08/25/2026
....
Mee gaaffilee armaan gadii kana warri Moolida kabaju nuuf deebisaa:
🔴 1. Nabiyyiin Rabbi ﷺ dhaloota isaa kabajee turee?
🔴 2. Sahaabonni Rabbi isaan irraa haa jaalatu, dhaloota Nabi ﷺ kabajanii turanii?
🔴 3. Taabi’oonni fi dhaloonni jaarraa sadan filatamoo ta’an keessatti dhalatan Moolida Nabi ﷺ godhanii turanii?
🔴 4. Kabajni dhaloota Nabi ﷺ seenaa keessatti yoom jalqabe?
🔴 5. Mawlidiin ibaadaadha moo aadaa hawaasummaa ti?
🔴 6. Waldhabbii Mawlidaa irratti jiru, bu’uura jaalala Nabi ﷺ irratti moo karaa jaalala isaa ittiin ibsannu irratti? ❤️
🔴 7. Qur’aana keessatti ragaan ifaan ifatti Mawlidaa kabajuuf jiru maali? 📖
🔴 8. Sunnaa keessatti ragaan sirrii fi ifaan ifatti Mawlidaa kabajuuf jiru maali? 📚
🔴 9. Hadiisni sahiihni ummata Mawlidaa Nabi ﷺ akka kabaju ajaju jiraa?
🔴 10. Sahaabota keessaa namni tokkolleen Nabi ﷺ dhaloota isaa kabajuuf namoota walitti qabe jedhame jiraa?
🔴 11. Imaam Shaafi’ii, Maalik, Ahmad fi Abu Haniifaan Mawlidaa kabajanii turanii? 📚
🔴 12. Namni jalqaba ayyaana Mawlidaa Nabi ﷺ qopheesse eenyu?
🔴 13. Mawlidaa Nabi ﷺ kabajuun jaarraa kami keessatti jalqabe? 📖
🔴 14. Mawlidiin Nabi ﷺ jaarraawwan sadeen jalqabaa keessatti kabajamee ni turee?
🔴 15. Du’a Nabii Rabbii ﷺ booda diiniin guutamee xumurame moo ibaadaa haaraya dabaluun ni danda’ama?
🌿 Walumaagalatti:
❓ Yoo Mawlidiin ibaadaa Rabbiitti ittiin dhihaatan ta’e, ragaan keessan sirrii fi ifaan ifatti Nabi ﷺ isa seera godhe ykn itti ajaje, yookaan sahaabonni Rabbi isaan irraa haa jaalatu isa hojjatan jedhu maali?
❓ Yoo ragaan akkanaa hin jirre, bu’uura shari’aa kamiin Mawlidaa ibaadaa addaa godhattanii?
❓ Nabiin Rabbii ﷺ fi sahaabonni isaa faayidaa ykn ajrii Mawlidaa beekanii osoo jiranii hin kabajne moo isaan faayidaa isaa hin beekne, nuti immoo isaan booda faayidaa isaa barannee?
Rabbiin hunduma keenya haqaa akka hordofnu nu haa qajeelchu. 🤲