroo dhuftan isin simanne»
❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌❌

Ilaalcha doofummaa jaarraa kanaa keessaa inni tokko: «Isin Muslimoonni, yeroo godaantanii dhuftan nuti isin simanne» kan jedhu dha. Eenyutu eenyun simate? Jechi kun sirrii kan ta'u utuu lammiin Itiyoophiyaa namni waggaa 1411 dura jaarraa torbaffaa keessa Itoophiyaa jiraachaa ture tokko dubbateera ta'eeti.

Nuti Itoophiyaanonni bara durii qabee, Giddu-galeessa Bahaa (Middle East) irraa jalqaba hordoftoonni amantaa Yihuudaa yeroo godaananii dhufan isaan simanne. Nu keessaa muraasni amanticha fudhatan. Itti aansee, akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 330 hordoftoonni amantaa Kiristaanaa muraasni biyya Sooriyaa irraa godaananii dhufan. Amanticha lallaban. Nu keessaa gariin lallaba isaanii fudhatanii Kiristaana ta'an.

Itti fufuun, bara 615 hordoftoonni amantaa Islaamaa (Sahaabonni) Makkaa irraa godaananii dhufan. Bilisummaa isaaniif kennuun, gaaffii baqattummaa isaanii fudhanne biyya keenya keessa akka jiraatan hayyamneef. Isaanis amanticha lallaban.

Nu keessaa muraasni Islaamummaa akka amantaatti fudhanne Muslima taane. Yeroo Itoophiyaa turan keessas baqattoonni muraasni asuma keessatti du'anii Tigraay keessatti awwaalaman. Kaannaan wagga

‎Dhugaan waa'ee Bermuudaa Triangle Amma har'aatti maaliif baramuu dadhabame? ‎‎Bermuudaa Triangle wanti jedhamu kun bakk...
04/04/2026

‎Dhugaan waa'ee Bermuudaa Triangle Amma har'aatti maaliif baramuu dadhabame?

‎Bermuudaa Triangle wanti jedhamu kun bakka balafamaa xiyyaarotaa fi dooniwwan heedduu liqimsuun beekamudha. Wanti kun kaaba Garba Atilaantikitti kan argamu yoo ta'u dhugaan bakka sana jiru garuu amma yoonaatti ifa miti.

‎Bara 1918 yeroo waraana 1ffaa, Dooniin Ameerikaa "USS Cyclops" jedhamtu nama 306 baattee bakka Bermuudaa Triangle jedhamu kanatti namni tokkoyyuu utuu hin argamin achi buuteen ishee dhabamte. Bara 1945, ammas xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa shan "Flight 19" jedhaman Filooridaa irraa ka'uun bakkuma kanatti liqimfamanii hafan. Isaaniin barbaaduufis xiyyaarri gargaarsaaf nama 13 baattee deemtes achumatti dhidhimtee hafte. Hamma yoonaatti tilmaamaan dooniwwan 100 ol ta'aniifi xiyyaarota hanga 75 ta'antu bakka kanatti liqimfamee hafe.

‎Ofii icciitiin bakka kana jiru maali?
‎--------------------------------
‎Icciitii bakka kana jiruuf ilaalchota lamatu jira. Ilaalcha Sheeko fi Saayinsawaadha.

‎Akka ilaalcha isa 1ffaatti, xiyyaaronnii fi dooniwwan kan bakka sanatti dhidhimanii hafan sababa Aliyeenotaa (UFO), Sireenotaa fi Boolla hamaatiini. Aliyeenonni uumama dachee kanaan ala jiraatan jedhamanii kan amanaman yoo ta'u isaanis naannoo Beermuudaa kanatti xiyyaarota icciitiin balali'an qabu jedhamanii shakkamu.

‎Sireeniin dubartii hamtuu qaamnishee gartokkeen simbirroo fakkaatu, kan gartokkoon immoo nama fakkaattudha. Akka jechamoota warra Giriikitti dubartiin nama fakkaattu kun sagalee bareedaa qabduun sirbitee nama maraachuun gara du'aatti harkistee nyaatti. Sireenonni kun qarqara galaanaa jiraatu jedhamee amanama.

‎Haaluma wal-fakkaatuun Maarmeedota warri jedhaman kan qaamaa gartokkoon nama fakkaatan, kan gartokkoon ammoo qurxummii fakkaatanis bakka kana jiru jedhamee yaadama. Warri kun garuu akka Sireenotaa hamoo miti jedhama.

‎Gareen biroon immoo Boolli hamaan namoota harkisee gara Addunyaa biraatti geessu bakka kana jira jedhanii amanu. Boolli kun humnaa

Nuti takkaa waancaa gubbaa dhaynee dhabnee gallee hin beeknu viva man city congratulations to all man city fans 🏆👈🏾💙🫡   ...
22/03/2026

Nuti takkaa waancaa gubbaa dhaynee dhabnee gallee hin beeknu viva man city congratulations to all man city fans 🏆👈🏾💙🫡

22/03/2026

Warri Manchester city jirtu?

Maanchisteer Siitiin tapha xumuraa Carabao Cup Wembley irratti adeemsifamaa jiruun 2-0n dursaa jira. Gooliiwwan lachuu t...
22/03/2026

Maanchisteer Siitiin tapha xumuraa Carabao Cup Wembley irratti adeemsifamaa jiruun 2-0n dursaa jira.

Gooliiwwan lachuu taphataa dargaggeessaa Nico O'Reilly daqiiqaa 60ffaa fi 64ffaa irratti kan galche yoo ta’u, goolii jalqabaa irratti dogoggorri eegduu goolii Kepa Arrizabalaga raawwate madda mormii guddaa ta’eera.

Murtii Mikel Arteta David Raya dhiisee Kepa taphachiisuuf murteesse dogoggora kaffalchiisaa jiraa?

Arsenaal daqiiqaa hafe keessatti deebii hatattamaa kennuu ni danda’aa moo waancaan harka Siitii galeera?

Yaada keessan comment jalatti nuuf dhiyeessaa!

Akeekkachiisa Sa'aatii 48 Pirezidaant Tiraamp Iraaniif KennanFinfinnee, Bitootessa 13, 2018 (FMC) – Pirezidaantiin Ameer...
22/03/2026

Akeekkachiisa Sa'aatii 48 Pirezidaant Tiraamp Iraaniif Kennan

Finfinnee, Bitootessa 13, 2018 (FMC) – Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Iraan yoo sa'aatii 48 keessatti Ulaa Hormuz lammata hin bantu ta'e, wiirtuulee humna annisaa biyyattii akka barbadeessan akeekkachiisan.

Iraan gama isheetiin, weerara irratti raawwatamuuf wiirtuulee annisaa naannichatti argamaniin fi Ameerikaa waliin hariiroo qaban irratti tarkaanfii haalloo ba’iinsaa gahaa akka fudhattu beeksisteetti.

Waraanni Giddu-gala Bahaa torbanoota afur lakkoofsise kun, sadarkaa addunyaatti raafama dinagdee fi hawaasummaa guddaa qaqqabsiisaa jira.

Keessattuu, waraana kana hordofee aan sararri dabarshaa boba’aa murteessaa ta’e ulaan Hormuz Iraaniin cufamuun isaa rakkoo jiru caalaatti hammeesseera.

Kanaan walqabatee gatiin boba’aa haala kanaan dura hin mul’anneen ol ka’ee kan jiru yoo ta’u, kunis dinagdee biyyoota hedduu qorumsa cimaa keessa galcheera.

Pirezidaant Tiraamp karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin dhaamsa dabarsaniin, Iraan yoo sa'aatii 48 keessatti balbalicha guutummaatti hin bantu ta’e, haleellaa hamaan akka ishee eeggatu akeekkachiisaniiru.

Haaluma kanaan, Teehraan hanga Bitootessa 23 walakkaa halkanitti sararicha hin bantu taanaan, Ameerikaan wiirtuulee humna annisaa biyyattii irratti haleellaa raawwachuun guutummaatti akka barbadeessitu dhaadataniiru.

Iraan akeekkachiisa pirezidaantichaaf deebii kenniteen, haleellaa wiirtuulee boba’aa Teehraan irratti raawwatamu kamiyyuuf tarkaanfii haallo ba’iinsaa wal-madaalu akka fudhattu doorsisteetti.

Akka gabaasa BBC-tti, Ameerikaan haleellaa kana kan raawwattu yoo ta’e, Iraan bu’uuraalee misoomaa humnaa, teeknoolojii fi kanneen biroo Washinton naannicharraa qabdu irratti akka xiyyeeffattu akeekkachiifteetti.

Gama biraatiin, waraanni Giddu-gala Bahaa keessatti gaggeeffamaa jiru naannichatti rakkoo hawaasummaa guddaa qaqqabsiisaa jira.

Waraana kanaan kanneen lubbuun darban malee, namoonni manni jireenyaa isaanii jalaa barbadaa’e ra

Address

01
Remeti

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bayaan posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category